YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA MAATEWOS 19

19
Gaaffii Wal Hiikuu Haadha Manaa Fi Abbaa Manaa
(Mar 10:1-12)
1Yesus dubbii kana hundumaa dubbatee erga raawwatee, Galiilaadhaa ka'ee gara kutaa biyya Yihudaa isa laga Yordaanos gamaa dhaqe. 2Tuuti sonaan guddaan isa duukaa bu'e, inni immoo warra dhukkubsatan achitti isaan in fayyise.
3Yommus warri Fariisotaa gara isaa dhufanii isa qoruudhaaf, ?Namni tokko sababiidhuma halleen haadha manaa isaa baasuun seeraa?? jedhanii gaafatan*. 4Inni garuu deebisee, ?Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume ?Dhiiraa fi dubartii akka uume? hin dubbifnee ree?? jedhe*. 5Itti dabalees, ? ?Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u*?. 6Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!? jedhe. 7Fariisonni immoo, ?Yoos Museen, ?Caaffata ittiin ishee baasu kenneefii haa baasu? jedhee maaliif abboome ree?? jedhanii Yesusin gaafatan*. 8Yesus deebisee, ?Museen sababii mata-jabina keessaniitiif haadha manaa keessan akka baaftaniif karaa isiniif bane malee, jalqabatti akkas hin turre. 9Ani isinittan hima, yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe in ejja? isaaniin jedhe*.#3 5:31-32 4 Uma 1:27; 5:2 5 Uma 2:24; Efe 5:31 7 Kes 24:1-4; Mat 5:31 9 5:32; Luq 16:18; 1Qor 7:10-11
10Yommus bartoonni isaa, ?Seerri abbaa manaa haadha manaa isaatti hidhu akkas yoo ta'e, fuudhuu hin wayyu? ittiin jedhan. 11Yesus immoo deebisee, ?Dubbii kana warra isaaniif kenname duwwaatu mataatti fudhata malee, namni hundinuu danda'ee mataatti hin fudhatu*. 12Dhalachuu isaaniitii jalqabanii xu'aashii kan ta'an jiru; warri harka namaatti xu'aashii ta'anis jiru; mootummaa waaqaatiif jedhanii warri akka xu'aashii of godhanis jiru. Namni kana mataatti fudhachuu danda'u haa fudhatu!? isaaniin jedhe*.#11 1Qor 7:7,17 12 1Qor 7:32-35
Yesus Mucoolii Eebbisuu Isaa
(Mar 10:13-16; Luq 18:15-17)
13Ergasii Yesus harka isaa irra kaa'ee akka isaaniif kadhatuuf, namoonni mucoolii gara isaatti fidan; bartoonni garuu ifatanii isaan dhowwan. 14Yesus immoo, ?Lakkisaa mucoolii dhiisaa, gara koo dhufuu isaan hin dhowwinaa! Mootummaan waaqaa warra akkasiitiif in ta'a? jedhe*. 15Yesus harka isaa mataa mucoolii irra in kaa'e; kana booddee immoo achii in adeeme.#14 18:2-3
Gaaffii Dargaggeessa Sooressa Tokkoo
(Mar 10:17-31; Luq 18:18-30)
16Kunoo, namni tokko gara Yesus dhufee, ?Yaa barsiisa! Jireenya bara baraa qabaachuuf hojii gaariin gochuun anaaf ta'u maal inni?? jedheen. 17Yesus immoo, ?Waa'ee hojii gaarii maaliif ana gaafatta? Isa tokkicha sanatu gaarii dha; jireenya sanatti galuu yoo feete garuu, abboommota eegi!? ittiin jedhe*. 18Kana irratti dargaggeessichi, ?Abboommota isaan kami?? jedheen. Yesus immoo deebisee, ? ?Hin ajjeesin, hin ejjin, hin hatin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba'in*! 19Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni; namas akka mataa keetiitti jaalladhu!? isa jedhu? jedheen*. 20Dargaggeessichi yommus, ?Kana hundumaa raawwadheera; egaa amma maaltu na duraa hir'ate?? jedheen. 21Kana booddee Yesus deebisee, ?Raawwatee guutuu ta'uu yoo feete, dhaqi qabeenya kee gurguri, warra deegaadhaaf kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta! Kottuutii ana duukaa bu'i!? jedheen*. 22Dargaggeessichi qabeenya guddaa qaba waan tureef, dubbii kana yommuu dhaga'e, gadde achii in adeeme*.#17 Luq 10:26-28; Gal 3:12,21 18 Uma 20:13-16; Kes 5:17-19 19 Uma 20:12; Lew 19:18; Kes 5:16 21 6:20; Luq 12:33; HoE 2:45; 4:34 22 Far 62:10
23Ergasii Yesus bartoota isaatiin, ?Ani dhuguman isinitti hima, namni sooressi mootummaa waaqaatti galuun rakkisaa dha. 24Ammas isinittan hima, sooressi tokko mootummaa Waaqayyootti galuu irra, gaalli qaawwa lilmoo keessa ba'uutu salphata? jedhe. 25Bartoonni kana yommuu dhaga'an baay'ee na'anii dinqifatanii, ?Egaa eenyutu fayyuu danda'a ree?? jedhan. 26Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ?Kun namootaaf hin danda'amu, Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda'ama? isaaniin jedhe*.#26 Uma 18:14; Iyo 42:2; Luq 1:37
27Phexros kana irratti, ?Kunoo nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buune'ootii, egaa maal arganna laata ree?? jedheen*. 28Yesus immoo, ?Ani dhuguman isinitti hima, biyya lafaa ishee haaraatti ilmi namaa ulfina isaatiin teessoo irra yommuu taa'u, isin warri na duukaa buutan immoo, teessota kudha lamaan irra teessanii, gosa Israa'el kudha lamaan keessatti firdii in kennitu*. 29Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis abbaa yookiis haadha yookiis ijoollee yookiis araddaa dhiise, dachaa dhibba in fudhata; jireenya bara baraas in argata. 30Garuu baay'een warra dura jiran keessaa warra hundumaa booddee kan ta'an jiru; warra hundumaa booddee jiran keessaas warra duraa kan ta'an jiru? isaaniin jedhe*.#27 4:20,22 28 25:31; Luq 22:28-30; Mul 3:21 30 20:16; Luq 13:30

Currently Selected:

WANGEELA MAATEWOS 19: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in