Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 19
19
Yo'aab Ajajaan Duulaa Daawitin Gorsuu Isaa
1Daawit mootichi Abiishaalomiif boo'aa, gaddaas akka jiru yommusuma Yo'aabitti in himame. 2Loltoonni gaafas,<<Mootichi ilma isaatiif gaddaa jira>> jechuu waan dhaga'aniif, gammachuun mo'icha guyyaa sanatti argatanii namoota hundumaa biratti gaddatti in geddarame. 3Kana irratti jarreen akka namoonni yeroo lafa lolaatii baqatan sababii yeella'aniif dhokatanii adeemaniitti, hafuura dhokfatanii mandarichatti in galan. 4Mootichi immoo haguuggatee sagalee guddaadhaan,<<Wayyoo! Yaa ilma ko Abiishaalom! Wayyoo! Yaa Abiishaalom, ilma ko! Ilma ko!>> jedhee in wawwaate.
5Yeroodhuma sanatti Yo'aab gara mana mootichaa dhaqee mootichaan,<<Ati har'a, namoonni kee warri lubbuu kee, lubbuu ilmaan keetii, lubbuu intaloota keetii, lubbuu dubartoota keetii, lubbuu saajjatoota keetiis oolchan hundinuu yeella'anii lafa akka ilaalan gooteetta! 6Warra si jibban jaallachuudhaan, warra si jaallatan immoo jibbuudhaan ajajjuuwwan duulaa kee fi namoonni kee si duratti gatii akka hin qabne mul'ifteetta; Abiishaalom hafee, nuyi hundumti keenya dhumneerra utuu ta'ee, akka sitti tolu har'an bare*. 7Egaa amma ka'ii dhaqii namoota keetti dubbii garaa isaan rukutu dubbadhu! Dhugaa Waaqayyoo ti, yoo ati dhaquu dhaabaatte, namni tokko illee edana si biratti hin hafu! Kun immoo mucummaa keetii jalqabee hamma ammaatti, wanta si irra ga'e hundumaa caalaa kan sitti hammaatu in ta'a>> jedhe. 8Kana irratti mootichi ka'ee, karra mandarichaa dura in taa'e; namoonni hundinuu mootichi karra mandarichaa dura taa'aa akka jiru yommuu dhaga'an, gara isaatti in dhi'aatan; Israa'eloonni warri kaan garuu gara mana mana isaaniitti in baqatan.#6 18:5
Daawit Gara Yerusaalemitti Deebi'uu Isaa
9Yommus gosoota Israa'el hundumaa keessatti walitti falmuutu ture; isaan,<<Daawit mootichi harka diinota keenyaa jalaa nu baaseera, inni harka warra Filisxeemotaas nu oolcheera; amma garuu sababii Abiishaalomiif biyya in baqate*. 10Abiishaalom inni nuyi dibnee moosifanne lafa lolaatti du'e; egaa waa'ee mooticha deebisanii fiduu, maaliif calluma jettu?>> jedhanii wal in gaafatan*.#9 3:18; 5:17-22; 21:15-22 10 15:10
11Daawit mootichi, Zaadoqii fi Abiyaataar warra lubootatti nama ergee,<<Jaarsolii Yihudaatiin,<<Dubbii guutummaa biyya Israa'el keessatti dubbatamu ani mootichi iddoon jirutti dhaga'eera; isin ana mooticha gara mana mootummaa kootti deebisuudhaaf, maaliif warra booddee hafan taatu>> 12Isinoo obboloota koo ti, foon koo ti, dhiiga koo tis; ana mooticha gara mootummaa kootti deebisuudhaaf, maaliif warra booddee hafan taatu?>> jedhaa*! 13Amaasaadhaanis,<<Ati foon koo ti, dhiiga koo tis mitii ree>> Kanaaf ati iddoo Yo'aab ajajaa humna waraanaa taatee, bara hundumaa akka anaaf hojjettu yoon gochuu dhaabaadhe, Waaqayyo ana haa dha'u! Anatti haa dabalus!>> jedhaa!>> jedhe*. 14Inni akkasitti namoonni Yihudaa hundinuu yaada tokkichaan gara isaatti akka deebi'an in godhe; isaanis mootichatti nama erganii,<<Ati deebi'ii gali, hojjetoonni kee hundinuus deebi'anii haa galan!>> jedhan.#12 5:1 13 17:25
