Seera Uumamaa 22
22
Abrahaam Qoramee Ilaalamuu Isaa
1Kun erga ta'ee booddee, Waaqayyo qoree isa ilaaluudhaaf<<Abrahaam!>> jedhee waame; Abrahaamis,<<Kunoo asan jira!>> jedhee deebise*. 2Waaqayyos,<<Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu fuudhii biyya Moriiyaa dhaqi! Tulloota keessaa isa ani sitti argisiisu tokko irratti qalma gubamu godhii isa anaaf dhi'eessi!>> jedhe.#1 16:4; 20:20; Kes 8:2; 13:3; Abo 2:22; Ibr 11:17; Yaq 1:13
3Abrahaamis ganama barii ka'ee, qoraan qalmi ittiin gubamu falaxee, harree isaas fe'ee, dargaggoota isaa keessaa lama, Yisihaqin ilma isaas fudhatee, lafa Waaqayyo isatti hime dhaquudhaaf karaa irra bu'e. 4Gaafa guyyaa sadaffaa Abrahaam ol ilaalee, iddoo sana fagootti in arge. 5Yommus Abrahaam dargaggoota isaatiin,<<Isin harrichaa wajjin asuma turaa! Anii fi mucichi immoo achi garas dhaqnee in saganna; isa booddees gara keessanitti in deebina>> jedhe.
6Akkasitti Abrahaam qoraan qalmi ittiin gubamu Yisihaq ilma isaa baachisee, ofii isaatii immoo ibiddaa fi haaduu harkatti baate; lamaanuus walii wajjin in adeeman. 7Takka erga adeemanii Yisihaq, Abrahaam abbaa isaatiin,<<Abbaye!>> jedhe; innis,<<Maal jette ilma ko?>> jedhe; Yisihaqis,<<Ibiddii fi qoraanoo kunoo ti, qalma gubamu sanaaf immoo hoolaan meerre ree?>> jedhe. 8Abrahaam deebisee,<<Waaqayyo ofii isaatii qalma gubamuu fi hoolaa in arga yaa ilma ko>> jedhe; isaan lamaanuus walii wajjin in adeeman.
9Isaanis gara iddoo isa Waaqayyo itti himee ture sanaa yommuu ga'an, Abrahaam achitti iddoo itti aarsaa dhi'eessu ijaaree, qoraanis tooraan irra naqe; Yisihaqin ilma isaa hidhee iddoo aarsaa irra qoraanicha gubbaa in ciibse. 10Abrahaam kana booddee ilma isaa qaluudhaaf hiixatee haaduu in fudhate. 11Battala sanatti garuu ergamaan Waaqayyoo bantii waaqaa keessaa guddisee,<<Abrahaam! Abrahaam!>> jedhe; innis,<<Kunoo asan jira!>> jedhe. 12Ergamichis,<<Mucicha irratti harka kee ol hin fudhatin, waan tokkos isa hin godhin! Ati ilma kee isa tokkicha isaaf waan hin mararsiifatiniif, ati Waaqayyoon akka sodaattu ani amma beekeera>> jedhe. 13Abrahaamis ol ilaalee, kunoo, dugda isaa duubaan korbeessa hoolaa gaanfa isaatiin arangamaa keessatti qabame tokko arge; achumaan dhaqee korbeessicha fuudhee, qooda ilma isaatii qalma gubamu isa in dhi'eesse. 14Abrahaamis maqaa iddoo sanaa,<<Yaahwee yir'ee>> jedhee moggaase; [akkas jechuun,<<Waaqayyo in arga>> jechuu dha]; namoonni amma iyyuu, waa'ee isaa yeroo dubbatan,<<Inni tulluu isa Waaqayyo irratti waa argamsiisuu dha>> jedhu.
15Ergamaan Waaqayyoos bantii waaqaa keessaa si'a lammaffaa guddisee Abrahaamin waamee, 16<<Waaqayyo,<<Ati kana waan gooteef, ilma kee isa tokkicha anaaf waan hin mararsiifatiniif, ani maqaa kootiin kakadheera*; 17ani eebba kootiin sin eebbisa, sanyii kees akka urjoota waaqaa, akka cirracha qarqara galaanaas guddisee nan baay'isa; sanyiin kees karra kellaa diinota isaa qabatee, mandaroota isaanii kan isaa in godhata*. 18Ati waan anaaf abboomamteef, sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu>> jedhee dubbateera>> jedhe*. 19Ergasii Abrahaam gara dargaggoota isaatti deebi'ee, isaanii wajjin ka'ee gara mandara Bersheebaa dhaqee mandaricha keessas in jiraate.#16 Ibr 6:13 17 12:2; 13:16; Ibr 11:12 18 12:3; HoE 3:25
Sanyii Naahor
20Kana booddees dhaamsi Abrahaamiif in dhufe; innis,<<Kunoo! Miilkaanis immoo Naahor obboleessa keef ilmaan godhatte; 21warri isheen deesses, inni angafni Us, obboleessi isaa Buus, inni Aaramin dhalche immoo Qamu'el, 22Kesed, Hazoo, Fiildaash, Yiidlaa fi Batu'el jedhamu>> kan jedhu ture. 23Batu'el Ribqaa dhalche; Miilkaan isaan kana saddeettan Naahor obboleessa Abrahaamiif godhatte*. 24Naahor saajjatoo <<Ri'umaa>> jedhamtu tokkos qaba ture; isheenis ijoollee<<Xebaa, Gaaham, Tahash, Ma'akaa>> jedhaman deesseef.#23 24:15
Currently Selected:
Seera Uumamaa 22: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.