Macaafa Izraa 2
2
Maqaa Warra Biyya Itti Booji'amanii Deebi'anii
(Nah 7:4-73)
1Namoonni warri Nebukadnezaar mootiin Baabilon kutaa biyya Yihudaa keessaa booji'ee biyya Baabilonitti geessee turee, amma immoo iddoo itti booji'aman sanaa deebi'an kanatti aananii kan jiranii dha; isaan deebi'anii gara Yerusaalemii fi Yihudaa dhufanii, adduma addaan gara mandara mandara isaaniitti in galan. 2Geggeessitoonni isaanii Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiiyaa, Seraayaa, Re'elaayaa, Mordekaayi, Biilshaan, Miisphaar, Biigwaayi, Rehuumii fi Ba'anaa turan*.#2 3:2,8; 5:2; Nah 12:1; Hag 1:1; Zak 4:6-10
3Lakkoobsi namoota Israa'el kanatti fufee kan jiruu dha; gosi Faarosh kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama; 4gosi Shefaaxiyaa dhibba sadii fi torbaatamii lama; 5gosi Araa dhibba torbaa fi torbaatamii shan; 6gosi Fahat Mo'aab isaanis gosa Iyaasuu fi Yo'aab keessaa kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudha lama; 7gosi Elaam kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur; 8gosi Zaatuu dhibba sagalii fi afurtamii shan; 9gosi Zakaayi dhibba torbaa fi jaatama; 10gosi Baanii dhibba ja'aa fi afurtamii lama; 11gosi Bebaayi dhibba ja'aa fi digdamii sadii; 12gosi Azigaad kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi digdamii lama; 13gosi Adoniiqaam dhibba ja'aa fi jaatamii ja'a; 14gosi Biigwaayi kuma lamaa fi shantamii ja'a; 15gosi Aadiin dhibba afurii fi shantamii afur; 16gosi Ateer sanyii Hisqiyaas keessaa sagaltamii saddeet; 17gosi Bezaayi dhibba sadii fi digdamii sadii; 18gosi Yoraa dhibba tokkoo fi kudha lama; 19gosi Hashuum dhibba lamaa fi digdamii sadii; 20gosi Gibaar sagaltamii shan.
21Gosi warra Betlihem dhibba tokkoo fi digdamii sadii; 22warri Netofaa shantamii ja'a; 23namoonni Anaatot dhibba tokkoo fi digdamii saddeet; 24gosi Azmaawet afurtamii lama; 25gosi Kiriiyat-Ya'ariim Kefiiraa fi Be'erot dhibba torbaa fi afurtamii sadii; 26gosi Raamaa fi Gebaa dhibba ja'aa fi digdamii tokko; 27namoonni Miikmaash dhibba tokkoo fi digdamii lama; 28namoonni Bet'elii fi Aayi dhibba lamaa fi digdamii sadii; 29namoonni Neboo shantamii lama; 30namoonni Magbiish dhibba tokkoo fi shantamii ja'a; 31gosi Elaam garri kaan kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur; 32gosi Haariim dhibba sadii fi digdama; 33gosi Lod, Haadiidii fi Onoo dhibba torbaa fi digdamii shan; 34gosi warra Yerikoo dhibba sadii fi afurtamii shan; 35gosi Senaa kuma sadii fi dhibba ja'aa fi soddoma.
36Luboonni immoo, gosa Yedaa'iyaa keessaa maatiin Iyaasuu dhibba sagaliif torbaatamii sadii; 37gosi Iimer kuma tokkoo fi shantamii lama; 38gosi Phaashhur kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba; 39gosi Haariim kuma tokkoo fi kudha torba.
40Lewwoonni immoo, gosi Iyaasuu fi Qadmii'el warri gosa Hodaawiiyaa keessaa torbaatamii afur*.#40 Nah 12:8
41Faarfatoonni immoo, gosi Asaaf dhibba tokkoo fi digdamii saddeet.
42Karra eegdonni immoo, gosi Shaalum, gosi Ateer, gosi Xalmoon, gosi Aquub, gosi Haxiixaa fi gosi Shobaayi walumatti dhibba tokkoo fi soddomii sagal.
