Seera Ba'uu 15:23-25
Seera Ba'uu 15:23-25 MACQUL
Isaan iddoo <<Maaraa>> jedhamu tokko yommuu ga'an, bishaan Maaraa hadhaa'aa waan tureef, dhuguu hin dandeenye; kana irratti maqaan iddoo sanaa <<Maaraa>> jedhamee moggaafame; [<<Maaraa>> jechuun <<Hadhaa'aa>> jechuu dha]. Kana irratti jarri,<<Egaa maal dhugna?>> jedhanii Musee irratti in guunguman*. Yommus Museen gara Waaqayyootti in iyye; Waaqayyo immoo muka tokko isatti in argisiise; inni mukicha bishaanicha keessa in buuse bishaanichis in miyaa'e. Waaqayyo achitti seerrata, abboommiis isaaniif dhaabe; achumattis qoree isaan ilaale