Macaafa Isaayaas Raajichaa 33
33
Yeroo Dhiphinaatti Gargaarsa Argachuu Isaanii
1Yaa isa warra kaan balleessituu,
ati ofii keetii amma iyyuu hin badne'o siif wayyoo!
Utuu namni dabarsee si hin kennin,
yaa isa dabarsitee nama kennituu,
siif wayyoo!
Ati warra kaan balleessuu
yommuu raawwattu,
ofii keetii immoo in badda;
dabarsitee nama kennuu kee yommuu raawwattu,
si immoo namni dabarsee in kenna*.#1 Anb 2:5-6; Mat 7:2
2Yaa Waaqayyo, nuyi si abdanna'o
faara nutti toli!
Ganama ganama jabina keenya,
yeroo rakkinaattis gargaarsa keenya
nuuf ta'i!
3Sagalee kakawwee keetiif sabni in baqata,
yommuu ati kaatus
sabni lafa irraa hundinuu in tamsa'u*;
4yommus akkuma qorophisi
nyaata isaa irratti utaalee walitti qabatu,
akkuma awwaanisi nyaata isaa saammatu,
akkasuma namoonni
qabeenya saba lafa irraa sana in saammatu.#3 30:30
5Waaqayyo ol jedhaa dha,
iddoo ol jedhaa irras in jiraata,
inni qajeelummaadhaa fi amanamummaadhaan
mandara Xiyoon in guuta*;
6Waaqayyo bara keetti gabii, fayyina guutuu,
ogummaa fi beekumsa siif in ta'a;
isa sodaachuunis
badhaadhummaa guddaa kana in argachiisa.#5 1:21; 5:7
7Kunoo! Gootonni bakkeedhaa
gargaarsaaf in iyyu,
ergamoonni nagaas
guddisanii in boo'u*;
8karaa guddaan onaa ta'eera,
namnis karaa irra adeemu dhiiseera;
kakichi cabeera,
mandaroonni tuffatamaniiru,
namaaf ulfina kennuunis hafeera;
9lafti gaddee in goga,
caakkaan Liibaanon in coollaga, simboos in dhaba;
Shaaron akka lafa onaa in ta'a,
mukkeetiin Baashaanii fi Qarmelos
baala in harcaafatu.#7 29:1
10Waaqayyo,
<<Ani amma nan ka'a,
amma ol nan jedha,
amma humnaan nan ka'a*;
11wanti isin yaaddan akka habaqii ti,
wanti isa keessaa ba'us
akka cidii ti;
hafuurri keessan immoo ibidda isa
isin fixuu dha;
12akka qoraattii ciramtanii
ibiddatti in naqamtu,
gubamtaniis daaraa in taatu>>
jedhee saba lafa irraatti dubbate.#10 Far 12:5
13Isin warri fagoo jirtan
wanta ani godhe dhaga'aa!
Isin warri dhi'oo jirtanis humna koo beeksisaa!
14Cubbamoonni Xiyoon keessa jiraatan
naasuudhaan in qabamu,
warri Waaqayyoon hin sodaannes in rom'u;
isaan yommus,<<Nu keessaa eenyutu
ibidda nama fixu bira
jiraachuu danda'a>>
Nu keessaa eenyutu ibidda hin dhaamne kana
obsuu danda'a?>> in jedhu*.
15Nama balleessaa malee jiraatu,
nama wanta qajeelaa dubbatu,
nama bu'aa karaa jal'inaa dhufu ceepha'u,
nama gabbarsuu fudhachuu irraa
harka isaa eeggatu
nama waa'ee nama ajjeesuu dhaga'uu jibbee
gurra isaa cuqaallatu,
nama wanta hamaa ilaaluu jibbee dununfatu*,
16namni akkasii kun
iddoo ol jedhaa irra in jiraata;
da'oo kattaa dhagaa cimaa
iddoo baqaa in godhata;
achittis nyaati isaaf in kennama,
bishaan argachuun isaas amansiisaa dha.#14 10:17; Er 23:29; Kes 4:24; Ibr 12:29 15 Far 15:1-5; 24:3-6
17Iji kee ulfina mootichaa in arga,
biyya baay'ee bal'aa
mootichi mo'us in ilaala*.
18Naasuu kee isa durii yommuu yaadattu,
<<Inni kana caafatee ture
eessa jira>>
Inni gibira fudhachaa ture meerree>>
Inni riqaa mandaroota jajjaboo
lakkaa'aa tures
attam ta'e?>> in jetta.
19Ati si'achi saba nama irraa hin gorre,
isa afaan isaa hin hubatamne,
isa dubbiin isaa namaaf hin galle sana
hin argitu*.#17 33:21-22 19 28:11; Kes 28:49-50
20Gara Xiyoon mandara ishee
iddoo walga'ii keenyaa sana ilaali!
Iji kee Yerusaalem
ishee bir'aa hin qabne,
dunkaana ishee achii hin sochoone,
ishee qofoon ishee achii hin buqqaane,
ishee funyoo ishee keessaa tokko illee hin cinne in arga;
21Waaqayyo achitti surraa isaa nu argisiisa,
iddoon sun lafa lagoonni babal'aa fi
burqituuwwan gurguddoonni jiranii dha;
markaboonni lolaa achi irra hin darban,
markaboonni mimmiidhagoonis
achi irra hin adeeman;
22Waaqayyo abbaa firdii keenya,
Waaqayyo seera nuuf in kenna,
Waaqayyo mootii keenya,
inni nu fayyisa.
23Yommus funyoon markaba lolaa in hiikama,
muka markabaas jabeessee
qabuu hin danda'u,
sharaan isaas hin diriirfamu;
yeroo sanatti boojuu baay'een in hirmatama,
warri hokkolan iyyuu
wanta booji'ame sana in saammatu.
24Warra Xiyoon keessa jiraataniif
yakki isaanii waan dhiifameef,
isaan keessaa namni tokko illee,
<<Na dhukkuba>> kan jedhu hin jiru*.#24 Zak 12:8; Er 31:34
Currently Selected:
Macaafa Isaayaas Raajichaa 33: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.