Macaafa Isaayaas Raajichaa 37
37
Hisqiyaas Mootichi Isaayaasin Mala Gaafachuu Isaa
(2Mot 19:1-7)
1Hisqiyaas mootichi kana yommuu dhaga'e, uffata isaa tarsaasee uffata gaddaa uffatee mana qulqullummaatti ol gale; 2achumaanis Eliyaaqim isa bulchaa mana mootummaa, Shebnaa isa caaftuu mana mootummaa fi luboota keessaa warra jaarsoliitti uffata gaddaa uffisee, gara Isaayaas raajichaa ilma Amozitti isaan in erge; 3isaanis Isaayaasiin,<<Hisqiyaas mootichi,<<Barri kun bara rakkinaa, bara adabaa fi bara salphinaa ti; akka yeroo dubartiin da'uuf jette humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduu ti; 4Waaqayyo gooftaan kee dubbii Rabshaaqee isa gooftaan isaa mootiin Asor as erge Waaqayyo isa jiraataatti akka inni ga'isu godhu kana dhaga'eera; kanaaf ati immoo harka kee ol kaasii warra hafaniif kadhadhu!>> jedha>> jedhan.
5Garboonni Hisqiyaas mootichaas gara Isaayaas dhaqanii dubbii kana yommuu isatti himan, 6inni immoo deebisee,<<Gooftaa keessanitti,<<Dubbii anatti ga'isuu garboota mootii Asor isa dhageesse kana hin sodaatin! 7Kunoo! Ani hafuura inni ittiin dhaga'u nan kennaaf; innis oduu dhaga'ee gara biyya isaatti in deebi'a; achittis billaadhaan isa nan ajjeesisa jedheera Waaqayyo>> jedhaatii himaa!>> jedhe.
Shenaaheriib Si'a Lammaffaa Mootii Yihudaatti Dhaamsa Doorsisaa Erguu Isaa
(2Mot 19:8-19)
8Mootiin Asor Laakiishii akka ka'e Rabshaaqeen angafni loltootaa dhaga'ee deebi'ee yommuu dhufe, utuu mootichi mandara Liibnaa rukutuutti jiruu in arge; 9Tiirhaaqaan mootiin Kuush isa loluudhaaf dhufaa akka jiru Shenaaheriib yommuu dhaga'e, Hisqiyaasitti namoota ergee, 10Hisqiyaas mootii Yihudaatiin,<<Waaqayyo kee inni ati amanattu sun,<<Yerusaalem harka mootii Asoritti dabarfamtee hin kennamtu>> jedhee, si hin gowwoomsin! 11Kunoo! Ati wanta mootonni Asor biyyoota hundumaa godhan, akka isaan raawwatanii isaan balleessanis dhageesseetta; ati immoo waan ooltu sitti fakkaataa>> 12Waaqayyoliin saba lafa irraa warri abboota kootiin balleeffaman, waaqayyoliin mandaroota Gozaan, Haranii fi Rezee fi, kan saba Eden warri Tel-Aasar keessa turan isaan oolchaniiruu ree*>> 13Mootiin Haamaat, mootiin Arphaad, mootiin mandaroota Sefarwaayim, Henaa fi Iiwaa meerree ree?>> jedhe.#12 36:18
Kadhata Hisqiyaas
14Hisqiyaas caaffata sana warra ergaman harkaa fuudhee erga dubbisee booddee, gara mana qulqullummaa dhaqee caaffaticha banee Waaqayyo duratti in diriirse; 15Waaqayyoon kadhachuu jalqabee, 16<<Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, Waaqayyo isa kan Israa'el! Yaa isa Kiruubel gara irraa jiraattuu, ati waaqaa fi lafa uumteetta, kophaa kees mootota lafaa irratti Waaqayyoo dha; 17yaa Waaqayyo, gurra kee gara keenyatti qabii dhaggeeffadhu! Ija keetiinis ilaali! Dubbii Shenaaheriib isa inni si Waaqayyo isa jiraataatti ga'isuudhaaf erge kanas dhaga'i! 18Yaa Waaqayyo! Mootonni Asor saba kanaa fi biyyoota isaanii hundumaa dhuguma balleessaniiru; 19waaqayyolii isaaniis ibidda keessa buusaniiru; waaqayyoliin isaanii kun harka namaatiin dhagaadhaa fi muka irraa hojjetaman malee, isaan Waaqayyo waan hin ta'iniif, namni isaan balleessuu danda'e; 20ammas yaa Waaqayyo! Mootummoonni lafa irraa hundinuu Waaqayyo si duwwaa akka ta'e akka beekanitti, ati harka isaanii jala galuu nu oolchi!>> jedhe*.#20 Dan 6:27
Waaqayyo Kadhata Hisqiyaasiif Deebii Kennuu Isaa
(2Mot 19:20-37)
21Ergasii Isaayaas ilmi Amoz gara Hisqiyaasitti dhaamsa ergee,<<Waaqayyo gooftaan Israa'el isa ati waa'ee Shenaaheriib mootii Asoriif kadhatte dhaga'eera; 22waa'ee isaatiifis kan inni jedhu kanatti fufee jira;
<<Yaa Shenaaheriib,
durbi Xiyoon si tuffattee
sitti in ga'ifti,
durbi Yerusaalem si duubaan
mataa sitti in raafti;
23ati eenyuun arrabsite,
eenyuttis ga'ifte>>
Eenyu irratti sagalee kee ol fudhatte,
eenyuttis achii ol ija baafte>>
Isa qulqulluu kan Israa'el irratti
kaate mitii ree?>> jedha.
