YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Maatewoosii 25

25
Mammaassa Durroota Kudhanii
1Yesuus itti aansee, “Yennaa san mootummaan ol-gubba'aa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti. 2Durroota san keessaa shanan gowwoole'e, shanan qaroole'e. 3Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa'atti naqatanu hin qabanne. 4Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote'etti qabatane. 5Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane.
6Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo'oon, ‘Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya'a!’ waamichi jedhu dhage'ame. 7Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimiidhaaffatte. 8Durri gowwooleen sun worra qaroole'een, ‘Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna'a’ jedhaneen. 9Durri qarooleen deebisanee, ‘Waawwo'o! Nu'uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadha'a’ jedhaneen. 10Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophooteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante.
11“Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, ‘Gootta'a, Gootta'a! Nuu bani!’ jedhaneen. 12Inni ammoo deebisee, ‘Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beeku’ jedheen. 13Tanaaf, guyyaa san yookiin sa'aatii waan hin beenneef dammaqa'aa eegadha'a!” jedhe.
Mammaassa Worra Beeseen Worqi'ii Itti Kennantee
(Luq 19:11-27)
14Yesuus itti dabalee, “Mootummaan ol-gubba'aa akka nama biyya fago'oo dhaqiisaaf ka'ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti; 15Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof beesee saantimii worqi'ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaanille'eef kuma tokko kennee gara biyya fago'oo deeme. 16Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate yoosuma ittiin daddallee, beesee saantimii worqi'ii kuma shan keessaa buufate. 17Akkuma san, namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle kuma lama keessaa baafate. 18Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhate ammoo, dhaqee boolla qotee beesee gootta'aa san awwaale.
19“Yennaa dheertu'uun duuba goottaan tajaajiltoota sanii dhufee isaan woliin herregate. 20Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate, ta dhibii kuma shan fidee dhufee, ‘Gootta'a, ati beesee saantimii worqi'ii kuma shan anatti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma shan keessaa buuseera’ jedhe. 21Goottaan isaa, ‘Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!’ jedheen. 22Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle dhufee, ‘Gootta'a, ‘Ati beesee saantimii worqi'ii kuma lama anatti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma lama keessaa buuseera’ jedheen. 23Goottaan isaa, ‘Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha’ jedhe; koy gara gammada goottaa keetii gali!’ jedheen. 24Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhatelle dhufee, ‘Gootta'a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka; 25tanaaf ani sodaadhee, dhaqee beesee teeti boollatti awwaale. Beeseen teeti kunoo ti’ jedheen.
26“Goottaan isaa ammoo, ‘Ati tajaajilaa hama'aa fi booseya#25:26 booseya: afachaala! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii? 27Ati beesee tiyya worra dhalaan fudhatu bira anaaf kewu'uu malte; ani yennaa deebi'e silaa beesee tiyya dhala woliin fudhadhaayyu. 28Maarre beesee san isa irraa fuudha'aatii, namicha beesee saantimii worqi'ii kuma kudhan qabuuf kenna'a. 29Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille'e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabanuuyyuu irraa hin fudhatanti. 30Tajaajilaa gatii hin qanne kana, dukkana alaatitti gad gata'a, achitti booyaa ilkaan qara’ jedhe” isaaniin jedhe.
Muraa Muumme'ee
31Yesuus ammalle, “Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee'a. 32Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re'ee irraa gargar foyu, innille kolbaa san gargar foyee, 33hoolota midda ifiititti, re'oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa. 34Achiin duuba mootichi worra midda ifiitiin, ‘Isin worra Abbaa kiyyaan eebbifantane, koya'a! Mootummaa dadama biyyi lafaatii jalqaddee isiniif qophootte dhaala'a; 35sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te'ee na fudhattaneertan; 36daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan’ jedhe. 37Yennaa san balchooleen, ‘Gootta'a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne?
38“Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne? 39Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?’ jedhaneen. 40Mootichi deebisee, ‘Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof ka goottane, anaaf gootane!’ isaaniin jedhe.
41“Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‘Isin worra abaarame na biraa fagaadha'a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema'a; 42ani beelowee na hin nyaachinne; dheebodhee na hin obaanne; 43keessummaa te'eelle na hin fudhanne; daareelle na hin uffinne; dhibameelle, hidhameelle isin na hin gaafanne’ hin jedha.
44Achiin duuba isaanille deebisanee, ‘Gootta'a, beelotteertuun, yookiin dheebotteertuun, yookiin keessummaa teeteertuun, yookiin daarteertuun, yookiin dhibanteertuun, yookiin hidhanteertuun dhagginee yoom si qarqaaruu dhanne?’ hin jedhaniin. 45Mootichi deebisee, ‘Ani dhugumaan isinitti hima, worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof waan hin godhiniif, analle'eef hin goone’ isaaniin hin jedha. 46Worri kun gara muraa bara baraa, worri balchooleen ammoo gara jiruu bara baraa hin deeman” jedhe.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in