WANGEELA MAATEWOS 16
16
Warri Fariisotaa Milikkita Gaafachuu Isaanii
(Mar 8:11-13; Luq 12:54-56)
1Warri Fariisotaa fi warri Saduqootaa dhufanii Yesusin qoruudhaaf, akka inni milikkita waaqa irraa isaan argisiisuuf gaafatan*. 2Inni immoo deebisee, ?[Yeroo galgalaa'u, ?Waaqni diimateera, kanaaf bor bokkaan hin roobu? 3ganama immoo, ?Boruun diimatee duumessi irra buufateera, kanaaf har'a in rooba? in jettu. Egaa bifa waaqaa ilaaltanii waan ta'u himuu beektu, milikkita yeroo kanaa immoo hubachuu hin dandeessan.] 4Dhaloonni hamaan gara gaggalaanis milikkita in barbaada; garuu milikkita Yoonaas irraa kan hafe milikkinni tokko illee hin kennamuuf? isaaniin jedhe. Kana booddee achumatti isaan dhiisee adeeme*.#1 12:38; Luq 11:16 4 12:39; Luq 11:29; Yon 2:1; 3:4-5
Yaada Fariisotaa Fi Saduqootaa Irraa Of Eeggachiisuu Isaa
(Mar 8:14-21)
5Bartoonni yeroo bishaanicha gamatti ce'anitti, buddeena tokko illee fudhachuu irraanfatan. 6Yesus immoo, ?Ilaaladhaa! Raacitii warra Fariisotaa fi, warra Saduqootaa irraas of eeggadhaa!? isaaniin jedhe*. 7Yommus isaan walii isaanii gidduutti dudubbatanii, ?Isa nuyi buddeena hin fudhatiniif akkas jedha? jedhan. 8Yesus garuu kana baree, ?Yaa warra amantii hir'uu! Maaliif waa'ee buddeena dhabuu keessaniitti hiiktanii walii keessan gidduutti dudubbattu? 9Isin amma iyyuu yaadatti hin fudhattanii? Buddeenan shanan namoota kuma shaniif kennaman, hurraa gundoo meeqas akka walitti qabdan hin yaadattanii ree*? 10Yookiis buddeenan torban namoota kuma afuriif kennaman, gundoo meeqas walitti qabdan*? 11Attamittis waa'ee buddeenaaf akka ani isinitti hin dubbatin yaadatti fudhachuu dadhabdani ree? Anoo raacitii warra Fariisotaa fi Saduqootaattii of eeggadhaan jedhe? isaaniin jedhe. 12Ergasii isaan, waa'ee raacitii buddeenaa utuu hin ta'in, barsiisa warra Fariisotaa fi Saduqootaattii akka of eeggatan jechuu isaa akka ta'e hubatan.#6 Luq 12:1; 1Qor 5:6; Gal 6:9 9 14:17-21; Mar 6:34-44; Luq 9:11-17; Yoh 6:1-13 10 15:34-38; Mar 8:1-9
Phexros Waa'ee Yesus Dhugaa Ba'uu Isaa
(Mar 8:27-30; Luq 9:18-21)
13Yesus gara naanna'aa mandara Qiisaariyaa Filiphos yommuu dhaqe, ?Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhu?? jedhee bartoota isaa gaafate. 14Isaan yommus deebisanii, ?Kaan ?Inni Yohannis cuuphaa dha? jedhu, kaan ?Inni Eliyaas?, kaanis ?Inni Ermiyaas yookiis raajota keessaa tokko? jedhu? jedhan*. 15Yesus immoo, ?Isinoo, eenyu anaan jettu?? jedhee isaan gaafate. 16Simoon Phexros deebisee, ?Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti? jedhe*.#14 14:1-2; Mar 6:14-15; Luq 7:16; 9:7-8 16 26:63; Yoh 6:69; 11:27
17Kana irratti Yesus deebisee, ?Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati kan ayyaanomtee dha! Kana abbaa koo isa waaqa irra jirutu sitti mul'ise malee, yaadni nama foonii sitti hin mul'ifne*. 18Anis sittan hima, akkuma Phexros jechuun dhagaa jechuu ta'e, ati dhagaa dha; anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara, gooftummaan du'aas matumaa waldicha irratti humna hin godhatu hin mo'us*. 19Banaa mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a? jedhe*. 20Yommusumas Masiihicha ta'uu isaa nama tokkotti iyyuu akka isaan hin himneef, bartoota isaa cimsee abboome*.#17 17:5; Gal 1:15-16 18 Yoh 1:42; Efe 2:20; Isa 38:10 19 18:18; Yoh 20:23 20 17:9; Mar 9:9
Yesus Waa'ee Dhiphina Isaa Fi Du'a Isaa, Du'aa Ka'uu Isaas Dubbachuu Isaa
(Mar 8:31–9:1; Luq 9:22-27)
21Yeroo sanaa jalqabee Yesus gara Yerusaalem akka dhaqan harka maanguddootaatiin, harka luboota warra angafootaa fi barsiisota seeraatiin guddaa dhiphachuun, ajjeefamuun, guyyaa sadaffaattis du'aa kaafamuun akka isa irra jiru bartoota isaatti mul'isuutti ka'e*. 22Phexros immoo gara bukkeetti isa qabee, ?Waaqayyo si haa oolchu! Kun si irratti dhufuun hin ta'uuf? jedhe isa gorsuutti ka'e. 23Inni garuu gara gale Phexrosiin, ?Na duraa turi Seexana nana! Ati gufuu anatti taate, ati kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu? jedhe*.#21 12:40; 17:22-23; Yoh 2:19 23 4:10
24Ergasii Yesus bartoota isaatiin, ?Namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa'atee, ana duukaas haa bu'u*! 25Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in argata*. 26Namni biyya lafaa guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree? Yookiis namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda'a ree? 27Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira; yommus adduma addaan akka hojii isaatiitti gatii isaa in kennaaf*. 28Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabatanii jiran keessaa, kaan utuu hin du'in, ilmi namaa mootummaa isaatiin dhufuu isaa arguuf jiru? jedhe*.#24 10:38; Luq 14:27 25 10:39; Luq 17:33; Yoh 12:25 27 25:31; Far 62:12; Rom 2:6 28 10:23
Currently Selected:
WANGEELA MAATEWOS 16: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.