Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 35
35
Yosiyaas Ayyaana Faasiikaa Ayyaaneffachuu Isaa
(2Mot 23:21-23)
1Yosiyaas mootichi yommus Waaqayyoof ayyaana Faasiikaa Yerusaalemitti in ayyaaneffate; ji'a isa duraa keessaa guyyaa kudha afuraffaatti hoolaan Faasiikaa in qalame. 2Inni mana qulqullummaa keessa akka isaan hojjetaniif luboota jajjabeessee hojii hojii isaanii irra isaan in dhaabe. 3Kana booddee immoo Lewwoota warra guutummaa Israa'el barsiisanii fi warra Waaqayyoof qullaa'anitti dubbatee,<<Sanduuqa kakuu isa qulqullaa'aa kana mana qulqullummaa isa Solomoon ilmi Daawit mootiin Israa'el ijaare keessa kaa'aa malee, gatiittii keessan irratti baatanii hin adeeminaa! Amma isin Waaqayyoof, saba isaa Israa'eliifis hojjedhaa! 4Akka Daawit mootiin Israa'elii fi ilmi isaa Solomoon dur caaffataan seera isiniif dhaabanitti, akka maatii keessanitti kutata kutataan hojichaaf of qopheessaa*! 5Warri hojicha hojjettan, kutata Lewwootaa wajjin akka kutata kutata maatii keessaniitti, obboloota keessan warra kaan, warra hojicha keessaa hin qabne gargaaruudhaaf iddoo qulqullaa'aa dhaabadhaa! 6Of qulqulleessaatii hoolaa Faasiikaa qalaa! Akka abboommii isa Waaqayyo karaa Musee abboomeetti akka godhaniif obboloota keessaniifis qopheessaa!>> jedhe.#4 8:14
7Yosiyaas yommus qabeenya isaa keessaa ayyaana Faasiikaaf kan dhi'eeffaman ilmoolee bushaayee kuma soddomaa fi saawwan kuma sadii jarreen achitti walitti qabaman sana hundumaaf in kenne. 8Hojjetoonni isaa warri gurguddoonni fedha isaaniitiin jaraaf, lubootaaf, Lewwootaafis akkasuma in kennan; warri hojii mana qulqullummaa geggeessan Hilqiiyaan, Zakaariyaasii fi Yehii'el aarsaa ayyaana Faasiikaaf bushaayee kuma lamaa fi dhibba ja'aa fi saawwan dhibba sadii lubootatti in kennan. 9Kanatti aanee immoo Konaanyaan obboloota isaa Shemaa'iyaanii fi Netaani'elii wajjin akkasumas Hashabiiyaan, Yei'elii fi Yozaabaad warri geggeessitoota Lewwootaa qalma ayyaana Faasiikaatiif dhi'aatuuf ilmoolee bushaayee kuma shanii fi saawwan dhibba shan in kennan.
10Wanti hundinuu erga qophaa'ee booddee, akkuma mootichi abboomeetti luboonni iddoo iddoo isaanii, Lewwoonnis akka akka kutata isaaniitti hojjechuudhaaf in dhaabatan. 11Hoolonni Faasiikaa in gorra'aman, Lewwoonni hoolota gorra'aman sana irraa gogaa baasaa utuu jiranii, luboonni immoo dhiiga isa isaanitti kenname fuudhanii in facaasan. 12Yommus macaafa Musee keessatti caafamee akka jirutti jarri akka kutata maatii isaaniitti Waaqayyoof akka dhi'eessaniif isaaniif kennuudhaaf, isa qalma gubamuuf ta'u akkasumas saawwan kophaatti in baasan. 13Akkuma abboomamanitti foon horii Faasiikaaf qalame sana in waadan; kennaa isa qulqullaa'aa sana garuu xuwweetti, huurootti, okkoteettis affeelanii namoota hundumaaf dafanii in dhi'eessan*. 14Kana booddee immoo ofii isaaniitiif lubootaafis in qopheessan; luboonni warri sanyii Aaron aarsaa gubamuu fi cooma aarfamu hamma halkaniitti dhi'eessaa waan turaniif, Lewwoonni ofii isaaniitiif akkasumas warra lubootaaf wanta barbaachisu in qopheessan. 15Faarfatoonni warri sanyii Asaaf akkuma dur Daawit, Asaaf, Hemaanii fi Yedutuun ilaaltuun mootichaa abboomanitti iddoo isaanii in ijaajjan; Lewwoonni obboloonni isaanii wanta barbaachisu isaaniif waan qopheessaniif, warri karaa hundumaa karra eeganis iddoo iddoo isaaniitii hin adeemne*.#13 Bau 12:8-9 15 1Sen 25:1
