YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Asteer 3

3
Haamaan, Yihudoota Balleessuudhaaf Korachuu Isaa
1Kana booddee Ahashweros mootichi Haamaanin ilma Hamedaataa nama biyya Agaag guddisee gurguddoota biyyaa warra yeroo sana turan hundumaa gara irraa isa kaa'e*. 2Isaan Haamaaniif ulfina akka kennaniif mootichi waan abboomeef, hojjetoonni achi keessa jiran hundinuu hamma lafa ga'anitti isaaf in qoomma'an; Mordekaayi garuu isaaf hin gugguufne hin qoommaanes. 3Yommus hojjetoonni mootichaa warri achi keessa jiran,<<Ati abboommii mootichaa maaliif cabsita?>> jedhanii Mordekaayin in gaafatan. 4Guyyuma guyyaatti deddeebi'anii gaafannaanis inni Yihudii ta'uu isaa isaanitti hime malee, qoomma'uufii waan dideef, dubbiin Mordekaayi kun attam akka ta'u baruu barbaadanii, dhaqanii waa'ee isaa Haamaanitti in himan. 5Haamaan akka Mordekaayi lafa ga'ee isaaf qoomma'uu dide yommuu dhaga'e baay'ee in aare. 6Qomoon Mordekaayi Yihudii ta'uu isaa isaan waan isatti mul'isaniif, Haamaan isa duwwaa ajjeesisuu in tuffate; kanaafis Haamaan Yihudoota qomoo Mordekaayi warra guutummaa mootummaa Ahashweros keessa jiran hundumaa fixuu in barbaade.#1 1Sam 15:8-9,32-33
7Ahashweros mo'ee waggaa kudha lammaffaatti, ji'a isa tokkoffaa ji'a Niisaanitti [guyyaa itti Haamaan jara kana irratti haala ba'u beekuudhaaf] guyyaa hundumaaf ji'a hundumaaf muka buufnaan, buufanni mukaa sun ji'a kudha lammaffaa isa ji'a <<Adaar>> jedhamu irra in buuse. 8Yommus Haamaan dhi'aatee Ahashweros mootichaan,<<Jarri bittimmaa'anii saba kutaa biyya mootummaa keetii hundumaa gidduu tamsa'an tokko jiru; seerri isaanii seera namoota warra kaanii hundumaattii kan gargar ba'ee dha; seera mootiifis hin abboomaman; kanaafis jara kana calluma jedhanii ilaaluun mootiidhaaf kan tolu miti*. 9Yaa mootii, amma jaalala kee yoo ta'e, jara kana fixuudhaaf abboommiin haa caafamu! Ani immoo namoota kana hojii irra oolchaniif akka ta'utti meetii kiilo graamii kumaatama dhibba sadii fi kuma afurtama miijanu warra horii mootummaa kanaa baatanitti nan kenna>> jedhe*.#8 Lew 26:33; Lak 23:9-10; Kes 4:5-8 9 4:7
10Kana irratti mootichi amartii mallattoo quba isaattii baasee, Haamaan ilma Hamedaataa isa biyya Agaag, isa diina Yihudootaa sanatti in kenne*. 11Mootichi Haamaanin,<<Meetichii fi namoonni harka kee keessa jiruutii waan sitti fakkaate ittiin hojjechiisi!>> jedhe.#10 8:2; Uma 41:42
12Ji'a duraatti, ji'ichattiis gaafa guyyaa kudha sadaffaa caaftonni mootummaa in waamaman; isaan abboommii Haamaan hundumaa akka caaffata kutaa biyya garaa garaatiif afaan saba garaa garaatti, biyya bulchitoota mootichaatti, abboota kutaa biyyaa garaa garaatti, gurguddoota saba garaa garaattis in caafan; caaffanni kun maqaa Ahashweros mootichaatiin caafamee mallattoo isaatiinis in mallateeffame*. 13Ajajji caaffatichaa namoota fiigichaan ittiin ga'anitti kennamee, gaaf tokkicha ji'a kudha lammaffaatti innis ji'a Adaar gaafa guyyaa kudha sadaffaa Yihudoota hundumaa, dargaggoota, jaarsolii, ijoollota, dubartootas ajjeesanii, balleessanii akka barbadeessaniif, qabeenya isaanii immoo akka saamaniif kutaa biyya mootichaa hundumaatti in ergame. 14Sabni hundinuu guyyaa sanaaf akka qophaa'utti caaffanni labsii sanaa irraa gara galfamee kutaa biyya biyyaa hundumaatti in beeksifame.#12 1:22
15Labsiin sun mana mootummaa isa mandara Susaan keessaatti in dhageessifame; abboommiin mootichaa waan ariifachiisuuf, namoonni fiigichaan ajaja sana ittiin ga'an kara-karaa in ka'an; mootichii fi Haamaan dhugaatiitti in taa'an, warri mandara Susaan garuu na'anii waan godhan in wallaalan.

Currently Selected:

Macaafa Asteer 3: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in