Wongeela Maarqoosii Seensa
Seensa
Wongeelli Maarqoosii, “Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristosii Ilma Waaqaa kana” jedhiisaan jalqaba. Oduu Gammaddaa tana keessatti Yesuus nama huji'iitii fi nama baallii qabu te'ee dhikaateera. Baalliin isaalle: Barsiisa isaatiin, durriisota irratti hunna qabuu fi cubbuu namaatiif araara kenniisaan mudhatteerti. Yesuus, “Kolbaa garbooma cubbu'uu jalaa bilisa baasiisaaf jiruu tiyya wodoo godhee kenniisaaf ka dhufe ani Ilma Namaa ti” jedhee ifumaafuu dubbateera.
Maarqoos dabarsii Yesuusii dubbi'ii fi barsiisa isaa irratti adoo hin te'in irra caalaa hujii bilbaasaa ka inni huje irratti xiyyeeffatee, karaa qajeela'aa fi jaba'aan dhikeesse. Marroo dabarsii Yohaannisii cuupha'aa, marroo cuuphamiisaa fi ataabamiisa Yesuusii, seensa gabaabaa kenneen duuba, marroo barsiisiisaa fi dhibee irraa fayyisiisa Yesuusii badhinnaan barreesseera. Yenna'aan duuba hordofattooti Yesuusii akkuma irraa caalaa Yesuus beekaa deemaneen, worri Yesuus falamulle irra caalaa isa jibbaa deeme. Fooroti dhumaa, torbaan dhumaa keessatti, jiruu Yesuusiititti waan muummowe, keessattu marroo fannifamiisaa fi du'aa ka'iisa isaa dubbata.
Dhuma Wongeelaa irratti dalleya keessatti ka dhikaate yaadi lamaan barreeffama durii garii keessa calla'atti dhaggama.
Haadhoo Dubbi'ii
Jalqaba Wongeelaa 1:1-13
Huji Yesuus Galiilaa keessatti huje 1:14--9:50
Yesuus Galiila'aa gara Yerusaamii dhaqe 10:1-52
Yesuus torbaan dhumaa Yerusaalemii fi adaala isi'iititti 11:1--15:47
Du'aa ka'iisa Yesuusii 16:1-8
Mudhatiisaa fi ol bayiisa Goottaa du'aa ka'ee 16:9-20
Currently Selected:
Wongeela Maarqoosii Seensa: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.