YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA LUQAAS 21

21
Yesus Buusii Haadha Hiyyeessaa Tokkoo Arguu Isaa
(Mar 12:41-44)
1Yesus achi ilaalee, badhaadhonni kennaa isaanii qodaa buusii keessa utuu buusanii arge. 2Haati hiyyeessaa tokkos sibiila diddiimtuu, kan akka saantiima lamaa, qodaa buusii kana keessa buusuu ishee arge. 3Kana irratti inni, ?Dhuguman isinitti hima, haati hiyyeessaa kun hunduma isaanii caalaa buufteetti. 4Isaan kun hundinuu bultoo isaanii irraa hafee kan kaa'atan keessaa qodaa buusii keessa buusan; isheen kun garuu danuu hiyyuma ishee keessaa, har'a ittiin buluudhaaf kan qabdu hundumaa qodicha keessa buufte? jedhe*.#4 2Qor 8:12
Yesus Waa'ee Diigamuu Mana Qulqullummaatii Fi Rakkina Dhufuu Dubbachuu Isaa
(Mat 24:3-14; Mar 13:1-13)
5Isaan keessaa kaan waa'ee dhagaa mimmiidhagaadhaa fi gati-jabeessaan, kennaa wareegaatiinis miidhagfamuu mana qulqullummaa dubbatan. 6Kana irratti Yesus, ?Kan isin ilaaltan kun hundinuu dhagaan tokko illee wal irratti utuu hin hafin, yeroon inni itti diigamu in dhufa? isaaniin jedhe*.#6 19:44
7Isaan immoo, ?Yaa barsiisaa kun yoom ta'a? Wanti kun yommuu ta'uudhaaf jedhu immoo milikkinni isaa maali?? jedhanii isa gaafatan. 8Yommus Yesus, ?Hubadhaa, hin gowwoomfaminaas! Baay'een, ?Ani Kristos, yerichi eeggatames ga'eera? jechaa maqaa kootiin in dhufu. Isin garuu isaan duukaa hin dhaqinaa! 9Lolaa fi raafamuu biyyaa yommuu dhageessan hin sodaatinaa! Kan akkasii kun duraan dursee ta'uun irra jira'o; garuu dhumni achumaan hin ta'u? jedhe. 10Itti fufees, ?Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka'a*; 11socho'i lafaa gurguddaan beellii fi dha'ichis biyya hundumaatti in ta'a, wanti rom'isiisaanii fi milikkinni gurguddaanis waaqa irraa in mul'ata. 12Wanti kun hundinuu utuu hin ta'in dura, isin in qabu, isin in ari'atus; yaa'ii warra mana sagadaatti, mana hidhaattis dabarsanii isin in kennu; anaaf jettanii fuula moototaatti, fuula abboota biyyaattis in geeffamtu*. 13Kanaanis karaa ittiin dhugaa naa baatan in argattu. 14?Maal jennee falmanna? jettanii yaadda'uu akka isin hin barbaachifne garaatti qabadhaa. 15Anuu akka ta'utti akka dubbattaniif ogummaa, warri isinitti falman dura dhaabachuu yookiis ittiin mormuu hin dandeenye isiniifan kenna*. 16Warri isin hore, obboloonni, aantiin keessanii fi firri keessan illee dabarsanii isin in kennu; isin keessaas kaan in ajjeesu. 17Hundinuu anaaf jedhanii isin in jibbu. 18Garuu rifeensi mataa keessanii tokko illee hin badu*. 19Egaa rakkina obsuu keessaniin jireenya keessan isa dhugaa in argattu? jedhee isaaniif deebise.#10 Isa 19:2; 2Sen 15:6 12 12:11; Mat 10:18; Yoh 15:20; HoE 12:1 14-15 12:11-12; Mat 10:19; HoE 6:10; Efe 6:19 16-18 Mat 10:21-22 18 12:7; Mat 10:30
Yesus Waa'ee Diigamuu Yerusaalem Dubbachuu Isaa
(Mat 24:15-21; Mar 13:14-19)
