YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Abboota Firdii 5

5
Faarfannaa Deboraa Fi Baaraaq Faarfatan
1Gaafas Deboraanii fi Baaraaq ilmi Abiino'aam faarfannaa kanatti fufee jiru in faarfatan.
2Geggeessitoonni geggeessuu isaaniitiif,
sabni Israa'elis fedha isaaniitiin of kennuu isaaniitiif,
Waaqayyoon jajadhaa!
3Ani ofii kootii Waaqayyoon nan faarfadha,
Waaqayyo gooftaa Israa'eliif
qooqa mi'a garaa garaas nan dhageessisa;
kanaaf yaa mootota nana dhaga'aa,
isinis yaa gurguddoota nana
gurra keessan as qabaa!
4Yaa Waaqayyo yommuu
ati tulluu Se'iirii kaate,
biyya Edoom keessaas yommuu
ati adeemte,
lafti in rom'ite,
bantiiwwan waaqaa bishaan in dhangalaasan,
duumessoonnis bokkaa in roobsan.
5Tulloonni, Siinaatti akkuma ta'e,
tullootan Waaqayyo duratti,
fuula Waaqayyoo gooftaa Israa'el duratti in socho'an*.#4-5 Kes 33:2; Far 68:8-9; Anb 3:3-6; Bau 19:16-18
6Bara Shamgaar ilma Anaat,
bara Yaa'elittis
karaan guddaan in one,
namoonni karaa adeemanis daandii jajal'oo irra goran*.
7Hamma gaafa ani Deboraan
Israa'eliif haadha ta'ee ka'etti,
namoonni biyya keessa jiraachuun dadhabamee ture.
8Israa'eloonni waaqayyolii
haaraa fo'atan;
yommus lolli karra kellaa isaanii duratti isaan irratti ka'e,
garuu Israa'eloota
kuma afurtama gidduutti
gaachannii fi eeboon hin argamne*.
9Garaan koo warra Israa'elin ajajaniif,
warra saba gidduudhaa fedha isaaniitiin of kennan bira jira;
Waaqayyoon jajadhaa!#6 3:31 8 1Sam 13:19-22
10Isin warri harree adaadii yaabbattanii,
baladii irra teessan,
karaa irras kan adeemtan,
waa'ee isaa yaadatti qabadhaatii himaa!
11Isaan sagalee warra bishaan bidiruutti
to'anii obaasanii caalaatti,
wanta Waaqayyo qajeelummaa isaatiin hojjete,
isa inni qajeelummaa isaatiin Israa'eloota
biyya keessa jiraataniif godhes
wal harkaa fuudhanii in odeessan;
yommus sabni Waaqayyoo
gara karra mandaraatti in ba'an.
12Ka'i, Deboraa ka'i!
Ka'i, ka'iitii faarfadhu!
Yaa Baaraaq ilma Abiino'aam
atis ka'i,
warra boojite fudhadhuutii dhaqi!
13Yommus warri hafan
gara gurguddoota biyyaatti
gad bu'an;
sabni Waaqayyoo immoo loltootaa wajjin
anaaf in birmatan.
14Warri dhufanis, gosa Efreem keessaa
warra Amaaleqoota irratti ka'anii dha;
isaan kun,<<Yaa Benyaamiin,
nuyi siif namoota kee duukaa jirra>> jedhan;
sanyii Maakiir keessaa warra
loltoota ajajan,
sanyii Zebuloon keessaa
warra ulee aboo argisiisu
baatantu dhufe*.
15Gurguddoonni gosa Yisaakor
Deboraa wajjin turan;
Baaraaq dafee Yisaakor duukaa
gara dachaatti gad in bu'e;
gosi Ruuben garuu yeroo dheeraa itti yaadanii
murtoo gochuu hin dandeenye.
16Maaliif karra hoolotaa gidduu teessanii,
mar'annaa isaanii dhaggeeffachuuf
booddeetti haftan>>
Eyyee, gosi Ruuben yeroo dheeraa
itti yaadanii
murtoo gochuu hin dandeenye.
17Warri Giil'aad laga Yordaanos irraa
gara ba'a-biiftuu taa'an;
gosi Daan maaliif markaba
biratti hafan>>
Gosi Asheeris qarqara galaanaa lafa namatti tolu sanatti in hafan.
18Gosi Zebuloon saba du'aaf kutatee dha;
gosi Niftaalemis lafa lolaatti gara-kuteeyyii turan.#14 Iya 17:1
19Mootonni dhufanii in lolan;
yommus mootonni Kana'aanis
mandara Ta'anaatti bishaan Megidoo biratti in lolan;
garuu meetii, waan biraas
tokko illee hin saamne.
20Urjoonni waaqa keessaa itti in duulan,
urjoonni toora isaanii irra jiran Siiseraa in lolan*.
21Bishaan Qiison, bishaan
inni durii durii sun,
isaan haree in sokke;
egaa yaa mogolee ko jabaadhuu
itti adeemi*!
22Fardeen isaanii warri humna-qabeeyyiin
dha'iidhaan didichanii in dhufan.
23Ergamaan Waaqayyoo,
<<Biyya Meroz abaaraa!
Warri ishee keessa jiraatanis,
Waaqayyoon gargaaruudhaaf,
loltoota gidduuttis gara isaa goruudhaaf
waan isaan hin ba'iniif,
cimsaatii isaan abaaraa!>> jedhe.#20 Bau 14:25; Iya 10:13-14 21 4:7
24Yaa'el haati manaa Heber Qenichaa
dubartoota keessaa haa jajamtu!
Dubartoota godoo keessa jiraatan hundumaa caalaas eebbifamtuu haa taatu!
25Siiseraan bishaan ishee kadhannaan,
aannan kenniteef,
itittuus qabee-unataa
warra gurguddootaatti in dhi'eessiteef*.
26Harka ishee gara qofoo dunkaanichaatti hiixattee,
harka ishee mirgaatiin immoo buruusa hojjetootaa fudhatte;
rukuttaa buruusichaatiin mataa Siiseraa cabsitee,
qofoo sana immoo illee isaa keessa baafte.
27Yommus Siiseraan miilla Yaa'el jalatti
gombifamee in kufe;
achitti in jorga'e;
inni miilla ishee jalatti gombifamee in kufe.
Lafa gombifame sanatti kufee,
lubbuun isaa keessaa in baate.
28Haati Siiseraa karaa hulaa qaawwa xixinnoo keessaan gad ilaaltee,
iyyitee<<Maaliif konkolaataan mucaa kootii dhufuu dide>>
Maaliif sagaleen konkolaattota isaatii hin dhaga'amu?>> jette.
29Giiftoliin beektoonni
ishee wajjin turan,
gaaffii isheetiif deebii in kennan;
isheen immoo irra deddeebitee
ofii isheetti dubbattee,
30<<Namoota isaa wajjin boojuu argatanii hirmaachuutti jiru mitii>>
Boojuu argatan sana keessaa
adduma addaan
dubartii tokko tokko yookiis
lama lama,
Siiseraadhaaf uffata mimmiidhagaa,
anaaf immoo uffata hodhame dotteeffame,
akkasumas morma kootiif uffata kuula baay'ee qabu in hirmaatu>> jette.#25 4:19
31Yaa Waaqayyo diinonni kee
akkasuma haa badan!
Warri si jaallatan garuu,
akka biiftuu humna ishee guutuudhaan
baatee ibsituu haa ta'an!
Kana booddee biyyattiin waggaa afurtamaaf gabiitti in jiraatte*.#31 Far 83:9

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in