YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Daani'el Raajichaa 4

4
Nebukadnezaar Lammaffaa Abjuu Abju'atee Isa Abju'ate Himuu Isaa
1Nebukadnezaar mooticha biraa, haa ga'u gara warra guutummaa lafaa irra jiraatan, warra saba garaa garaa, warra gosa garaa garaa, warra afaan garaa garaa dubbatan hundumaa! Nagaan isiniif haa baay'atu! 2Milikkitootaa fi dinqiiwwan Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru anaaf raawwate mul'isuun wanta ba'eessa anatti fakkaate;
3milikkitoonni isaa attam gurguddaa dhaa,
dinqiiwwan isaas maal maal aango-qabeeyyii dhaa!
mootummaan isaa mootummaa bara baraa ti,
inni dhalootaa hamma dhalootaatti darbee in mo'a*!#3 2:44; 4:31; 6:27; Far 145:13
4Ani Nebukadnezaar mana koo keessa of irraa bu'ee, mana mootummaa koo keessas waan hundumaa guuttadhee nan jiraadhan ture. 5Ani abjuu na sodaachise tokko nan arge; siree irra ciisee utuun jiruus wanti yaada kootti fakkaate, mul'anni mataa koo keessa tures na wareerse. 6Kanaaf beektonni Baabilon hundinuu gara kootti ol galanii hiikaa abjichaa akka anatti beeksisaniif abboommii nan baase*. 7Yommus warri ayyaana hedan,<<Beekaa>> warri jedhaman, Kaldoota keessaa warri dubbii dhokataa hiikuutti beekaman, warri urjii ilaalanii namaaf himanis gara kootti ol galan; ani abjuu koo isaanitti nan hime, isaan garuu hiikaa isaa anatti beeksisuu hin dandeenye*. 8Isaan booddeedhaan Daani'el inni waaqayyolii koo keessaa akka isa tokkootti<<Belxishaazaar>> jedhamee moggaafame ol galee na dura dhaabate; isa keessa immoo hafuura waaqayyolii qulqullootaatu jira; kanaaf ani abjuu koo isatti nan hime, 9<<Yaa Belxishaazaar isa warra ayyaana hedan gara irraa jirtuu, hafuurri waaqayyolii qulqullootaa si keessa akka jiru, dhoksaan tokko illees kan si rakkisu akka hin jirre waanan beekuuf, amma wanta ani abjuu kootti mul'ataan arge dhaga'i, ati hiikaa isaa anatti himi!#4-6 2:1-3 7 5:11-12
10<<Utuun siree koo irra ciisee jiruu mul'anni mataa koo keessa in dhufe; ilaalees muka guddaa dheeraa tokko walakkaa lafaatti nan arge; 11mukichi immoo fiixeen isaa bantii waaqaa bira hamma ga'utti in guddate, in jabaate, andaara lafaa hundumaattis in mul'ate. 12Baalli isaa nama in marara, iji isaas in baay'ata, hundumaaf soora kan ta'us isatti jira; bineensonni bakkee, isa jalatti gaaddisa in argatu; simbirroonni qilleensa keessa balali'anis damoota isaa irra in buufatu, foon kan uffate hundinuus isa irraa in soorama*.#11-12 His 31:3-14
13<<Utuun siree koo irra ciisee jiruu, mul'ata mataa koo keessa dhufe keessatti kunoo, ergamaan qulqullaa'aan dammaqee eegu tokko bantii waaqaa keessaa gad utuu bu'uu nan arge; 14innis sagalee guddaadhaan iyyee,<<Mukicha muraa, damoota isaas irraa kukkutaa, baala isaa irraa duguugaa, ija isaas bittimsaa! Bineensonni isa jalaa, simbirroonni damoota isaa irraas haa baqatan! 15Gufuu hidda isaa garuu, hidhaa sibiilaa fi sibiila diimaatiin marga bakkee warra lallaafaa keessatti hidhaatii lafa keessatti hambisaa! Fixeensa waaqaraatiin haa tortoru, ga'aan isaas marga lafaa keessatti bineensotaa wajjin haa ta'u! 16Sammuun isaa sammuu namaa irraa haa geddaramu; sammuun bineensaas isaaf haa kennamu; barri torbas isa irratti haa darbu; 17dubbii cite kana eegdota warra ergamantu abboome, murtoo kanas warra qulqulloota sanatu dubbate; kanaan inni hundumaa gara irraa jiru mootummaa namootaa irratti akka mo'u, abbaa ofii isaatii jaallateefis akka isa kennu, namoota hundumaa keessaa isa gad deebi'aas isa irra akka inni kaa'u, warri jiraatan hundinuu haa beekan!>> jedhee anatti dubbate*.#17 2:21
18<<Abjuu kana ana Nebukadnezaar mootichatu arge; beektonni mootummaa koo keessa jiran hundinuu hiikaa isaa anatti beeksisuu hin dandeenye; ati garuu yaa Belxishaazaar, hafuurri waaqayyolii qulqullootaa si keessa waan jiruuf, in dandeessa; ammas ati hiikaa isaa anatti himi!>> naan jedhe.
Daani'el Abjicha Hiikuu Isaa
19Yommus Daani'el inni maqaan isaa Belxishaazaar jedhame, na'ee afaan qabatee takka taa'ee, yaadni isaas in raafame; mootichi garuu,<<Yaa Belxishaazaar, abjichi hiikaan isaas si hin raasin!>> jedheen; Belxishaazaar deebisee,<<Yaa gooftaa ko, abjichi warra si jibbaniif, hiikaan isaas diinota keef haa ta'u! 20Mukichi ati argite, hamma fiixeen isaa bantii waaqaa bira ga'utti guddatee, jabaatees guutummaa biyya lafaatti in mul'ate, 21baalli isaa nama in marara, iji isaa baay'ee ture, hundumaaf soora kan ta'us isatti ture, bineensonni bakkee isa jala taa'an, simbirroonni qilleensa keessa balali'anis damoota isaa irra buufatan; 22inni guddatee jabaas ta'e kun si, yaa mootii! Guddinni kee itti caalee, bantii waaqaa bira ga'eera, hamma andaara lafaattis mooteetta.
