YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 36

36
Yeho'ahaaz Mootii Yihudaa Ta'uu Isaa
(2Mot 23:30-35)
1Kana booddee sabni Yihudaa, Yeho'ahaazin ilma Yosiyaas iddoo abbaa isaatii Yerusaalemitti in moosifatan. 2Yeho'ahaaz dhalatee waggaa digdamii sadiitti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee ji'a sadii in mo'e. 3Kana booddee mootiin Gibxii Yerusaalem keessaa Yeho'ahaazin mooticha teessoo mootummaa isaa irraa buusee, biyyichi immoo meetii kiilo graamii kuma sadii fi dhibba afur akkasumas warqee kiilo graamii soddomii afur akka baasu itti in mure. 4Ergasii Nekoon mootiin Gibxii Eliyaaqim obboleessa Yeho'ahaaz Yerusaalemii fi Yihudaa irratti moosisee, maqaa isaa immoo Yehoyaaqiimitti in geddare; Yeho'ahaazin obboleessa Eliyaaqim immoo fuudhee biyya Gibxiitti in geesse*.#4 22:11-12
Yehoyaaqiim Mootii Yihudaa Ta'uu Isaa
(2Mot 23:36–24:7)
5Yehoyaaqiim dhalatee waggaa digdamii shanitti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha tokko in mo'e; inni Waaqayyo gooftaa isaa duratti wanta hamaa in hojjete*. 6Yommus Nebukadnezaar mootiin Baabilon Yehoyaaqiimitti duulee qabatee funyoo sibiila borrajjiitiin hidhee gara biyya Baabilonitti isa in geesse*. 7Akkasumas immoo mi'a mana qulqullummaa keessaa gar tokko fudhatee mana mootummaa isaa keessa in kaa'ate. 8Yehoyaaqiim bara mootummaa isaa keessa kan inni hojjete keessaa warri hafan, wanti ciiggaasisaan inni hojjetee fi wanti hamaan isatti dhufe hundinuu macaafa mootota Israa'elii fi mootota Yihudaa keessatti caafameera; kana booddee immoo Yehoyaakiin ilma isaatu mootii ta'ee iddoo isaa fudhate.#5 Er 22:18-19; 26:1-6; 35:1-19 6 Er 25:1-36; 36:1-32; 45:1-5; Dan 1:1-2
Yehoyaakiin Mootii Yihudaa Ta'uu Isaa
(2Mot 24:8-17)
9Yehoyaakiin dhalatee waggaa kudha saddeetitti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee ji'a sadii fi guyyaa kudhan in mo'e; innis immoo fuula Waaqayyoo duratti wanta hamaa in hojjete. 10Birraan yommuu bari'e Nebukadnezaar mootichi namoota ergee, mi'a mana qulqullummaa keessaa isa gati-jabeessaa wajjin gara biyya Baabilonitti isa in fichisiise; kana booddee Zedeqiiyaa wasiila Yehoyaakiin biyya Yihudaa fi Yerusaalem irratti in moosise*.#10 Er 22:24-30; 24:1-10; 29:1-2; 37:1; His 17:12,13
Zedeqiiyaan Mootii Yihudaa Ta'uu Isaa
(2Mot 24:18-20; Er 52:1-3)
11Zedeqiiyaan dhalatee waggaa digdamii tokkotti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha tokko in mo'e*. 12Innis immoo fuula Waaqayyo gooftaa isaa duratti wanta hamaa in hojjete, dubbii Waaqayyoo isa Ermiyaas raajichi isatti dubbates dhaga'ee gad of hin deebifne. 13Nebukadnezaar mooticha isa maqaa Waaqayyootiin isa kaksiise irrattis immoo in ka'e; inni mata-jabeessa, gara-jabeessas waan ta'eef, gara Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'elitti hin deebine*. 14Akkasumas luboonni warri angafoonnii fi namoonni hundinuu isa durii caalaa amanamummaa dhabanii wanta ciiggaasisaa isa sabni lafa irraa warri kaan hojjetan hundumaa duukaa bu'anii mana qulqullummaa isa Waaqayyo ofii isaatiif Yerusaalem keessatti qulqulleesse in xureessan.#11 Er 27:1-22; 28:1-17 13 His 17:15
Yerusaalem Kufuu Ishee
(2Mot 25:1-21; Er 52:3-11)
15Waaqayyo inni kan abboota isaanii saba isaatiif, mana qulqullummaa isaatiifis waan oo'eef, si'a baay'ee ergamoota isaa gara isaaniitti ergee isaan akeekkachiisee ture. 16Isaan garuu ergamoota Waaqayyootti in ga'isan, dubbii Waaqayyoo in tuffatan; raajota isaattis in qoosan; kanaaf dheekkamsi Waaqayyoo inni jalaa ba'uun hin danda'amne saba isaa kana irratti dhufe. 17Waaqayyo yommus mootii Baabilon isaanitti in kaase, inni immoo dargaggoota isaanii iddoo qulqullaa'aa keessatti billaadhaan in ajjeese; ijoollota dhiiraa fi ijoollota durbaa, warra dulloomanii fi warra lafa guuran hundumaaf garaa hin laafne; hunduma isaanii Waaqayyo harka mootii Baabilon kanatti dabarsee in kenne*. 18Yommus mootichi mana qulqullummaa keessaa mi'a gurguddaa fi mi'a xixinnaa akkasumas qabeenya mana qulqullummaa fi mana mootummaa, qabeenya hojjetoota mootichaa warra gurguddootaa hundumaa fudhatee Baabilon biyya isaatti in gale. 19Warri Baabilon yommus mana qulqullummaa ibiddaan in guban; dallaa mandara Yerusaalemis in diigan; akkasumas manneen mootummaa hundumaa ibiddaan gubanii, mi'a isaa isa gati-jabeessa caccabsanii in balleessan*.#17 Er 21:1-10; 34:1-5 19 1Mot 9:8
20Kana booddee immoo Nebukadnezaar namoota warra billaa irraa hafan booji'ee, biyya Baabilonitti in geesse; isaan hamma bara biyyi Faares kaatee mootummaa argateetti mootichaaf, ilmaan isaatiifis garba ta'anii in hojjetan. 21Akkasitti dubbiin Waaqayyoo inni afaan Ermiyaas raajichaatiin dubbatame in raawwatame; waggaa torbaatama hamma isaan biyya itti booji'aman keessa jiraatan kana hundumaa biyyichi onee bara boqonnaa isa dur dhabee ture in argate*.#21 Er 25:11; 29:10
22Dubbiin Waaqayyoo inni karaa Ermiyaas raajichaa dubbatame akka raawwatamutti, Qiiros mootiin Faares mo'ee waggaa tokkoffaatti, Waaqayyo yaada Qiiros mootii Faares in kaase; kanaaf Qiiros mootichi akka kanatti aanee jirutti guutummaa mootummaa isaa keessatti labsii labsisiisee, caaffataanis baasee, 23<<Ani Qiiros mootiin Faares,<<Waaqayyo gooftaan bantiiwwan waaqaa, mootummoota biyya lafaa hundumaa anaaf kenneera, Yerusaalem ishee Yihudaa keessaatti mana qulqullummaa isaaf akkan ijaaruuf na abboomeera; kanaaf isin keessaa saba isaa kan ta'e hundinuu ka'ee haa dhaqu! Waaqayyo gooftaan isaas isaa wajjin haa ta'u!>> kan jedhu ana Qiiros mootii Faares biraa ba'eera>> jedhe*.#23 Isa 44:28

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Video for Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 36