Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 17
17
Gorsi Ahiitofel Kenne Gatii Dhabuu Isaa
1Ahiitofel itti dabalee Abiishaalomiin,<<Ka'eetan namoota kuma kudha lama fo'adhee, halkanuma kana Daawitin hordofa. 2Utuu inni dadhabee humni isaa laafee jiruu, isa irra ba'ee isa nan rom'isiisa; yeroo kanatti namoonni isaa wajjin jiran hundinuu in baqatu, ani immoo mooticha isa kophaatti hafe sana rukutee nan ajjeesa. 3Namoota hundumaa siif nan deebisa; nama isa ati barbaaddu irraa kan hafe, namoonni warri kaan deebi'anii nagaatti in jiraatu>> jedhe. 4Yaadni inni dhi'eesse, Abiishaalomii fi jaarsolii Israa'el hundumaa biratti qajeelaa fakkaatee in mul'ate.
5Haa ta'u iyyuu malee, Abiishaalom,<<Wanta Hushaayi Arkaa'ichi jedhus immoo akka dhageenyutti, mee isa waamaa!>> jedhe*. 6Hushaayi gara Abiishaalom yommuu dhufe, Abiishaalom yaada Ahiitofel kenne isatti mul'isee,<<Yaada inni nuuf kenne kana duukaa buunuu?<<Kun hin ta'u>> yoo jette immoo, yaada ofii keetii qabdu dubbadhu!>> ittiin jedhe.#5 16:16
7Hushaayi deebisee Abiishaalomiin,<<Gorsi Ahiitofel yeroo kana kenne kun ba'eessa miti! 8Daawit abbaan kee fi namoonni abbaa keetii, loltoota jajjaboo, akka amaaketa dhaltuu ishee ilmaan ishee bakkee keessatti jalaa butatanii sodaachisoo akka ta'an ati beekta! Kana malees, abbaan kee nama lola itti beeku waan ta'eef, loltootaa wajjin iddoo tokko hin bulu. 9Inni ammuma iyyuu holqa dhagaa keessa yookiis iddoo tokko dhokatee jira ta'a; inni harka dursee loltoota kee yoo rukute, namni waa'ee kanaa dhaga'u,<<Loltoonni gara Abiishaalom goran lafa lolaatti dhumaniiru>> in jedha. 10Israa'eloonni hundinuu abbaan kee nama lolatti beekamaa akka ta'e, warri isaa wajjin jiranis loltoota jagna akka ta'an waan beekaniif, loltuu jagni akka leencaa garaan isaa waa hin shakkine iyyuu na'ee bishaan in ta'a. 11Egaa kanan si gorsu Israa'eloota Daanii hamma Bersheebaatti jiran hundumaa of biratti walitti qabi! Isaan akka cirracha galaana qarqaraa baay'atan kana fudhadhuutii lolaaf ba'i! 12Yommus nuyi iddoodhuma inni itti argamu dhaqnee, akkuma fixeensa lafa bu'uutti isa irratti lafa in dhoofna; isas, namoota isaas tokko illee utuu hin hambisin in fixna. 13Inni gara booddeetti deebi'ee mandara tokkotti yoo gale, Israa'eloonni hundinuu gara mandara sanaatti wadaroo in fidu; nuyi immoo mandarattii diignee dhagaa tokko illee achitti utuu hin hambisin, wadaroo kanaan gad harkifnee dachaa keessa in buufna>> jedhe.
14Abiishaalom, namoonni Israa'elis guutummaatti,<<Gorsi Hushaayi Arkaa'ichaa gorsa Ahiitofel irra in caala!>> jedhan; Waaqayyo sababii Abiishaalom irratti wanta hamaa fiduu yaadeef, gorsa ba'eessa isa Ahiitofel kenne, akka inni hin fudhanne godhe*.#14 15:31
Daawit Baqatee Ba'uu Isaa
15Hushaayi yeroo sanatti Ahiitofel gorsa attamii Abiishaalomii fi jaarsolii Israa'eliifis akka kenne, inni ofii isaatii immoo maal akka isaan gorse Zaadoqii fi Abiyaataar warra lubootatti in hime. 16Itti dabalees,<<Amma ariitiidhaan Daawititti nama ergaatii,<<Laga Yordaanos ce'i malee, dachaa isa gara lafa onaatti ceesisu keessa hin bulin! Yoo akkas gochuu dhaabaatte, ati mootichi in ajjeefamta, namoonni sii wajjin jiran hundinuus in dhumu>> jedhaa itti himaa!>> jedhe.