23<<Akkasumas ati mootiin, ergamaa qulqullaa'aa dammaqee eegu tokko bantii waaqaa keessaa utuu gad bu'uu argiteetta; inni immoo,<<Mukicha muraa balleessaas! Gufuu hidda isaa garuu hidhaa sibiilaa fi sibiila diimaatiin marga bakkee warra lallaafaa keessatti hidhaatii lafa keessatti hambisaa! Fixeensa waaqaraatiin haa tortoru, barri torba isa irratti hamma darbuttis ga'aan isaa bineensota bakkee wajjin haa ta'u!>> jedheera; 24yaa mootii, kun abboommii isa hundumaa gara irraa jiru biraa si gooftaa koo mooticha irratti darbee dha; hiikaan isaas, 25ati namoota gidduudhaa in baafamta, iddoon jireenya kees bineensota bakkee wajjin in ta'a, akka sangaas marga in nyaatta, fixeensa waaqaraatiin in tortorfamta; inni hundumaa gara irraa jiru sun mootummaa namootaa irratti akka mo'u, abbaa ofii isaatii jaallateef akka isa kennus hamma beektutti, barri torba si irratti in darba.
26<<Akkuma gufuun hidda mukichaa lafa keessatti akka hafu abboomame immoo, inni bantii waaqaa keessa jiraatu si irratti akka mo'u yeroo bartuu jalqabee mootummaan kee siif deebi'ee akka dhaabatu hubatamaa dha. 27Kanaaf yaa mootii, gorsi koo si biratti fudhatamaa haa ta'u! Wanta qajeelaa hojjechuudhaan cubbuu kee, warra gad qabamanitti oo'a argisiisuudhaanis yakka kee of irraa cabsi! Tarii gabiitti jiraachuun kee siif in dheerata ta'a!>> jedhe*.#27 Fak 19:17; Mat 5:7
Abjichi Raawwatamuu Isaa
28Wanti kun hundinuu Nebukadnezaar mooticha irratti in raawwatame. 29Ji'a kudha lama booddee gaaf tokko mootichi bantii mana mootummaa isaa isa Baabilon irra asii fi achi deddeebi'aa utuu jiruu, 30<<Kun Baabilon guddittii, ishee ani iddoo taa'umsa mootummaa kootiif, ulfina surraa kootiif, jabina aangoo kootiin ijaare mitii ree?>> jedhe. 31Utuma dubbichi afaan mootichaa keessaa hin dhumin, sagaleen tokko karaa waaqa keessaa gad itti dhufee,<<Dubbiin kun sitti in dubbatama, yaa Nebukadnezaar mootii, amma mootummaan si harkaa fudhatameera*; 32ati namoota gidduudhaa in baafamta, iddoon jireenya kees bineensota bakkee wajjin in ta'a, akka sangaas marga in nyaatta, inni hundumaa gara irraa jiru sun mootummaa namootaa irratti akka mo'u, abbaa ofii isaatii jaallateef akka isa kennus hamma beektutti, barri torba si irratti in darba!>> jedhe.#30-31 Fak 16:18; His 31:10-11
33Yommusuma dubbichi Nebukadnezaar irratti in raawwatame; inni namoota gidduudhaa in baafame, akka sangaas marga in nyaate, hamma rifeensi isaa akka baallee joobiraa dhedheeratutti, qeensi isaas akka qeensa allaattii hamma ta'utti, dhagni isaa fixeensa waaqaraatiin tortoree ture.
Nebukadnezaar Waaqayyoon Jajuu Isaa
34<<Barri sun yommuu raawwatame immoo, ani Nebukadnezaar ol gara waaqaa nan ilaale; qalbiin koo anaaf deebi'ees maqaa isa hundumaa gara irraa jiru sanaa nan eebbise;
inni mo'ee bara baraan waan mo'uuf,
mootummaan isaas dhalootaa
gara dhalootaatti darbee waan turuuf,
ani isa bara baraan jirraatu nan jajadhe,
ulfinas nan kenneef*.
35Warri lafa irra jiraatan hundinuu
waan tokkotti hin lakkaa'aman;
inni macca bantii waaqaa keessatti,
warra lafa irra jiraatan gidduuttis
akkuma jaalala isaatti in hojjeta;
harka isaa hojjechuu irraa kan ittisu,
waan inni hojjetu kan gaafatus tokko illee hin jiru*.#34 4:3 35 Isa 40:17; Iyo 9:12
36<<Yeroo sanatti qalbiin koo anaaf deebi'ee, ulfina mootummaa kootiifis surraan koo fi simboon koo anaaf in deebi'e; warri ana mariisisanii fi gurguddoonni koo dhimmaaf na barbaadan; ani deebi'ee mootummaa koo irra nan dhaabadhe, guddinni isa durii caalus anaaf in dabalame. 37Ammas hojiin isaa hundinuu dhugaadhaan, karaan isaas qajeelaa waan ta'eef, warra adeemii isaaniitiin of gurguddisan immoo gad deebisuu waan danda'uuf, ani Nebukadnezaar mootii isa waaqa irraa nan jajadha, ulfinaa fi guddinas nan kennaaf!>> jedhe*.#37 Luq 1:51; 18:14

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in