YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Abboota Firdii 7

7
Giidewon Warra Miidiyaan Rukutuu Isaa
1Giidewon, inni<<Yiruub-Ba'aal>> jedhame, warri isaa wajjin turanis ganamaan ka'anii, burqaa Haarod bira in buufatan; buufanni warra Miidiyaan immoo tulluu Mooree irraa gara bitaatti dachaa keessa ture. 2Waaqayyo yommus Giidewoniin,<<Namoonni sii wajjin jiran waan baay'ataniif, warra Miidiyaan harka isaaniitti dabarsee hin kennu; yoon kenne immoo Israa'eloonni,<<Humna keenyaan of oolchine>> jedhanii ana irratti of in jaju*. 3Ammas namootatti lallabiitii,<<Namni isin keessaa sodaatee lapheen isaa sirbu tulluu Giil'aad irraa ka'ee gara manaatti haa deebi'u!>> jedhi!>> jedhe; yommus jara sana keessaa namoonni kumni digdamii lama gara manaatti deebi'an, namoonni kumni kudhan immoo achitti in hafan*.#2 Kes 8:17-18 3 Kes 20:8
4Waaqayyo ammas Giidewoniin,<<Amma iyyuu namoonni sii wajjin jiran in baay'atan; gara laga bishaaniitti isaan geessi, anis achitti gargar siif nan fo'a; namni ani,<<Sii wajjin haa dhaqu!>> jedhu, haa dhaqu! Inni ani,<<Sii wajjin hin dhaqin!>> jedhu immoo, hin dhaqin!>> jedhe. 5Giidewon namoota gara bishaaniitti in geesse; Waaqayyo immoo,<<Nama akka sareetti arraba isaatiin bishaan dhuguu fi nama jilbeenfatee dhugu gargar baasi!>> jedheen. 6Lakkoobsi namoota harka isaanii keessaa arraba isaaniitiin bishaan dhuganii dhibba sadii ture; warri hafan hundinuu garuu jilbeenfatanii in dhugan. 7Waaqayyos Giidewoniin,<<Namoota dhibba sadan warra arraba isaaniitiin bishaan dhugan sanaan Israa'elin harka warra Miidiyaan nan oolcha, warra Miidiyaan immoo harka kee keessa nan buusa; dhibbi sadan sun duwwaan haa hafan malee, warri kaan hundinuu lafa dhufanitti haa deebi'an!>> jedhe. 8Kana irratti Giidewon galaa isaaniitii fi fiinoo isaanii harkaa fuudhee gara mana mana isaaniitti isaan deebise; warra dhibba sadan sana garuu of biratti in hambifate; buufanni warra Miidiyaan immoo tulluu inni irra ture gad-jallaa dachaa keessa ture.
9Waaqayyo halkanuma sanatti Giidewoniin,<<Buufata isaanii harka kee keessa waanan buusuuf, ka'iitii itti duuluudhaaf gad bu'i! 10Buufata isaaniitti duuluu yoo sodaatte garuu dura naa'oo kee isa <<Phuraa>> jedhamuu wajjin gad bu'i! 11Waan isaan jedhan erga dhageessee booddee, buufata isaaniitti duuluudhaaf humna in argatta>> jedhe; yommus Giidewon naa'oo isaa Phuraa wajjin gara loltoota daarii buufata warra Miidiyaan jiraniitti gad in bu'e. 12Warri Miidiyaan, warri Amaaleqii fi warri gara ba'a-biiftuu jiraatan akka gurmuu hawaannisaatti baay'atanii dachaa keessa buufatanii turan; baay'inni gaalota isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa lakkoobsa hin qabu ture*. 13Giidewon iddoo buufatichaa yommuu ga'etti, namni tokko hiriyaa isaatti abjuu in himata ture; innis,<<Kunoo, bixxilleen garbuu tokko konkolaachaa gara buufata warra Miidiyaanitti gad in dhufe; innis dunkaana tokkotti bu'ee, buqqisee in gara galche; kana irratti dunkaanichi in kufe>> jedhe. 14Hiriyaan isaas,<<Kun billaa Giidewon ilma Yo'aas nama Israa'elitti hiikama malee, waan biraatti hin hiikamu; Waaqayyo akkasitti warra Miidiyaanii fi loltoota isaanii hundumaa harka isaatti dabarsee kennuu isaa ti>> jedhee deebiseef.#12 6:5
