Macaafa Isaayaas Raajichaa 38
38
Hisqiyaas Dhukkubsatee Fayyuu Isaa
(2Mot 20:1-11; 2Sen 32:24-26)
1Baras Hisqiyaas dhukkubsatee du'uu ga'ee ture; Isaayaas ilmi Amoz inni raajichi gara isaa dhaqee,<<Ati in duuta malee hin fayyituutii, wanta mana keetiif abboomtu qoqqopheessi! siin jedhe Waaqayyo>> jedheen; 2yommus Hisqiyaas gara keenyaniitti gara galee Waaqayyoon in kadhate; 3Hisqiyaas boo'icha guddaa boo'ee,<<Maaloo yaa Waaqayyo! Bara jireenya kootti amanamummaadhaa fi garaa guutuudhaan fuula kee dura deddeebi'aa akkan ture, wanta si duratti gaarii ta'es hojjechaa akkan ture, akka yaadattuuf sin kadhadha!>> jedhe*.#3 2Mot 18:3-6
4Yommus dubbiin Waaqayyoo gara Isaayaas dhufee, 5<<Dhaqii Hisqiyaasiin,<<Waaqayyo gooftaan inni kan abbaa keetii Daawit akkan jedha:- Ani kadhata kee dhaga'eera, imimmaan kees argeera; kunoo, bara jireenya kee irrattis waggaa kudha shan siif nan dabala; 6mandarattii kana nan eega; ati, mandarattiin kunis harka mootii Asor jala akka hin galle nan godha>> jedhi!>> jedheen. 7Waaqayyo isa dubbate kana akka fiixaan baasuuf milikkita siif in kenna; 8kanaafis inni,<<Kunoo!<<Gaaddisa manaa isa buusaa mana Ahaaz irraa gad bu'e kana tarkaanfii kudhan akka inni gara booddee deebi'u nan godha>> jedheera>> jedhe; yommusumas gaaddisi manaa sun tarkaanfii kudhan gara booddeetti in deebi'e.
Hisqiyaas Faarfannaa Galataa Caafuu Isaa
9Hisqiyaas mootiin Yihudaa dhukkuba isaattii erga fayyee booddee wanta kanatti fufee jiru in caafe;
10<<Ani walakkaa bara jireenya kootiitti
gara karra iddoo lafa jalaa nan dhaqa,
barri koo inni hafes ana irraa in cita*;
11deebi'ee biyya warra jiraataatti Waaqayyoon,
biyya lafaa irrattis namoota hin argu*;
12akkuma godoon warra tiksituu buqqa'u,
akkasuma barri jireenya koo
ana irraa in fuudhama;
akkuma warri wayyaa dha'an
wayyicha maran,
akkasuma jireenyi koo in marama;
akka nama arbii keessaa
wayyaa muruttis,
jireenya koo in mura;
guyyaadhaa gara guyyaatti
dhumni jireenya koo dhi'aachaa in adeema*.
13Ani hamma lafti bari'utti gargaarsaaf nan iyya,
inni garuu akka leencaa
lafee koo waan caccabsu
anatti fakkaata;
guyyaadhaa gara guyyaatti
dhumni jireenya koo dhi'aachaa in adeema.#10 Far 102:24 11 Far 27:13; 63:2 12 Iyo 4:21; 2Qor 5:1
14<<Ani akka simbirroo daalotee nan dubbadha,
akka gugees nan aada;
iji koo ol ilaaluu dadhabeera,
yaa Waaqayyo! Ani rakkadheera
ati na gargaari!
15Inni erga anatti himee,
erga raawwatees
ani maalan jedha ree>>
Sababii jireenyi anatti hadhaa'eef
bara jireenya koo hundumaa
gad of deebisee nan tiradha.
16Yaa Waaqayyo!
Namni dubbii keetii fi
gocha keetiin in jiraata,
hafuurri koos kana duwwaadhaan
jireenya in argata;
ati na fayyifteetta, na jiraachifteettas.
17Ati cubbuu koo hundumaa
of duubatti gattee
lubbuu koo boolla badiisaa irraa
waan deebifteef,
kunoo, gidiraan koo qannootti
anaaf in diddiirame*;
18iddoon lafa jalaa si hin galateeffatu,
duunis si hin faarfatu;
warri du'anii boollatti gad bu'an
amanamummaa kee hin abdatan*.
19Akkuma ani har'a si galateeffadhu,
warra jireenyatti jiran
duwwaatu si galateeffata,
abbaanis ijoollee isaatti amanamummaa kee in hima;
20Waaqayyo na fayyiseera;
kanaafis kottaa bara jireenya keenyaa hundumaatti
mi'a ribuu qabuun
mana Waaqayyoo keessatti in faarfannaa!?#17 Far 32:5; 103:3-4; Mik 7:19 18 Far 6:5; 115:17
21Isaayaas duraan,<<Hisqiyaas akka fayyuuf baala harbuu ibidda jala dibanii iita sana irra isaaf haa buusan!>> jedhee ture; 22Hisqiyaas immoo,<<Ani mana Waaqayyoo lixuu akkan danda'uuf milikkinni isaa maali?>> jedhee gaafatee ture.
Currently Selected:
Macaafa Isaayaas Raajichaa 38: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.