Macaafa Abboota Firdii 3
3
Saba Warra Biyya Isaanii Keessatti Hafan
1Waaqayyo, namoota Israa'el warra lola biyya Kana'aan keessatti ta'e hin argin qoree ilaaluudhaaf, saba garaa garaa achitti in hambise*. 2Inni saba Israa'el keessaa dhaloonni gara booddee warri lola hin argin kun lola akka baran in barbaade. 3Sabni warri achitti hafan kunis gurguddoota Filisxeemotaa warra humnaan mo'an, Kana'aanota, Sidoonota, Hiiwota warra tulluu Liibaanon gubbaa, tulluu Ba'aal-Hermoonii hamma itti lixa Haamaatitti jiraatanii dha*. 4Sabni garaa garaa kun achitti argamuun isaanii, namoonni Israa'el, abboommii Waaqayyo karaa Musee abboota isaaniif kenne sanaaf abboomamuun isaanii qoramee akka ittiin ilaalamuuf ture. 5Egaa sabni Israa'el warra Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yibusootaa gidduu in jiraatan. 6Durboota saba garaa garaa kana in fuudhan, durboota ofii isaanii dargaggoota warra biyya sanaatti in heerumsiisan, waaqayyolii isaaniis in waaqessan*.#1 2:22 3 Iya 13:2-5 6 Kes 7:3
Otnii'el Abbaa Firdii Ta'uu Isaa
7Israa'eloonni, Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan; Waaqayyoon gooftaa isaanii irraanfatanii, Ba'aalii fi Asheeraa waaqayyolii tolfamoo in waaqessan. 8Kanaaf dheekkamsi Waaqayyoo Israa'el irratti boba'ee harka Kushaan-Riishaataayim mootii Mesophotaamiyaa jala isaan galche; isaanis mootii sanaaf garbummaatti waggaa saddeet in hojjetan; [<<Mesophotaamiyaan>> isa dur<<Aram Naharaayim>> jedhamuu dha]. 9Yeroo Israa'eloonni gara Waaqayyotti iyyatanitti garuu, inni harka mootichaa jalaa akka isaan baasuuf Otnii'elin ilma Qenaz obboleessa Kaaleb isa quxisuu isaaniif in kaase; innis harka mootichaa jalaa isaan in baase*. 10Hafuurri Waaqayyoo Otnii'eliif in dhufe; innis abbaa firdii isaanii ta'ee isaan in geggeesse; lolaaf yommuu inni ba'etti immoo Waaqayyo akka inni humna caalee Kushaan-Riishaataayim mootii Mesophotaamiyaa harka isaatti galfatu in godhe*. 11Biyyattiin waggaa afurtamaaf gabiitti in jiraatte; kana booddees Otnii'el ilmi Qenaz in du'e.#9 1:13; 15:17-18 10 6:34; 11:29; 13:25; 14:6,19; 15:14
Ehud Saba Israa'el Rakkina Keessaa Baasuu Isaa
12Israa'eloonni ammas Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan; sababii hamaa hojjetaniif, Waaqayyo immoo Egloon mootiin Mo'aab jabaatee Israa'el irratti akka ka'u in godhe. 13Egloon mootichis Amoonotaa fi Amaaleqoota ofitti dabalatee, dhaqee Israa'elin rukutee, mandara meexxiis in qabate*. 14Yommus Israa'eloonni Egloon mootii Mo'aabiif garbummaatti waggaa kudha saddeet in hojjetan.#13 6:3,33; 7:12; 10:12
15Yeroo Israa'eloonni gara Waaqayyotti iyyatanitti garuu, inni nama kana keessaa isaan baasu in kaaseef; innis Ehud ilma Geraa sanyii Benyaamiin isa bitaacha ture; Israa'eloonni immoo Ehud kun Egloon mootii Mo'aabiif gibira akka geessuuf in ergan. 16Yommus Ehud billaa dhundhuma tokko dheeratu, gara lamaaniinis qara qabu tumee qopheeffatee, uffata isaa jalaan bukkee isaa mirgaatti hidhatee in ka'e; 17gibira sanas Egloon mootii Mo'aab isa baay'ee furdaa ture sanatti in geesse. 18Ehudis gibira sana erga geessee, namoota wanta gibiraaf kennamu kana baatanii dhaqan of biraa in adeemsise. 19Ofii isaatii garuu Giilgal iddoo waaqayyolii tolfamoon jiranii deebi'ee, Eglooniin,<<Yaa mootii! Ergaan dhoksaatti sitti himu qaba>> jedheen; mootichi immoo namoota isa bira dhaabataniin,<<Mee, turaa!>> jennaan hundumti isaaniis lafa hilaniif. 20Ehud immoo Egloon kutaa mana isaa isa mana irraa isa qilleensa qabu keessa kophaa isaa taa'ee utuu jiruu itti dhi'aatee,<<Ergaa Waaqayyo biraa dhufe sitti nan hima>> jedheen; kana irratti Egloon teessoo isaa irraa in ka'e. 21Ehud achumaan billaa isa bukkee isaa mirgaatti hidhatee ture sana, harka isaa bitaatiin luqqifatee humnaan garaa Egloon in waraane. 22Billaan sun gonfa isaatii wajjin keessa lixee, fiixeen isaa dugda isaa keessaan in ba'e; Ehud billaa isaa garaa namichaa keessaa hin baafne; moorri namichaa immoo irra gara galee walitti in duuche. 23Kana booddee Ehud kutaa manichaa isa mana irraa keessaa gad ba'ee, of duubaan balbala cufee gigirii itti galche.
24Ehud manicha keessaa ba'ee erga adeemee, hojjetoonni mootichaa dhufanii balballi kutaa manicha mana irraa cufamee argan; isaanis,<<Tarii mana garaa dhaqe ta'a>> jedhan. 25Hamma balbala dura dhaabachuun isaan nuffisiisutti eeganii, inni homaa banuu dinnaan, banaa fudhatanii manicha yeroo bananitti, gooftaan isaanii du'ee reeffa isaa lafatti in argan.
26Hamma hojjetoonni kun balballi banamuu isaa eeganitti, Ehud isaan jalaa miliqee karaa waaqayyolii tolfamoo sanaa ba'ee gara Se'iiraatti in sokke. 27Yommuu achi ga'es tulluu Efreem gubbaatti fiingee in afuufe; namoonni Israa'elis isaa wajjin tulluu sana irraa gad bu'an; innis isaan dura bu'ee, 28<<Diinota keessan warra Mo'aab, Waaqayyo harka keessan keessa waan isiniif buuseef ana duukaa bu'aa!>> jedheen; isaanis isa duukaa bu'anii, malkaa Yordaanos isa gara Mo'aabitti ceesisu qabatanii, namni tokko illee achiin akka hin ceeneef in ittisan. 29Yeroo sanatti warra Mo'aab keessaa jagnoota jajjaboo gara kuma kudhanii in ajjeesan; namni tokko illees isaan jalaa hin baane. 30Gaafas Mo'aab harka saba Israa'el jala galte; akkasitti biyyi Israa'el waggaa saddeettamaaf gabiitti in jiraate.
Ehud Booddeedhaan Shamgaar Ka'uu Isaa
31Ehud booddeedhaan immoo Shamgaar ilmi Anaat tuttuqaa qotiyyootiin Filisxeemota dhibba ja'a ajjeesee, saba Israa'elin immoo harka isaanii jalaa in baase.
Currently Selected:
Macaafa Abboota Firdii 3: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.