24Ati namoota kee yommuu ergitee,
Waaqayyotti ga'iftee,
<<Konkolaataa koo isa baay'eedhaan
gara fiixee tullootaatti ol nan ba'a,
bantii tulloota Liibaanon irras nan ga'a;
gaattiraa isaa warra dhedheeroos nan jijjigsa,
birbirsa isaa warra gaggaariis
kukkutee nan balleessa;
iddoo dhokataa isa ol ka'aa,
caakkaa isaa isa gobbuu biras nan ga'a*;
25boolla qotee bishaan nan baafadha,
bishaanichas nan dhuga;
miilla kootiin lagoota Gibxii hundumaa
keessa adeemee nan gogsa>> in jette.#24 14:8
26<<Isa amma ta'e kana akkan qopheesse,
duraan dursees akeeka isaa
akkan baase,
mandaroota kellaa dhagaa qaban
akka ati caccabsitu,
tuullaa kosiis akka ati isaan gootu,
akka ani godhe ati hin dhageenyee>>
27Warri mandaroota sana keessa jiraatan
humna in dhaban,
in yeella'an, in na'anis;
akka dhaabaa iddoo bishaan hin jirre
keessa jiruu fi,
akka marga mana irratti biqilee in ta'an,
qilleensa ba'a-biiftuu
isa gubaadhaanis in gubatan;
28yommuu ati kaatuu fi yommuu ati teessu,
yommuu ati baatuu fi
yommuu ati galtu;
aariidhaan ana irratti dubbachuu kees
ani bareera.
29Ati ana irratti waan kaateef,
sagaleen of jajuu keetii
gurra kootti waan baay'ateef,
ani xiixaa sin ursiisa,
luugamas afaan kee keessa nan keessisa,
karaa irra dhufte irras sin deebisa!>> jedhe.
30Isaayaas yommus Hisqiyaas mootichaan,
<<Milikkinni siif kennamu
kanatti aanee jira;
<<Waggaa kana midhaan ofumaan biqilee guddatu in nyaatta;
waggaa dhufuttis akkasuma
midhaan ofiin biqilu in nyaatta;
waggaa sadaffaatti garuu qotii makaradhu!
Muka wayniis dhaabi,
ija isaas nyaadhu!
31Sanyii Yihudaa keessaa
warri hoofkalanii hafan,
ammas hidda yaafatanii
wal in horu,
32yommus warra Yerusaalem keessaa
kan hafan,
warra tulluu Xiyoon irra jiran keessaas
kan baqatan in dhufu;
hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa
kana in godha>> jedhe*.#32 9:7
33<<Kanaaf Waaqayyo waa'ee mootii Asoriif,
<<Inni si'achi gara mandara
kanaa dhufee,
xiyya gad itti hin dhiisu;
gaachanas fudhatee dhufee
koobii kellaa isheetti hin ijaarratu;
34karaa irra dhufe irra deebi'a malee,
mandara kanatti hin lixu>> jedhe;
Waaqayyo kana dubbateera.
35Waa'ee mandarattiif immoo,
<<Ani ofii kootiif garbicha koo Daawitiifis jedhee
mandara kana nan eega, nan oolchas!>>
jedheera>> jedhe.
36Ergasii ergamaan Waaqayyoo ba'ee buufata loltuu warra Asor keessaa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan in ajjeese; namoonni ganama ka'anii yommuu ilaalan, kunoo! Reeffa hunduma isaanii in argan*. 37Yommus Shenaaheriib mootiin Asor achii ka'ee gara biyya isaatti deebi'ee mandara Nanawwee keessa in taa'e. 38Gaaf tokko inni mana <<Nisroo>> Waaqayyo tolfamaa isaa keessa lixee utuu sagaduu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer dhufanii billaadhaan rukutanii isa ajjeesanii, gara biyya Araaraatitti in baqatan; ilmi isaa inni<<Esaar-Hadon>> jedhamu iddoo abbaa isaatii mootii in ta'e.#36 17:14; 31:8
Currently Selected:
Macaafa Isaayaas Raajichaa 37: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.