15Yommus mootichi deebi'ee galuudhaaf hamma laga Yordaanositti in dhufe; namoonni Yihudaas mooticha simatanii laga Yordaanos ceesisuudhaaf Giilgalitti itti in adeeman. 16Shime'iin ilmi Geraa namni gosa Beniyaamin immoo Daawit mooticha simachuudhaaf, namoota Yihudaa wajjin mandara Bahuriimii ka'ee ariifatee gad in bu'e*. 17Gosa Beniyaamin keessaa namoonni kumni tokko isaa wajjin turan; kana malees Ziibaan inni mana Saa'ol keessa hojjetu, ilmaan isaa kudha shananii fi hojjetoota isaa digdammanii wajjin isa duukaa ture; namoonni kun fiigichaan laga Yordaanos iddoo mootichi jiru in ga'an*. 18Isaan maatii mootichaa ceesisuudhaaf, wanta mootichatti tolus gochuudhaaf karaa malkaa ce'umsaa in ce'an; mootichi laga Yordaanos utuu hin ce'in, Shime'iin ilmi Geraa isa duratti lafa dha'ee*, 19<<Yaa gooftaa ko, yakka koo anatti hin lakkaa'in! Isa ani garbichi kee guyyaa ati gooftaan koo mootiin koo Yerusaalemii baatee si yakke anatti hin yaadatin! Garaa kee keessas hin kaa'atin! 20Ani garbichi kee cubbuu hojjechuu koo beekeera; amma garuu, gosa Yoseef keessaa isa duraa ta'ee gad bu'ee, si gooftaa koo mooticha simachuudhaaf dhufuun koo si duratti haa yaadatamu!>> jedhe. 21Yommus Abiishaayi inni Zeruyaan deesse immoo,<<Namichi<<Shime'ii>> jedhamu kun isa Waaqayyo dibee moosise waan abaareef, ajjeefamuutu ta'aaf mitii ree?>> jedhe. 22Daawit garuu deebisee,<<Isin yaa ilmaan Zeruyaan deessee, dubbii koo keessa maaltu isin galche>> Har'a isin diina anatti taatan; ani har'a Israa'el irratti mootii akkan ta'e beekeera mitii ree>> Egaa har'a biyya Israa'el keessaa namni tokko illee ajjeefamuun in ta'aa ree?>> jedhe*. 23Mootichi kana booddee Shime'iidhaan,<<Hin ajjeefamtu!>> jedhee, dubbii isaa kakaadhaan in cimseef*.#16 16:5-14; 1Mot 2:8 17 9:2,10; 16:1-4#18 16:5 22 3:39; 16:10#23 1Mot 2:8-9
24Mefii-Bosheet ilmi ilma Saa'olis immoo mooticha simachuudhaaf itti in adeeme; guyyaa mootichi manaa ba'ee jalqabee hamma guyyaa inni nagaadhaan deebi'ee galeetti, Mefii-Bosheet miilla isaa hin dhiqanne, areeda isaa isa gararraa hin murmuranne uffata isaas hin miiccanne*. 25Yommuu inni Yerusaalemii ba'ee mooticha simachuu dhufe, mootichi immoo,<<Yaa Mefii-Bosheet, ati maaliif anaa wajjin ba'uu dhiifte?>> jedhee isa in gaafate. 26Mefii-Bosheet deebisee,<<Yaa gooftaa ko, yaa mootii! Ani garbichi kee naafa waanan ta'eefan, hojjetaa kootiin,<<Mooticha duukaa akkan adeemuuf harree anaaf fe'i!>> nan jedhe; inni immoo ana in gowwoomse. 27Kana malees inni si gooftaa koo mooticha biratti maqaa koo balleesseera; ati gooftaan koo mootichi garuu akka ergamaa Waaqayyoo ti; egaa waanuma gaarii ta'ee sitti mul'ate hojjedhu*! 28Ati gooftaan koo mootichi maatii abbaa kootii guutummaatti ajjeesuu in dandeessa turte; haa ta'u iyyuu malee, ana garbicha kee warra maaddii kee irraa nyaatanii wajjin taa'ee akkan nyaadhu gooteetta; egaa si'achi waanan jedhee mootichatti iyyadhu hin qabu!>> jedhe*.
29Mootichi deebisee Mefii-Bosheetiin,<<Ati maaliif keessa deebitee waa'ee dhimma keetii dubbatta>> Atii fi Ziibaan maasicha akka hirmattan murtoo godheera>> jedhe*.
