YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Abboota Firdii 8

8
Warri Miidiyaan Raawwatanii Mo'amuu Isaanii
1Ergasii namoonni Efreem,<<Ati warra Miidiyaan loluudhaaf yommuu baate maaliif nu waamuu didde>> Maaliif akkas nu goote?>> jedhanii Giidewonin cimsanii in lolan*. 2Inni garuu deebisee,<<Ani hamma keessan hojjedheeraa ree>> Qarmiin ija waynii sanyiin Efreem funaanan isa sanyiin Abii'ezer guutummaatti ciranii galchan in caala mitii ree>> 3Waaqayyo immoo Oreebii fi Ze'eebin gurguddoota Miidiyaan harka keessan keessa buuseera; ani garuu hamma isin hojjettan kana maalan hojjedhe ree?>> jedhe; dubbii akkasii yeroo inni isaanitti dubbatetti, aariin isaanii irraa in gale.#1 12:1
4Giidewonii fi jarreen dhibbi sadan isaa wajjin turan hamma laga Yordaanositti adeemanii, lagicha in ce'an; utuma dadhabanii iyyuu diinota isaanii ari'uu ittuma in fufan. 5Mandara Suukoot yommuu ga'an, Giidewon namoota achi jiraataniin,<<Jarreen ana duukaa jiran kun dadhabaniiru, hadaraa buddeena kennaaf! Ani immoo Zebaa fi Zalmunaa mootota Miidiyaan hordofuuttan jira>> jedhe. 6Gurguddoonni Suukoot immoo deebisanii,<<Loltoota keetiif buddeena akka kenninuuf Zebaa fi Zalmunaa harka kee jala galfatteettaa ree?>> jedhaniin. 7Giidewon kana irratti,<<Waaqayyo yommuu Zebaa fi Zalmunaa harka koo keessa buusutti, ani qoraattii caakkaatiin, kombolchaanis isin reebee dhagna keessan nan kukkuta>> jedheen. 8Achii immoo ba'ee gara mandara Pheeni'el dhaqee namoota isaatiif buddeena in gaafate; namoonni Pheeni'elis akkuma warra Suukootitti deebii in deebisaniif. 9Kana irratti Giidewon namoota Pheeni'eliin,<<Nagaadhaan yommuun deebi'u riqaa kana nan jigsa>> jedhe.
10Yeroo sanatti Zebaanii fi Zalmunaan loltoota isaanii gara nama kuma kudha shanii wajjin iddoo <<Qarqor>> jedhamu tokko turan; isaan hundinuu loltoota warra gara ba'a-biiftuu jiraatanii keessaa kan hafan turan; lola keessatti kan dhuman immoo namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma digdama turan. 11Giidewon kana booddee Nobaa fi Yogbihaaraa gara ba'a-biiftuutiin daandii kara-adeemtuu irra dhaqee, loltoota bir'aa malee taa'an sana in rukute. 12Mootonni warra Miidiyaan lamaan Zebaanii fi Zalmunaan in baqatan; Giidewon garuu duukaa bu'ee isaan in booji'e; kana irraa kan ka'es loltoonni Miidiyaan sun sodaatanii lapheen isaanii in sirbe.
13Yommus Giidewon ilmi Yo'aas iddoo lolaa sanaa karaa Haaresitti ol ba'u irra gad in bu'e. 14Namoota Suukoot keessaa dargaggeessa tokko qabee isa irraa in qorate; innis maqaa gurguddoota mandara Suukootii fi maanguddoota ishee kan nama torbaatamii torbaa in caafeef. 15Giidewon ammoo gara Suukoot dhaqee namoota isheetiin,<<Zebaanii fi Zalmunaan warri isin waa'ee isaaniitiif anatti ga'iftanii,<<Namoota kee warra dadhabaniif buddeena akka kenninuuf Zebaa fi Zalmunaa harka kee jala galfatteettaa ree?>> jettan kunoo ti!>> jedheen. 16Maanguddoota Suukoot warra hojii mandaraa geggeessan qabee, qoraattii caakkaatiin, kombolchaanis guddisee isaan in reebsise. 17Akkasuma immoo riqaa Pheeni'el jigsee, namoota mandarichaas in ajjeesise.