15Giidewon abjichaa fi hiikaa isaa yommuu dhaga'e, Waaqayyoon in galateeffate; gara loltoota Israa'elitti deebi'ees isaaniin,<<Loltoota warra Miidiyaan Waaqayyo harka keessanitti dabarsee waan kenneef, ka'aa!>> jedhe. 16Jarreen dhibba sadan sanas iddoo sadiitti hiree, fiingeedhaa fi huuroo duwwaa guca of keessaa qabu tokko tokko hunduma isaaniitti in kenne. 17Giidewonis,<<Na ilaalaatii, daarii buufatichaa yommuun ga'u waanan hojjedhu isinis immoo hojjedhaa! 18Anii fi namoonni anaa wajjin jiran fiingee yommuu afuufnu, isinis immoo naannoo buufatichaa hundumaatti fiingee afuufaatii,<<Waaqayyoof! Giidewoniif!>> jedhaatii iyyaa!>> jedhee jara abboome.
19Giidewonii fi namoonni dhibbi tokko warri isaa wajjin turan yeroo kutanni halkan eegu inni lammaffaan geddaramutti gara daarii buufatichaa dhufanii fiingee isaanii afuufanii huuroo harkatti baatanis in caccabsan. 20Akkasuma kutanni sadanuu fiingee isaanii afuufanii huuroo isaaniis caccabsanii, harka isaanii bitaatiin guca, isa mirgaatiin immoo fiingee qabatan afuufanii,<<Lolli kan Waaqayyoo ti! Lolli kan Giidewon!>> jedhanii in iyyu turan. 21Hundumti isaanii buufata sanatti naanna'anii iddoo qabatanii waan dhaabataniif, loltoonni achi buufatan hundinuu baqatanii iyyaa sokkan. 22Namoonni Giidewon dhibbi sadanuu fiingee isaanii yeroo afuufanitti Waaqayyo akka loltoonni Miidiyaan walii isaaniitti ka'an in godhe; isaan billaadhaan walii isaanii rukutanii gara mandara Bet-Shitaahitti, gara mandara Zereeraatti hamma daarii Abeel Meholaatti isa Xabaat bukkee jirutti in baqatan. 23Yommus namoonni Israa'el sanyii Niftaalem, sanyii Asheerii fi sanyii Minaasee hundumaa keessaa waamamanii warra Miidiyaan ari'uuf in ba'an. 24Giidewon biyya gaara Efreem gubbaa warra jiraatan hundumaatti namoota ergee,<<Kottaa gara warra Miidiyaanitti gad bu'aatii fuullee isaaniitiin hamma Bet-Baraatti karaa bishaanii fi malkaa Yordaanos duraa qabadhaa!>> jedhe; namoonni Efreemis hundinuu wal duukaa ba'anii hamma Bet-Baraatti karaa bishaanii fi malkaa Yordaanos in qabatan. 25Warra Miidiyaan ari'anii, Oreebii fi Ze'eebin gurguddoota Miidiyaan lamaan booji'anii, Oreebin kattaa isa maqaa isaatiin <<Kattaa Oreeb>> jedhamee moggaafame biratti Ze'eebin immoo iddoo cuunfaa waynii isa maqaa isaatiin <<Ze'eeb>> jedhamee moggaafame biratti in ajjeesan; mataa Oreebii fi mataa Ze'eeb kutanii Yordaanos gamatti Giidewonitti in geessan*.#25 Far 83:11; Isa 9:3; 10:26

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Video for Macaafa Abboota Firdii 7