WANGEELA LUQAAS 21:25-27
WANGEELA LUQAAS 21:25-27 MACQUL
Itti fufee, ?Milikkinnis biiftuutti, ji'atti, urjootatti in ta'a; lafa irratti sabni hundinuu in muddama, huursaadhaa fi dha'aa galaanaa kan akka isaatii dhaga'amee kan hin beekne irraa kan ka'es, waan godhu in wallaala*. Namoonni naasuudhaaf isa biyya lafaatti dhufu sodaatanii eeggachuu irraa kan ka'e in laafu, humnoonni bantii waaqaa keessaa in raafamu. Yommus ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa keessa utuu dhufuu in argu*.