Wongeela Maatewoosii 12
12
Gaaffii Marroo Guuyyaa Sanbataa
(Mar 2:23-28; Luq 6:1-5)
1Yennaa san guyyaa Sanbataatiin Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabare; barattooti isaalle waan beelotaneeranuuf, shawwee qamadi'ii kukkutanee nyaatiisa jalqabane. 2Worri Fariisaayotaa yennaa tana dhagge, “Ilaa, barattooti teeti Guyyaa Sanbataatiin waan seerri hin eeyyanne godhiisatti jirti” Yesuusiin jedhane. 3Yesuus deebisee, “Daawwitii fi worri isa woliin jiru yennaa beelowane waan inni godhe isin hin dubbinnee? 4Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqaaf kennante, hayyoota qofa malee, inni yookiin worri isa woliin jiru nyaatiisaaf ta Seerri dhooggu nyaate. 5Yookiin hayyooti Guyyaa Sanbatatiin Galma Waaqaa keessatti hujii yoo hujane, yakkaa te'ee akka itti hin lakkowanne, Seera Muuse'ee keessatti isin hin dubbinnee? 6Ani isinitti hima, ka Galma Waaqaa caalu as jira. 7Isin ammoo, “Ani marartii barbaada malee, ciinca'aa moti” jechuun maan akka te'e adoo beettanee jiraattanee, worra yakkaa hin qannetti yakkaa itti hin murtanuuyyu. #Mat 9:13 8Ilmi Namaa Sanbata irralle'etti Gootta'a.
Namicha Harka Laashoweeru Tokko
(Mar 3:1-6; Luq 6:6-11)
9Yesuus addee san lakkisee Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seene; 10namichi harka laashoweeru tokko achi jiraayyu; jarri Yesuus himatiisaaf barbaadde takka, “Guyyaa Sanbataatiin fayyisiis seerumaa?” jettee isa gaafatte. 11Yesuus deebisee, “Isin keessaa nami hoolee takkaa qabu, guyyaa Sanbataatiin yoo isiin boolla buute, achi keessaa fuudhee alatti hin baasuu? #Luq 14:5 12Nami hoolee caalaa gatii guddoo hin qabaatuu ree! Tanaaf guyyaa Sanbataatiin dansaa hujuun Seeruma” jedhe. 13Achiin duuba Yesuus namicha harka laashoween, “Harka keeti diriirsi” jedheen. Namichille yennaa harka diriirfate, harki fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii te'e. 14Fariisaayoti ammoo gad bayanee, attamiin akka isa ijjeesanu mala isatti dhowane.
Tajaajilaa Waaqi Filate
15Yesuus yennaa tana beeke, addee san lakkisee deeme. Gumiin hedduulle isa hordotte, innille worra dhibame mara fayyisee, 16marroo isaa eennulle'etti akka hin dubbanne isaan ajaje. 17Kunille ka raagicha Isaayaasiin raagame akka muummowuuf te'e;
18wonni raagameelle, “Kunoo, tajaajilaan kiyya, ka ani filadhe,
jaallatamaa kiyya, ka luubbuun tiyya guddoo itti gammadde.
Ayyaana kiyya isa gubbaa hin keya,
innille worra Yihudoota hin te'iniif muraa dhuga'aa hin lassa.
19Inni hin moromu yookiin hin iyyu,
yookiin eennulle karaa keessatti qoonqoo isaa hin dhage'u.
20Inni haga muraa dhuga'aa injifachiisutti
leemmee caddee haanxottelle hin cassu;
yookiin ifa kululu#12:20 ifa kululu: ifa dhaamiisa geyee liphi liphi jedhu. Ifi kun ifa shimalli yookiin kirriin gabbattu kennitu hin dhaanfu.
21Worri Yihudoota hin te'inille addii isatti hin godhatan” jedhe.
Yesuusii Fi Bi'el Zebul
(Mar 3:20-30; Luq 11:14-23)
22Achiin duuba namicha ballaa dubbatee hin dandeenne ka ayyaanni hamaan qabeeru tokko gara Yesuusii fidane; Yesuus isa fayyise, maarre namichi dubbatiisaa fi dhaggiisa dande'e. 23Gumiin marti baaseffattee, “Inni Ilma Daawwitii te'inaa?” jette.