20Yesus itti fufee, ?Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan garuu, diigamuun ishee akka dhi'aate beekaa. 21Yommus Yihudaa kan jiran gara gaarotaatti haa baqatan, mandarattii keessa kan jiranis ba'anii haa adeeman, biyya keessa kan jiranis mandarattiitti ol hin galin*. 22Guyyoonni kun ?Guyyoota adabaa ti'o?, kan caafame hundinuu haa raawwatamuuf*. 23Garuu guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif wayyoo! Gidiraan jabaan biyyicha irratti, dheekkamsis saba kana irratti in dhufa*. 24Kaan qara billaatiin in du'u, kaan immoo biyya hundumaatti in booji'amu; Yerusaalemis saba Waaqayyoo warra hin ta'iniin irra in ejjetamti, kunis hamma barri, warra saba Waaqayyoo hin ta'initti kenname raawwatamutti? jedhe*.#21 17:31 22 Kes 32:35; Hos 9:7 23 1Qor 7:26 24 Kes 28:64; Isa 63:18; Far 79:1; Rom 11:25
Yesus Waa'ee Dhufaatii Ilma Namaa Dubbachuu Isaa
(Mat 24:29-31; Mar 13:24-27)
25Itti fufee, ?Milikkinnis biiftuutti, ji'atti, urjootatti in ta'a; lafa irratti sabni hundinuu in muddama, huursaadhaa fi dha'aa galaanaa kan akka isaatii dhaga'amee kan hin beekne irraa kan ka'es, waan godhu in wallaala*. 26Namoonni naasuudhaaf isa biyya lafaatti dhufu sodaatanii eeggachuu irraa kan ka'e in laafu, humnoonni bantii waaqaa keessaa in raafamu. 27Yommus ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa keessa utuu dhufuu in argu*. 28Kun hundinuu ta'uu yommuu jalqabu, mataa keessan ol qabadhaa, ol ilaalaas, furamuun keessan dhi'aateera? jedhe*.#25 Isa 13:10; His 32:7; Yoe 2:31; Mul 6:12-13; Far 65:7 27 Dan 7:13; Mat 26:64; Mul 1:7 28 Rom 13:11
Fakkeenya Muka Harbuu
(Mat 24:32-35; Mar 13:28-31)
29Ergasii Yesus fakkeenya kana isaanitti hime, ?Muka harbuu, mukeetii hundumaas ilaalaa. 30Latuu damee isaanii ilaaltanii, bonni akka dhi'aate in hubattu. 31Akkasuma isin immoo kun hundinuu akka ta'u yommuu argitan, mootummaan Waaqayyoo akka dhi'aate beekaa. 32Dhuguman isinitti hima, wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni si'anaa kun hin dhumu. 33Waaqnii fi lafti darbuuf jiru, dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu*? jedhe.#33 16:17
Yesus Dammaqanii Akka Of Eeggatan Barsiisuu Isaa
34Yesus yommus, ?Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba'aa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa*. 35Akkuma kanatti namoota guutummaa biyya lafaa irra jiraatan hundumaa irra in ba'ao*. 36Yeroo hundumaa dammaqaa, wanta ta'uuf jedhu kana hundumaa jalaa ba'uudhaaf, ilma namaa duras dhaabachuudhaaf humna akka argattaniif kadhadhaa? jedhe*.#34 Isa 5:11-13; Mat 24:48-50; Mar 4:19; Luq 17:27; 1Tas 5:3 35 Isa 24:17 36 Mat 26:41; Mar 13:33; 2Phe 3:11-13; 1Yoh 2:28
37Yesus guyyaa guyyaa mana qulqullummaa keessatti barsiisee, galgala galgala immoo gara gaara ?Gaara ejersaa? jedhameetti ba'ee, achi bula ture*. 38Namoonni hundinuu ganama obboroodhaan isa bira dhufanii, mana qulqullummaa keessatti dubbii isaa in dhaggeeffatu turan*.#37 19:47; Yoh 8:1 38 19:48

Currently Selected:

WANGEELA LUQAAS 21: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in