16Akkasitti guyyaa sana ayyaanni Faasiikaa akka ayyaaneffatamuuf Waaqayyoof sagaduuf wanti barbaachisu tarree tarreedhaan in qophaa'e; ayyaanni Faasiikaa kun yommuu ayyaaneffatame Yosiyaas mootichi akkuma abboometti, iddoo irratti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan irratti qalmi gubamu in dhi'aate. 17Israa'eloonni warri achitti argaman yeroo sana akkasitti ayyaana Faasiikaa fi ayyaana Maxinoo guyyaa torba in ayyaaneffatan*. 18Erga bara Saamu'el raajichaatii ayyaanni Faasiikaa akkasitti biyya Israa'el keessatti ayyaaneffatamee hin beeku; mootota Israa'el keessaa tokko illee akka Yosiyaas mootichaatti lubootaa fi Lewwoota, guutummaa namoota Yihudaa fi namoota Israa'el warra iddoo sanatti argamanii fi namoota Yerusaalem keessa jiraatanii wajjin ayyaana Faasiikaa akkasii ayyaaneffatee hin beeku! 19Ayyaanni Faasiikaa kun Yosiyaas mo'ee waggaa kudha saddeettaffaa isaa keessa in ayyaaneffatame.#17 Bau 12:1-20
Barri Mootummaa Yosiyaas Dhumuu Isaa
(2Mot 23:28-30)
20Yosiyaas mana qulqullummaa akka ta'utti erga qopheessee booddee, Nekoon mootiin Gibxii lolaaf gama mandara Karkemiish ishee qarqara laga Efraaxiis jirtutti ol in ba'e; yommus Yosiyaas achitti isatti in duule. 21Kanaaf Nekoon mootichi namoota isatti ergee,<<Yaa mootii Yihudaa! Anii fi ati maal irratti wal geenya>> Ani warra na lolu loluufan dhufe malee, si loluuf as hin dhufne; Waaqayyo inni anaa wajjin jiru akka ani ariifadhuuf waan na abboomeef, akka inni si hin balleessinetti isaan hin mormin>> jedhe.
22Yosiyaas garuu wallaalchifatee isa loluu dhaqe malee, isa irraa hin deebine; wanta Nekoon akka abboommii Waaqayyootti isatti hime dhaga'uu didee, dachaa Megidootti isa loluu in dhaqe. 23Yommus warri iddaadhaan xiyya darbatan tokko xiyyaan Yosiyaasin in waraanan; kana irratti inni immoo hojjetoota isaa warra gurguddootaan,<<Ani baay'ee madaa'eeraatii na fuudhaatii adeemaa!>> jedhe. 24Hojjetoonni isaa sun konkolaataa isaa irraa gad isa buusanii, konkolaataa isaa isa lammaffaa irra isa kaa'anii gara Yerusaalemitti isa in fidan; inni achitti du'ee iddoo awwaala abboota isaa keessatti in awwaalame; namoonni Yihudaa fi namoonni Yerusaalem hundinuu Yosiyaasiif in gaddan.
25Yommus Ermiyaas raajichi Yosiyaasiif faarfannaa gaddaa in baaseef; hamma har'aatti iyyuu faarfatoonni dhiironnii fi dubartoonni hundinuu faarfannaa isaanii keessatti waa'ee Yosiyaas in yaadatu; wanti kun Israa'el keessatti amala ta'eera, faarfannaa gaddaa keessattis caafameera.
26Seera Waaqayyoo keessatti caafamee akkuma jirutti hojii gaarii Yosiyaas bara mootummaa isaa keessa hojjete keessaa warri hafan, 27hojiin isaa hundinuu jalqabaa kaasee hamma dhumaatti, macaafa mootota Israa'elii fi mootota Yihudaa keessatti caafameera.
Currently Selected:
Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 35: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.