WANGEELA YOHANNIS 15
15
Yesus Muka Waynii Isa Dhugaa Ta'uu Isaa
1Yesus, ?Mukichi waynii inni dhugaan ana, mukicha dhaabee kan eeguu immoo abbaa koo ti*. 2Damee utuu anatti jiruu ija hin godhanne, hundumaa in mura; damee isa ija godhatu hundumaa garuu, caalchisee akka inni ija godhatuuf irraa in qeexa'a*. 3Isin ammuma iyyuu dubbii ani isinitti dubbadheen qulleeffamtaniittu*. 4Anatti qabadhaa jiraadhaa! Anis isinitti nan jiraadha; akkuma dameen muka waynichaatti qabatee yoo jiraachuu dhabaate ofiin ija godhachuu hin dandeenye, isin anatti qabattanii yoo jiraachuu dhabaattan ija godhachuu hin dandeessan. 5Ani muka waynichaa ti isin immoo damoota isaa ti; inni anatti qabatee jiraatu, anis isatti jiraadhu, isa ija baay'ee kan godhatu; anattii gargar baatanii waan tokko illee gochuu hin dandeessan*. 6Namni anatti qabatee hin jiraanne, akkuma damee sanaa in gatama, in gogas; damoota akkasiis walitti qabanii ibiddatti in naqu, in gubatus. 7Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'as*. 8Kanaan, ija baay'ee godhachuu keessaniin, bartoota koo akka taatanis mul'isuu keessaniin ulfinni abbaa koo in argama*.#1 Far 80:8-11,14-17 2 Mat 3:10; 15:13; Filp 1:9-11 3 13:10; Efe 5:26; 1Phe 1:23 5 1Qor 12:12,27; 2Qor 3:5-6 7 5:38; 14:13; Mar 11:24 8 Mat 5:16
9?Abbaan akka na jaallate, anis akkasuma isin jaalladheera; jaalala kootti qabamaa jiraadhaa! 10Akkuma ani abboommii abbaa kootii hundumaa eegee, jaalala isaattis qabamee jiraadhu, isinis abboommii koo hundumaa yoo eegdan jaalala kootti qabamtanii in jiraattu*. 11Gammachuun koo isin keessatti akka argamuuf, gammachuun keessanis guutuu akka ta'uufan kana hundumaa isinitti dubbadhe*.#10 14:15; 8:29; 1Yoh 2:5; 5:3 11 16:24; 17:13; 1Yoh 1:4
12?Abboommiin koo isa kana; ani akkan isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa*! 13Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda'u*. 14Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota koo ti*. 15Ani garboota isiniin hin jedhu, garbichi waan gooftaan isaa godhu hin beeku'o; ani garuu firoota koo isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhaga'e hundumaas isin beeksiseera*. 16Isin ana hin fo'anne, anatu isin fo'ate; dhaqxanii akka ija godhattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf, maqaa kootiin abbaa waan kadhattanis akka inni isiniif kennuuf, ani isin kaaseera*. 17Kana hundumaa akka isin wal jaallattaniifan isin abbooma? jedhe*.#12 13:34; 15:17; 1Yoh 3:11,23; 4:19; 2Yoh 5 13 10:11; 1Yoh 3:16; Rom 5:6-8 14 8:31; Mat 12:50; 7:21-23 15 Luq 12:4; Yaq 2:23 16 6:70; 13:18; 16:23 17 15:12
Jibba Biyya Lafaa
18Yesus itti dabalees, ?Biyyi lafaa yoo isin jibbe, isin dura akka ana jibbe beekaa*! 19Kan biyya lafaa utuu taatanii, biyyi lafaa akka kan isaatiitti isin in jaallata ture; amma garuu anatu biyya lafaa keessaa isin fo'ate malee, isin kan biyya lafaa waan hin ta'iniif, biyyi lafaa isin in jibba*. 20Dubbii ani, ?Hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu? jedhee isinitti hime yaadadhaa! Kanaaf na ari'atanii yoo jiraatan isinis in ari'atu; dubbii koo eeganii yoo jiraatan, dubbii keessanis in eegu*. 21Sababii kootiif jedhanii kana hundumaa isin irratti in raawwatu, isa na erge sana hin beekani'o*. 22Utuu ani dhufee isaanitti hin dubbanne ta'ee, cubbuu isaanitti hin ta'u ture; amma garuu cubbuu isaaniif waan itti qabatan hin argatan*. 23Namni na jibbu, abbaa koos immoo in jibba*. 24Utuu hojii namni biraa tokko illee hin hojjetin kana hundumaa, ani isaan gidduutti hin hojjenne ta'ee, cubbuu isaanitti hin ta'u ture; amma garuu hojii kana hundumaa utuma arganii, anas abbaa koos in jibban*. 25Kana gochuun isaaniis, dubbiin seera isaanii keessatti, ?Sababiidhuma malee na jibban? jedhamee caafame akka raawwatamuuf*.#18 7:7; 1Yoh 3:13 19 17:14; 1Yoh 4:5-6; Luq 6:22 20 13:16; Mat 10:24-25; Luq 6:40 21 16:3; Mat 5:11 22 9:41 23 5:23; Luq 10:16; 1Yoh 2:23 24 10:37-38; 9:41; 14:11; 12:37 25 Far 35:19; 69:4
26?Hafuura isa isiniif dubbatu, abbaa biraa isiniif nan erga; hafuurri dhugaa inni abbaa biraa ba'u sun yommuu dhufu, anaaf dhugaa in ba'a*. 27Isinis immoo jalqabaa jalqabdanii anaa wajjin waan turtaniif, dhugaa in baatu? jedhe*.#26 14:16,26; Luq 24:49; 1Yoh 5:6-7 27 Luq 1:2; HoE 1:8,21-22; 1Yoh 4:14
Currently Selected:
WANGEELA YOHANNIS 15: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.