18Giidewon yommus Zebaa fi Zalmunaadhaan,<<Namoota attamii Taaboritti ajjeeftan?>> jedhee in gaafate; isaan immoo deebisanii,<<Si fakkaatu, bifni isaaniis bifa ijoollee mootii in fakkaata>> jedhaniin. 19Giidewon deebisee,<<Isaan obboloota koo haadhoowwan koo turan; dhugaa Waaqayyoo isa jiraataa ti! Utuu isin isaan hin ajjeefne ta'ee, anis isin hin ajjeesuun ture!>> isaaniin jedhe*. 20Inni achumaan Yeter ilma isaa isa angafaan,<<Ka'iitii jara kana ajjeesi!>> jedhe; Yeter garuu mucaa waan tureef, in sodaate, billaa isaas hin luqqifanne. 21Zebaanii fi Zalmunaan,<<Humni namaa hammuma abbichaa ga'a, kanaaf ati ofii keetii ka'iitii nu rukuti!>> jennaan, Giidewon ka'ee isaan ajjeese; saakura morma gaalota isaaniitti tures ittii in fudhate*.#19 Lak 35:31 21 Far 83:11
22Ergasii namoonni Israa'elis Giidewoniin,<<Harka warra Miidiyaan jalaa waan nu baafteef, ati, ilmi kee fi ilmi ilma keetii nu irratti mo'aa!>> jedhan. 23Giidewon garuu deebisee,<<Waaqayyo isin irratti haa mo'u malee, ani isin irratti hin mo'u, ilmi koos isin irratti hin mo'in!>> jedheen*. 24Itti fufees,<<Waanan isin gaafadhu tokko qaba, innis hundumti keessan boojuu keessan keessaa amartii gurraa akka anaaf kennitanii dha>> jedhe; amartii warqee gurratti kaa'achuun aadaa Ishmaa'eloota warra booji'aman sanaa ture. 25Kanaaf isaan,<<Gammachuudhaan in kennina>> jedhanii deebisaniif; isaan wayyaa lafa afanii adduma addaan waan booji'an keessaa amartii gurraa irra in bubbuusan. 26Amartiin warqee Giidewon gaafatee fudhate sheeqelii kuma tokkoo fi dhibba torba; innis akka kiilo graamii digdamaa in miijana ture; kana malees mi'a miidhaginaa, callee garaa garaa, uffannaa dhiilgee mootonni warra Miidiyaan uffatanii fi saakura morma gaalotaa isaaniitti baafate argatee ture. 27Giidewon amartiiwwan warqee sana bifa dirata qomaatiin tolchee mandara isaa ishee<<Ofraa>> jedhamtu keessa in kaa'e; Israa'eloonni hundinuu garuu Waaqayyoof amanamuu dhiisanii bifa sanaaf sagaduutti gara galan; bifni kun Giidewonii fi maatii isaatti iyyuu kiyyoo in ta'e*.#23 1Sam 8:7 24-27 Bau 32:2-4
28Warri Miidiyaan harka Israa'elootaa jala erga galanii deebi'anii mataa isaanii ol hin qabanne; bara Giidewon keessa biyyichi waggaa afurtamaaf gabiitti in jiraate.
Giidewon Erga Du'ee Israa'eloonni Waaqayyoon Irraanfachuu Isaanii
29Giidewon ilmi Yo'aas inni<<Yiruub-Ba'aal>> jedhame deebi'ee mana isaatti galee taa'e. 30Inni dubartoota baay'ee fuudhee, ilmaan torbaatama in godhate. 31Saajjatoon isaa isheen Sheekem turtes ilma in deesseef; inni immoo maqaa mucichaa <<Abiimelek>> jedhee moggaase. 32Giidewon ilmi Yo'aas jireenya gaarii jiraatee dulloomee in du'e; mandara Ofraa isa kan Abii'ezer keessatti lafa awwaala abbaa isaatiitti in awwaalame.
33Giidewon erga du'ee Israa'eloonni ammoo Waaqayyoof amanamuu dhiisanii Ba'aal waaqayyolii tolfamoof sagaduutti gara galan; isaan keessaa immoo <<Ba'aal Kakuu>> jedhanii Waaqayyo isaanii in godhatan*. 34Israa'eloonni Waaqayyoon gooftaa isaanii isa harka diinota naannoo isaanii jiran hundumaa keessaa isaan fure deebi'anii hin yaadanne. 35Akkasumas gaarummaa Giidewon inni<<Yiruub-Ba'aal>> jedhame isaaniif godhe hundumaaf maatii isaatti iyyuu waan tolaa hin dubbanne.#33 9:4,46

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Video for Macaafa Abboota Firdii 8