YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA LUQAAS 18

18
Fakkeenya Haadha Hiyyeessaa Tokkoo Fi Abbaa Firdii Jal'aa
1Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime*. 2?Abbaan firdii Waaqayyoon hin sodaanne, namas hin safeeffanne tokko, mandara tokko keessa ture. 3Mandarichuma sana keessaa immoo haati hiyyeessaa tokko yeroo yerootti deddeebitee, ?Anaa fi isa anatti falmu gidduutti firdii qajeelaa anaaf kenni!? jettee, itti boossi turte*. 4Inni immoo ishee jalaa didee lafa irra duraa harkise; booddee garuu innumtuu, ?Waaqayyoon yoon sodaachuu dhabaadhe, namas yoon safeeffachuu dhabaadhe, 5haati hiyyeessaa kun waan na dadhabsiiftuuf firdii kennuufii anaaf wayya, kanaa achi dhuftee ana nuffisiifti? jedhee ofitti dubbate? jedhe*.#1 Rom 12:12; Qol 4:2; 1Tas 5:17 3 Isa 1:17 5 11:7-8
6Gooftaan kana irratti, ?Dhaggeeffadhaa, waan abbaan firdii jal'aan kun jedhu! 7Waaqayyo immoo warra isaaf fo'amanii, guyyaa fi halkan gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasufii ree? Yookiis lafa irra duraa harkisaa ree*? 8Ani isinittan hima, dafee dhugaa in baasaaf; haa ta'u iyyuu malee, ilmi namaa yommuu dhufu amantii lafa irratti argata laataa?? jedhe.#7 Far 55:17-18
Fakkeenya Fariisichaa Fi Namicha Qaraxa Fuudhuu
9Yesus namoota warra ofii qajeelummaatti jiraanna jedhanii, of amanatanii, warra kaan hundumaa immoo tuffatanitti, fakkeenya kana dubbate*. 10?Jarreen lama kadhachuudhaaf mana qulqullummaatti ol galan; isaan Fariisicha tokkoo fi, namicha qaraxa fuudhu tokko turan. 11Fariisichi fuula dura dhaabatee garaa isaa keessatti, ?Yaa Waaqayyo, akka namoota warra kaanii, warra saamtuu, jal'oota, ejjitoota yookiis akka qaraxxuu kanaa iyyuu waanan hin ta'iniif sin galateeffadha*. 12Torban keessaa guyyaa lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko nan baasa? jedhee kadhate*. 13Inni qaraxa fuudhu sun garuu, achi fagaatee dhaabatee, ija isaan illee gara waaqaatti ol hin ilaalle; qoma isaa rukutachaa, ?Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami!? in jedha ture malee*. 14Egaa isa Fariisicha sana irra namichi qaraxa fuudhu kun Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee, gara mana isaatti akka deebi'e, isinittan hima; kan ol of qabu hundinuu gad in deebifama, kan gad of deebisu immoo ol in qabama? jedhe*.#9 16:15 11 Isa 58:2 12 11:42; Uma 14:20; Mat 9:14; 23:23 13 23:48; Far 51:3 14 14:11; Mat 23:12
Yesus Mucoolii Eebbisuu Isaa
(Mat 19:13-15; Mar 10:13-16)
15Yesus harka isaa akka isaan irra kaa'uuf, namoonni mucooliis immoo gara isaa in fidu turan; bartoonni kana yommuu argan, ifatanii isaan dhowwan. 16Yesus garuu mucoolii sana ofitti waamee, ?Lakkisaa, mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa, mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'ao. 17Dhuguman isinitti hima, eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simatutti kan hin simanne, itti hin galu? jedhe*.#17 Mat 18:3
Gaaffii Sooressicha Tokkoo
(Mat 19:16-26; Mar 10:17-27)
