WANGEELA YOHANNIS 14
14
Yesus Karaa Gara Abbaatti Geessu Ta'uu Isaa
1Yesus itti fufee bartoota isaatiin, ?Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa*! 2Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema*. 3Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif, deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha*. 4Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu? jedhe. 5Toomaas immoo, ?Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?? jedheen. 6Yesus deebisee, ?Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu*. 7Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos in beektu turtan; ammaa jalqabdanii isa in beektu, isa argitaniittus? jedheen*. 8Filiphos immoo, ?Yaa gooftaa, abbaa nu argisiisi, kanaa achi nu ga'a? ittiin jedhe*. 9Yesus deebisee, ?Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, ?Abbaa nu argisiisi? jetta ree*? 10Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru hin amantuu ree? Abbaa isa ana keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta malee, dubbii ani isinitti dubbadhu hundumaa ofuma kootiin hin dubbadhu*. 11Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru na amanaa! Yookiis sababii hojichuma kana hundumaaf ana amanaa*!#1 14:27; 12:44; Mar 11:22 2 Mat 25:34; 2Qor 5:1; Ibr 11:16 3 12:26,32; 17:24; 1Tas 4:17 6 11:25; Mat 11:27; Rom 5:1-2; Ibr 10:20 7 8:19 8 Bau 33:18-23 9 12:45; 2Qor 4:4; Qol 1:15; Ibr 1:3 10 12:49 11 10:25,37-38
12?Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu waan ani hojjedhu hundumaas in hojjeta; ani gara abbaa waanan dhaquuf kana irra kan caalu iyyuu in hojjeta*. 13Abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha*. 14Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha? jedheen*.#12 7:33; 14:28; Mat 17:20; 28:19; HoE 2:41 13 15:7,16; Mar 11:24 14 16:23-24; 1Yoh 5:14-15
Yesus Hafuura Qulqulluu Abdachiisuu Isaa
15Yesus itti fufee, ?Isin yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu*. 16Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna*. 17Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaa ti; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin danda'u. Isin garuu, inni isinii wajjin waan turuuf, isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu*. 18Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa*. 19Yeroo gabaabduu booddee biyyi lafaa deebi'ee ana hin argu, isin garuu ani waanan jiraadhuuf, isinis immoo jiraachuuf waan jirtaniif na argitu*. 20Gaafas ani abbaa koo keessa, isin immoo ana keessa, anis isin keessa akkan jiru beekuuf jirtu*. 21Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa, kan na jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira? jedhe*.#15 15:10; 1Yoh 5:3 16 14:26; 15:26; 16:7; 1Yoh 2:1 17 16:13; Mat 10:20; Rom 8:26; 1Qor 2:14 18 14:3,28; Mat 28:20 19 16:16; 20:20 20 14:10-11; 17:21-23 21 16:27; 1Yoh 5:3
22Yihudaa nama biyya Keriyot utuu hin ta'in, Yihudaa inni tokko, ?Gooftaa, attamitti ati biyya lafaatti utuu hin ta'in nutti of mul'ifta ree?? ittiin jedhe*. 23Yesus deebisee, ?Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata, abbaan koo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in dhufna, iddoo jireenyaas isa bira in godhanna*. 24Namni ana hin jaallanne immoo dubbii koo hundumaa hin raawwatu, dubbiin isin dhageessan kunis kan abbicha isa na ergee ti malee, kan koo miti? jedheen*.#22 HoE 10:40-41 23 14:21; Mat 18:20; 2Qor 6:16; Efe 3:17-19 24 7:16-17; 14:10
25Yesus ammoo, ?Kana hundumaa utuun isin bira jiruu isinitti himeera. 26Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa*. 27Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis*! 28?Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa? akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan na caala'o*. 29Kunis yeroo raawwatamu akka amantaniif, duraan dursee utuu inni hin ta'in kunoo isinitti himeera*. 30Kanatti dabalee si'achi waan baay'ee isinii wajjin hin dubbadhu, inni biyya lafaa kana seerratu dhufuutti jira; haa ta'u iyyuu malee, inni ana irratti aboo hin qabu*. 31Garuu ani abbaa jaallachuu koo, akka abboommii abbaan anaaf kennettis hojjechuu koo biyyi lafaa haa beeku; ka'aa egaa itti adeemnaa!? jedhe*.#26 14:16; 15:26; 16:7; Mat 10:19-20 27 14:1; 16:33; Rom 5:1; Filp 4:7 28 14:3,12,18,23 29 13:19; 16:4 30 12:31; 16:11; Efe 2:2 31 10:18; 12:49; Mat 26:46
Currently Selected:
WANGEELA YOHANNIS 14: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.