30Mefii-Bosheet kana irratti mootichaan,<<Ati gooftaan koo mootichi nagaadhaan manatti erga galtee, hunduma isaa iyyuu haa fudhatu!>> jedhe.#24 9:6 27 14:17; 1Sam 29:9#28 9:7 29 9:9-10; 16:3-4
Daawit Mootichi Baarzilaayitti Gaarummaa Argisiisuu Isaa
31Baarzilaayi Giil'aadichis immoo mooticha Yordaanosin ceesisee geggeessuudhaaf Rogeeliimii ka'ee gad in bu'e. 32Namichi baay'ee dulloomaa jaarsa waggaa saddeettamaa ti; inni nama guddaa, badhaadhaas waan tureef, yeroo mootichi Mahanaayimin buufatetti, nyaata isa barbaachisu in kenneef*. 33Mootichi yommus Baarzilaayiin,<<Anaa wajjin ce'iitii Yerusaalem dhaqi! Anis nyaata si barbaachisu siif nan kenna>> jedhe. 34Baarzilaayi garuu mootichaan,<<Si'achi barri jireenya kootii hammamii iyyuun, si mootichaa wajjin Yerusaalemitti ol ba'a>> 35Ani amma nama waggaa saddeettamaa ti; wanta gaarii fi wanta hamaa gargar baasee beekuu nan danda'aa ree>> Ani garbichi kee wanti ani nyaadhuu fi wanti ani dhugu in miyaa'aa fi hin miyaa'uu isaa beekee nan himaa ree>> Ani si'achi sagalee dhiirotaa fi dubartoota weeddisanii dhaggeeffachuu nan danda'aa ree>> Egaa ani garbichi kee maaliifan si gooftaa koo mootichatti ba'aa ta'a ree>> 36Ati maaliif akka gatiitti fudhattee kan akkasii anaaf gochuu yaadde>> Ani garbichi kee amma si mootichaa wajjin Yordaanosin ce'ee xinnoo ishee sin geggeessa.#31-32 17:27; 1Mot 2:7
37<<Ani garbichi kee mandara ani itti dhaladhe keessatti, lafa awwaalli abbaa kootii fi haadha kootii jirutti akkan du'uuf, deebi'uu nan barbaada; garuu Kiimhaam garbichi kee as jira! Inni si gooftaa koo wajjin ce'ee haa dhaqu! Wanta gaarii ta'ee sitti mul'ate isaaf godhi!>> jedhe. 38Mootichi yommus,<<Haa ta'u, Kiimhaam anaa wajjin haa dhaqu! Ani waanuma si gammachiisu isaaf nan godha, wanta ati akkan siif godhu ana irraa barbaaddu hundumaas immoo siif nan raawwadha>> jedhe. 39Kana booddee namoonni hundinuu Yordaanosin in ce'an; mootichis ce'ee, Baarzilaayin dhudhungatee eebbisee nagaa itti in dhaame; Baarzilaayis deebi'ee gara mana isaatti in gale.
40Mootichi Giilgalitti yeroo ce'etti, Kiimhaamis isaa wajjin in ce'e; loltoonni Yihudaa hundinuu, loltoota Israa'el keessaa immoo harki walakkaan mooticha duukaa turan. 41Yommus namoonni Israa'el hundinuu gara mootichaa dhufanii,<<Obboloonni keenya namoonni Yihudaa maaliif si mooticha fudhatanii, maatii kee fi namoota kee hundumaa wajjin Yordaanosin ceesisan?>> jedhanii in gaafatan. 42Namoonni Yihudaa hundinuu immoo deebisanii Israa'elootaan,<<Sababii mootichi aantii keenya ta'eef ceesifne; isin immoo maaliif waa'ee kanaatiif aartanii dubbattu>> Nuyi mooticha irraa waa nyaannee ree>> Yookiis kennaa fudhannee ree?>> jedhan. 43Kana irratti namoonni Israa'el deebisanii namoota Yihudaatiin,<<Mootichi kan keessan caalaa harka kudhan kan keenya ta'uun isaa beekamaa dha! Daawitin deebisuutti nutu qooda caalaa qaba, egaa maaliif nu tuffattan ree>> Waa'ee mootii keenya deebifnee fiduu nutu dura dubbate mitii ree?>> jedhan; namoonni Yihudaa garuu namoota Israa'el caalaa sagalee jabaadhaan deebii in kennan.
Currently Selected:
Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 19: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.