24Worri Fariisaayotaa ammoo yenna tana dhage'ane, “Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaa calla'aan durriisota baasa” jedhane. #Mat 9:34; 10:25
25Yesuus yaada isaanii beekee, “Mootummaan takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin jiddi, qachaan yookiin maatiin takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin dhaabbatu. 26Seexannille Seexana yoo baase, inni ifi qoqooda; mootummaan isaa attamiin dhaabbatti ree? 27Ani hunna Bi'el Zebuliitiin yoo durriisa baase, hordofattooti teessan hunna eennuutiin durriisota baasan? Tanaaf hordofattooti teessanuu isinitti hin muran. 28Ani ammoo Ayyaana Waaqaatiin yoo durriisa baase, mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteerti. 29“Yookiin namicha jabaa dursee hidhu malee, attamiin nami tokko mana namicha jaba'aa san seenee karra isaa saamuu dande'a? Eega isa hidhe mana isaa saamuu dande'a. 30Eennulle ka golii tiyya hin te'in na moroma, nami na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa. #Mar 9:40 31Tanaaf ani isinitti hima, Waaqa faanshessiisaa fi cubbuu maraaf nami araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyicha faanshessu ammoo araara hin dhaggatu. 32Nami Ilma Namaatiin moromee wo jedhu araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyichaan moromee wo jedhu ammoo, bara kanalle'etti te'ee bara dhufu'uu jirulle'etti araara hin dhaggatu. #Luq 12:10
Mukaa Fi Midhaan Isaa
(Luq 6:43-45)
33“Muki midhaan isaatiin waan beekkamuuf, miidhaan dansaa akka qabaattanuuf, muka dansaa qabaadha'a; muka badaa yoo qabaattane midhaan badaa hin qabaattan. #Mat 7:20; Luq 6:44 34Isin ilmaan buuti'ii! Isin hamoolee adoo teetanuu, attamiin waan dansaa dubbatiisa dandeettan? Waan gadhaa guute afaan dubbata. #Mat 3:7; 23:33; 15:18; Luq 3:7; 6:45 35Nami dansaan waan dansaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle waan hantuu gadhaa ifii keessaa waan hantuu baasa. 36Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan; 37Dubbuma teessaniin isiniif muranti, dubbuma teessaniin isinitti muranti” jedhe.
Barsiisoti Beessisa Gaafatte
(Mar 8:11, 12; Luq 11:29-32)
38Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti gariin, “Barsiisa'a, nuuti akka ati beessisa nu dhaggisiittu barbaanna” jedhaneen. 39Yesuus ammoo deebisee, “Dhalooti hama'aa fi gaarayyeeffataan beessisa gaafata, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee beessisi dhibiin hin kennamuuf. 40Akkuma Yoonaasiin raagichi halkan sadii fi guyyaa sadiin gadhaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaalle halkan sadii fi guyyaa sadiin awwaala keessa hin tura. 41Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, sababille lallaba Yoonaasiitiin cubbuu irraa deebiteerti; kunoo, ka Yoonaas caalu as jira! 42Mootittiin kibbaa qaccee biyya lafaatii qarummaa solomoonii caqasiisaaf waan dhutteef, guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, kunoo ka Solomoon caalu as jira!
Bayee Deebi'iisa Ayyaana Hama'aa
(Luq 11:24-26)
43Yesuus, “Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bayu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a, ammoo hin dhaggatu. 44Achiin duuba, ‘Ani mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a’ jedha. Yennaa deebi'u, manni duwwaa te'ee, haxowaamee, qophaayeeruun dhagga. 45Achiin duuba Ayyaanni hamaan sun Ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamoota te'ane dhaqee fida; isaanille itti galanee achi le'an; haalli nama sanii ka durii caalaa ka duubarraa kun itti hammaata. Maarre dhaloota hamaa kana irralle'etti akkanuma hin te'a” jedhe.
Haadhaa Fi Obboleeyyan Yesuusii
(Mar 3:31-35; Luq 8:19-21)
46Adoo Yesuus gumi'itti dubbatiisatti jiruu, haadhaa fi obboleeyyan isaa, isa dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbataneeraniiyyu. [47Yennaa san nami tokko Yesuusiin, “Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti si dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbatiisatti jiran” jedheen.]#12:47 Woraabbiin durii gariin laakkossa 47 hin qabanu 48Yesuus deebisee, “Haati tiyyaa eennu, obboleeyyan tiyyalle eennu fa'a?” jedheen. 49Achiin duuba gara barattoota ifii harkaan akeekee, “Kunoo ti! Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya! 50Nami fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa godhu marti obboleessaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e” jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Maatewoosii 12: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.