43Warra mana qulqullummaa keessaa hojjetan keessaa immoo, gosa Siihaa, gosa Hasufaa, gosa Xabaa'ot*, 44gosa Qeros, gosa Sii'ehaa, gosa Faadon, 45gosa Lebaanaa, gosa Hagaabaa, gosa Aquub, 46gosa Hagaab, gosa Shamlaayi, gosa Haanaan, 47gosa Giidel, gosa Gahar, gosa Re'aayaa, 48gosa Resiin, gosa Neqodaa, gosa Gazaam, 49gosa Uzaa, gosa Faasehaa, gosa Besaayi, 50gosa Asinaa, gosa Me'unootaa, gosa Nefusiim, 51gosa Baqbuq, gosa Haqufaa, gosa Harhur, 52gosa Baslut, gosa Mehiidaa, gosa Harishaa, 53gosa Barqos, gosa Siiseraa, gosa Taamaa, 54gosa Nesiiyaa fi gosa Haxiifaat.#43 8:20
55Gosa hojjetoota Solomoon keessaa immoo, gosa Soxaayi, gosa Hasoferet, gosa Farudaa*, 56gosa Ya'alaa, gosa Daarqon, gosa Giidel, 57gosa Shefaaxiyaa, gosa Haxiil, gosa Fokeret, gosa Hasbaayimii fi gosa Amiit; 58hojjetoonni mana qulqullummaa fi gosi hojjetoota Solomoon walumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama. 59Warri mandara Tel-Melaatii, mandara Tel-Haareshaatii, mandara Keruubii, mandara Adaanii fi mandara Iimerii ba'anii dhufanii sanyiin isaanii yookiis qomoon isaanii Israa'el ta'ee fi hin taanee isaa waan ittiin amansiisan dhaban, kanatti fufanii kan jiranii dha. 60Isaanis gosa Delaayaa, gosa Xobiiyaa fi gosa Neqodaa ti; lakkoobsi isaaniis dhibba ja'aa fi shantamii lama.#55 1Mot 9:20-21
61Luboota keessaa immoo, gosa Habaayaa, gosa Haqozii fi gosa Barziilaayi isa intala Barziilaayi Giil'aadichaa fuudhee maqaa kanaan waamamee dha. 62Isaan kun warra akka hidda dhaloota isaaniitti caafaman keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef akka xuraa'ootti lakkaa'amanii hojii lubummaa keessaa in baafaman*. 63Kana irratti bulchaan biyyichaa,<<Hamma lubni Uriimii fi Tumiimin fuudhee ittiin gargar baasee gaafatu argamutti, nyaata hundumaa caalaa qullaa'aa ta'e hin nyaatinaa!>> jedhee isaan in abboome*.#61-62 2Sam 17:27 63 Lak 18:8-10; Bau 28:30
64Lakkoobsi warra biyya itti booji'amanii deebi'anii guutummaatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama. 65Kana biratti immoo lakkoobsi hojjetoota isaanii dhiironnii fi dubartoonni kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; akkasumas faarfatoota dhiirotaa fi dubartoota dhibba lama qabu turan. 66Fardeen isaanii dhibba torbaa fi soddomii ja'a, gaangoliin isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan; 67gaalonni isaanii dhibba afurii fi soddomii shan, harroonni isaanii kuma ja'aa fi dhibba torbaa fi digdama.
68Jarri iddoo mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessa jiru yommuu ga'an, angafoota qomoo keessaa kaan manichi iddoo isaatti deebi'ee akka ijaaramuuf fedha isaaniitiin kennaa in dhi'eessan; 69isaan akka akka humna isaaniitti buusanii walumatti warqee akka kiilo graamii dhibba shan, meetii akka kiilo graamii kuma sadii miijanuu fi uffata luboonni uffatan dhibba tokko, nama wanta hojichaaf walitti qabamu baatutti in kennan.
70Warri lubootaa, warri Lewwootaa, namoonni warri kaanis, warri faarfatootaa, warri karra eegan, hojjetoonni mana qulqullummaa, Israa'eloonni warri kaanis mandara mandara isaanii keessa in jiraatan*.#70 Nah 11:3; 1Sen 9:2
Currently Selected:
Macaafa Izraa 2: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.