18Gurguddoota Yihudootaa keessaa tokko, ?Yaa barsiisaa gaarii, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal godhu?? jedhee isa gaafate*. 19Yesus immoo deebiseefii, ?Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. 20Abboommii isaa beekta, ?Hin ejjin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba'in, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!?? jedhe*. 21Namichi immoo, ?Kana hundumaa ijoollummaa kootii jalqabee raawwadheera? jedhe. 22Yesus yommuu kana dhaga'e namichaan, ?Amma illee wanti gochuun si hafe tokko jira, waan qabdu hundumaa gurgurii warra deegaadhaafis hiri, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta; erga hirtee booddee immoo kottuu ana duukaa bu'i!? jedhe*. 23Namichi garuu yommuu kana dhaga'e, baay'ee sooressa waan tureef, baay'isee gadde.#18 10:25 20 Bau 20:12-16; Kes 5:16-20 22 Mat 6:20
24Yesus gadda namichaa yommuu hubate, ?Warra qabeeyyiidhaaf mootummaa Waaqayyootti galuun attam rakkisaa dha. 25Sooressi tokko mootummaa Waaqayyootti galuu irra, gaalli qaawwa lilmoo keessa ba'uutu salphata? jedhe. 26Warri kana dhaga'an immoo, ?Egaa eenyutu fayyuu danda'a ree?? jennaan, 27inni immoo, ?Namaaf kan hin danda'amne, Waaqayyoof in danda'ama? jedhee deebiseef*.#27 19:8-9; Mar 14:36
Warri Hundumaa Dhiisanii Yesus Duukaa Bu'an, Kan Argatan
(Mat 19:27-30; Mar 10:28-31)
28Phexros yommus, ?Kunoo, nuyi qe'ee keenya dhiifnee si duukaa buuneerra? jedhe. 29Yesus immoo, ?Dhuguman isinitti hima, namni hundinuu mana, haadha manaa yookiis obboloota yookiis abbaa fi haadha yookiis ijoollee sababii mootummaa Waaqayyoof jedhee dhiise, 30bara jireenya isaatti dachaa baay'ee caalchisee in argata; bara dhufutti immoo jireenya bara baraatti in gala? isaaniin jedhe.
Yesus Si'a Sadaffaa Waa'ee Dhiphina Isaa Dubbachuu Isaa
(Mat 20:17-19; Mar 10:32-34)
31Yesus ergasii bartoota kudha lamaan kophaatti fudhatee, ?Kunoo gara Yerusaalemitti ol ba'uu keenya, waa'ee ilma namaatiif raajotaan kan caafame hundinuus in raawwatama. 32Harka warra saba Waaqayyoo hin ta'initti in kennama, itti in ga'ifama, in arrabsama, ittis in tufama; 33isa in reebu, in ajjeesus, inni immoo guyyaa sadaffaatti du'aa in ka'a? isaaniin jedhe*. 34Isaan garuu iji dubbichaa isaan duraa dhokatee waan tureef, dubbii kana keessaa waan tokko illee hin hubanne, waan jedhames hin qabanne*.#32-33 9:22,44 34 24:45; Mar 9:32
Namicha Jaamaa Kadhachaa Ture Fayyisuu Isaa
(Mat 20:29-34; Mar 10:46-52)
35Yesus Yerikootti yommuu dhi'aate, namichi jaamaan tokko karaa dura taa'ee, in kadhata ture. 36Sagalee namoota danuu karicha irratti dhageenyaanis, maal akka ta'e warra darbuutti jiran gaafate. 37Isaan immoo, ?Yesus nama Naazireet sanatu asiin darbaa jira? jedhanii itti himan. 38Kanaaf inni iyyee, ?Yesus, ilma Daawit na maari!? jedheen*. 39Warri fuula dura adeeman immoo calluma jechisiisuuf isa ifatan; inni garuu ittuma caalchisee iyyee, ?Ilma Daawit, na maari? jedhe. 40Yeroo sanatti Yesus dhaabatee, namicha jaamaa sana gara isaatti akka fidaniif abboome; namichis gara isaatti in dhi'aate. 41Yesus immoo, ?Maal akkan siif godhu barbaadda?? jedhee isa gaafate; kana irratti inni, ?Agartuu koo akka naa deebiftu, gooftaa ko? jedhe deebiseef*. 42Yesus immoo, ?Amantiin kee si fayyiseera'o, agartuun kee siif haa deebi'u? ittiin jedhe*. 43Achumaanis agartuun isaa deebi'eef; namichis Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa, Yesus duukaa bu'e. Namoonni sun hundinuus kana yommuu argan Waaqayyoof galata galchan*.#38 17:13; Mat 9:27 41 Mar 10:36 42 7:50; 17:19 43 7:16; 17:15

Currently Selected:

WANGEELA LUQAAS 18: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in