YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Luqaasii 8

8
Dubartoota Yesuus Hordofane
1Kanaan duuba adoo hin turin, Yesuus Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lassaa lallabaa qachootaa fi olloota keessa ideeme. Barattooti isaa kudhanii lamaanii, 2fi dubartooti gariin ta ayyaana hama'aa fi dhukkuba irraa fayyanelle isa woliin jiraniiyyu. Isaan san keessalle'ee Maariyaamii Magdalaa ta jedhantu, ta durriisoti torba keessaa baafame, 3Yo'anaa niiti Kuuzaa mana Heroodisii tooyatuu, Susanaa fi dubartooti hedduun dhibiin ta karra ifiitiin Yesuusii fi barattoota isaa qarqaarane.
Mammaassa Namicha Sanyii Facaasuu
(Mat 13:1-9; Mar 4:1-9)
4Yennaa gumiin hedduun qachaa adda addaatii Yesuus biratti wolitti qabante, inni itti mammaakee: 5“Namichi tokko sanyii facaasiisaaf baye. Adoo inni facaasuu sanyiin gariin irga kara'aa buutee, irra ijjatante; sinbirrootille qocattee nyaate. 6Sanyiin dhibiin lafa dhakittii irra buutee, yennaa mudhiisa jalqadde, biyyeen jiidha waan hin qanneef godde. 7Sanyiin dhibiin qoree keessa buutee, qoreen woliin guddattee huute. 8Sanyiin gariin biyyee dansaa keessa buute; lattee guddattee, tokkoon tokkoon isi'ii midhaan dachaa dhibba buutte” jedhe.
Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, “Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!” jedhe.
Mammaassi Maaf Akka Barbaachise
(Mat 13:10-17; Mar 4:10-12)
9Barattooti Yesuusii hiikkaa mammaasa kanaa isa gaafatane. 10Inni deebisee, “Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennateerti; worra kaaniif ammoo adoo ilaalanuu akka hin dhaggine, adoo dhagganuu akka hin hubane, mammaassaan kennanti” jedhe.
Hiikkaa Mammaassa Namicha Sanyii Facaasuu
11“Hiikkaan mammaassaa kunoo kana: Sanyiin dubbii Waaqaa ti. 12Sanyiin karaa irga buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee, durriisi ammoo dhufee akka isaan dhugeeffatanee ittiin hin fayyine, dubbii san gadhaa isaanii keessaa fudhatu. 13Sanyiin lafa dhakitii irra buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee gammadaan fudhatu. Ammoo hidda waan hin qanneef, yennaa qofaaf dhugeeffatan; yennaan haga ilaalichaa yoo dhutte ammoo hin jigan. 14Sanyiin qoree keessa buute, worra dhage'u; akkuma bulanee oolanuun ammoo yaaddoon, karraa fi gammachuun jiruu lafa tanaa isaan huutee, midhaan isaanii ijjumaa hin sibu. 15Sanyiin biyyee dansaa keessa buute, worra dubbii dhage'ee gadhaa qajeela'aa fi dansa'aan jabeessee qabatee, ciniinnatee ossiisaan midhaan buusu.
Ifa Gonbisaa Jalaa
(Mar 4:21-25)
16“Eennulle ifa issee, gonbisaa jala yookiin taqee jala hin keyu; worri gara manaa seenu akka ifa dhagguuf waan issaan irra keyamu irra keya.
17Wonni dhokate ka hin mudhanne hin jiru, wonni buqame ka hin beekkannee fi gara ifaa hin baane hin jiru. 18“Tanaaf akka itti dhageettanu ifi eeggadha'a! Ka qabuuf ede'antee kennanti, ka hin qanne ammoo wonni inni hin qaba jedhee yaadatu diqqoon sunuu irraa fudhatanti” jedhe.
Haadhaa Fi Obboleeyyan Yesuusii
(Mat 12:46-50; Mar 3:31-35)
19Haatii fi obboleeyyan Yesuusii gara isaa dhufane; ammoo sababa gumi'iitiif isa bira geyiisa hin dadeenne. 20Nami tokko Yesuusiin, “Haati teetii fi obboleeyyan teeti si dhaggiisaaf barbaadanee ala dhaabbatan” jedhe. 21Yesuus ammoo deebisee, “Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra dubbii Waaqaa dhage'ee hujii irra oolchu” isaaniin jedhe.
