YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Maatewoosii 14

14
Du'a Yohaannisii Cuupha'aa
(Mar 6:14-29; Luq 9:7-9)
1Yennaa san Heroodisiin bulchaan biyya Galiila'aa, gurra Yesuusii dhage'ee, 2tajaajiltoota ifiitiin, “Kun Yohaannisii cuupha'a; isatti du'a keessaa ka'eera, kanaaf hujiin bilbaasaa tun isaan hujatamiisatti jirti” jedhe. 3Heroodis sababa Herodiyaasii niitii obboleessa ifii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannis qassiisee mana hidha'aatitti hiisiseeraayyu. 4Yohaannis Heroodisiin, “Niitii obboleessa keetii fuudhuun sii seeraa moti” jedheeraaniiyyu. 5Heroodis, Yohaannis ijjeesiisaaf barbaade, ammoo kolbaan akka raaga'aatitti waan ilaalteertuuf sodaate. 6Guyyaan dhaloota Heroodisii ulfeeffamuu yennaa geye ammoo, intalti Heroodiyaasii keessummoota duratti sirbitee, Heroodis guddoo gammachiitte. 7Tanaaf Heroodis isi'iin, “Waan ati na gaafattu mara si'iif hin kenna” jedhee waadaa galeef. 8Isiin Haadha ifiitiin gorfantee, “Ammuma maataa Yohaannisii cuupha'aa qori'itti naa kenni” jette. 9Mootichi gadde; te'uu malee kakuu ifiitii fi keessummaa ifii duratti waadaa galeef jedhee, mataan Yohaannisii akka isi'iif kennamu ajaje; 10Ittille ergee, mana hidha'aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kuchisiise. 11Mataan sun qori'itti fidamee intalaaf kenname; isiin gara haadha ifii fidde. 12Barattooti Yohaannisii dhufanee reeffa isaa fuudhanee awwaalane; achiin duuba dhaqanee Yesuusitti himane.
Yesuus Nama Kuma Shanii Areere
(Mar 6:30-44; Luq 9:10-17; Yoh 6:1-14)
13Yesuus du'a Yohaannisii yennaa dhage'e, addee san lakkisee qofuu hobolo'oon addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte. 14Yesuus qarqara abbaaya'aatitti hoboloo irraa bayee, yennaa gumii guddoo dhagge, isaaniif nayee dhibamoota isaaniille fayyise.
15Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, “Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!” jedhaneen. 16Yesuus ammoo, “Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna'aaf!” jedhe. 17Isaan deebisanee, “Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna” jedhane. 18Yesuus, “Sanuma gara kiyya as fida'a!” jedhe. 19Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi'iif kennane. 20Isaan martinuu nyaatanee quufane; hanbaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane. 21Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti.
Yesuus Bisaan Gubbaa Ideeme
(Mar 6:45-52; Yoh 6:15-21)
22Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu'anu godhe. 23Yesuus gumii geegesseen duuba, daadimatiisaaf qofuu gara gaaraa ol baye. Yennaa galgalootte, inni qofuu achi jiraayyu; 24yennaa san hoboloon ammoo, qilleensi waan itti dhowuuf, qarqara irraa fagaattee, danbali'iin asii fi achi dadarbante. 25Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeeso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe. 26Barattooti yennaa bisaan gubbaa ideemuun isa dhaggite ammoo, bararaxxee, “Kun ekera'a” jettee soda'aan iyyite. 27Yennuma san ammoo Yesuus, “Jabaadha'a! Wonni anaa, hin sodaatina'a!” jedhee dubbate.
28Pheexroos deebisee, “Gootta'a, yoo si teete, bisaan gubbaa gara keeti akka dhufu na ajaji” jedheen. 29Yesuus deebisee, “Koy!” jedhe. Maarre Pheexroos hoboloo keessaa bayee, gara Yesuusii, bisaan gubbaa ideemiisa jalqabe. 30Qilleensa jabaa yennaa dhagge ammoo, sodaatee, lixiisaafille jalqabee jennaan, “Gootta'a, na fayyisi!” jedhee iyye. 31Yesuus yennuma san harka ifii diriirsee, isa qabee, “Ati nama dhugeeffannaa diqqo'oo! Maaf mante?” jedheen. 32Yennaa Yesuusii fi Pheexroos hoboloo yaabane, qilleensi cadhise. 33Worri hoboloo keessaa, “Dhugumaan ati Ilma Waaqaa ti” jedhee Yesuusiif sagade.
Yesuus Genesaarexitti Worra Dhibame Fayyise
(Mar 6:53-56)
34Yesuusii fi barattooti isaa yennaa gamatti bu'ane, lafa Genesaarex jedhantu geyane. 35Kolbaan lafa sanii Yesuus beetteen duuba, adaala san mara keessa ergaa ergitee worra dhibameeru mara gara isaa fichisiittee, 36handaaruma woyaa isaalle akka isaan tuqanu kadhatte; worri tuqe martinuu fayye.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in