17Yonaataanii fi Ahimaaz mul'atanii mandara Yerusaalemitti lixuu waan hin dandeenyeef, burqaa <<En-Rogeel>> jedhamu bira in dhaabatu turan; xomboreen tokkos dhaqxee, dhaamsa sana isaanitti in himte; isaan immoo dhaqanii wanta dhaga'an Daawit mootichatti himuuf turan. 18Gaafas gurbaan tokko isaan argee Abiishaalomitti in hime; kana irratti jarri lamaan ariitiidhaan ba'anii, gara mandara Bahuriim dhaqanii mana nama tokkootti in goran; namichi oobdii isaa keessaa boolla bishaanii qabaa iyyuu, isaan immoo boollicha keessa lixan. 19Haati manaa namichaa immoo qadaada boolla bishaanichaa irra waa diriirsitee, midhaan irra in afte; namni tokko illees waa'ee kanaa hin beekne.
20Hojjetoonni Abiishaalom gara mana sanaa dhufanii,<<Ahimaazii fi Yonaataan eessa jiru?>> jedhanii haadha manaa namichaa in gaafatan; isheen immoo,<<Isaan laga bishaanii kana ce'anii sokkaniiru>> jettee deebifteef; hojjetoonni sun yommus isaan barbaadanii dhabanii, gara Yerusaalemitti in deebi'an. 21Erga isaan adeemanii booddee, Ahimaazii fi Yonaataan boollicha keessaa ba'anii, dubbicha Daawit mootichatti himuu in dhaqan; isaan Daawitiin,<<Ahiitofel waan hamaa si irratti fiduudhaaf jara waan gorseef, ka'iitii ariitiidhaan lagicha ce'i!>> jedhan. 22Daawit, namoonni isaa wajjin turan hundinuus ka'anii laga Yordaanos in ce'an; yeroo boruun baqaqetti namni laga Yordaanos hin ce'in hafe tokko illee hin turre. 23Ahiitofel gorsi isaa akka hin fudhatamin yommuu hubate, harree isaa fe'atee ka'ee gara mandara isaa in dhaqe; mana isaatti galee, namoota mana isaatiif erga dhadhaamee booddee of rarraasee du'ee, awwaala abbaa isaatii biratti in awwaalame*.#23 1Mot 31:4; 2Sam 15:31; 1Mot 16:18; Mat 27:5
24Abiishaalomii fi Israa'eloonni warri isa duukaa turan hundinuu laga Yordaanos yommuu ce'an, Daawit immoo dur mandara Mahanaayim ga'e. 25Abiishaalom yeroo sanatti Amaasaa iddoo Yo'aab buusee loltoota irratti abbaa duulaa akka inni ta'u in godhe; Amaasaan kun ilma Yeter Iraa'eltichaa isa Abigaayil intala Naa'ash fuudhee ti; Abigaayil obboleettii Zeruyaa ishee Yo'aabin deessee ti. 26Abiishaalom namoota Israa'el warra gara isaa goranii wajjin biyya Giil'aad keessa in buufate.
27Daawit mandara Mahanaayimitti yommuu gale, Shobii ilmi Naa'ash, inni Raabaa mandara Amoonotaatii dhufe, Maakiir ilmi Amii'el inni mandara Lodebaarii dhufe, Baarzilaayi Giil'aadichi inni mandara Rogeeliimii dhufe isa in simatan*. 28Isaan wanta irra ciisan, caabii, qodaa suphee irraa hojjetaman, qamadii, garbuu, daakuu, akaayii baaqilaa, misira, midhaan akaa'amaa, 29damma, itittuu, hoolaa, baadduus in dhi'eessan; warri dhi'eessanis,<<Daawit, namoonni isaa wajjin jiranis lafa onaa kana keessatti beela'aniiru, dheebotaniiru, laabba'aniirus waan ta'eef, ittiin haa gargaaraman!>> jedhan.#27 9:4; 19:31-39
Currently Selected:
Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 17: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.