Yesuus Bubbee Cadhisiise
(Mat 8:23-27; Mar 4:35-41)
22Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, “Ka'aa gara abbaaya'aan gamaa buunaa” jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka'ane. 23Adoo isaan hobolo'oon bu'iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya'aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu'ane. 24Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, “Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!” jedhaneen.
Inni dammaqee bubbe'ee fi danbalii xixe; bubbe'ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te'e. 25Achiin duuba inni barattootaan, “Dhugeeffannaan teessan meeti?” jedheen.
Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, “Nami kun eennu? Inni bubbe'ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!” jedhane.
Yesuus Namicha Durriisaan Qabameeru Tokko Fayyise
(Mat 8:28-34; Mar 5:1-20)
26Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayyaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa hobolo'oon bu'ane. 27Akkuma Yesuus qarqara bisaaniititti bu'een, namichi qachaa sanii, ka durriisaan qabameeru tokko itti dhufe. Namichi kun yennaa hedduu woyaa hin uffatu, manalle hin le'u, ammoo yennaa hedduu goda awwaalaa keessa le'a. 28Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, “Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!” jedhe. 29Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama'aatiin gara goomole'ee oofamaa ture. 30Yesuus, “Maqaan keeti eennu?” jedhee isa gaafannaan,
durriisoti bacaan waan itti galaneeranuuf, inni deebisee, “Maqaan kiyya duula” jedhe. 31Durriisoti gara bowwaa qile'ee akka isaan hin ergine Yesuus kadhatane. 32Roga gooroo sanii gubbaa, booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti gara booyyotaa akka galanuuf, Yesuus akka eeyyamu kadhatane; innille isaaniif eeyyame. 33Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante. 34Worri booyyee tissanu yennaa waan te'e kana dhagge'ane, baqatanee worra qacha'aatii fi biyya saniititti odeessane. 35Kolbaan waan te'e san dhaggiisaaf, yennaa gara Yesuusii dhutte, namichi durriisi keessaa baye woyaa uffatee qalbiin itti deebitee, miila Yesuusii bira tee'eeruun dhaggitte martinuu sodaatte. 36Namichi attam akka itti fayye worri dhaggane kolba'atti himane. 37Achiin duuba kolbaan biyya Gergeessa'aa martinuu akka malee waan sodaatteef, Yesuus akka isaan lakkisee deemuuf gaafatte. Maarre Yesuus hoboloo yaabee achii deeme. 38Namichi durriisoti keessaa bayane, “Si woliin deemuu?” jedhee Yesuus kadhate.
Yesuus ammoo, 39“Gara mana keetii deebi'ii, waan Waaqi si'iif godhe himi” jedhee isa erge.
Namichi waan guddoo Yesuus isaaf godhe himaa, qachaa keessa deeme.
Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartittii Woyaa Yesuusii Tuxxe
(Mat 9:18-26; Mar 5:21-43)
40Yennaa Yesuus gara abbaaya'aan gamaa deebi'e, isaan martinuu waan isa eegiisatti jiranuuf, kolbaan isa fudhatte. 41Achiin duuba namichi Yaayiroos jedhamu, bulchaan mana Waaqeffannaa Yihudoota tokko dhufee, miila Yesuusii jalatti jigee akka inni gara mana isaa dhaquuf kadhate. 42Sababille intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudhanii lamaa, du'iisa geetteertiiyyu.
Adoo Yesuus dhaqiisaaf karaa irra jiruu, kolbaan gara maraan isa dhiphitte. 43Dubartittiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi dhaabbatuu didee rakkataa turte takka achi jirti; waan qaddu maraa cidheeyyi'itti fixxe; eennulle ammoo isii fayyisu'uuf hin dandeenne. 44Isiin duuba Yesuusiitiin dhuttee handaara woyaa isaa tuxxee, dhiigi isi'ii ka jigu yoosuma dhaabbate. 45Yesuus, “Ka ana tuqe eennu?” jedhee gaafate. Nami martinuu mormannaan, Pheexroos, “Barsiisa'a, kolbaan marti si dhiphittee, si dhiibiisatti jirti” jdhe. 46Yesuus ammoo, “Hunni fayyittu na keessaa akka baate ani waan beekuuf, nami tokko na tuqeera” jedhe. 47Dubartittiin akka dhokattee hafaa hin jirre dhaggitee, rorommaa dhuttee miila Yesuusiititti jidde. Achiin duuba maaf akka isa tuxxee fi yoosuma attam akka fayyite kolbaa duratti itti hinte. 48Yesuus isi'iin, “Intala tiyya dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi” jedhe. 49Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, nami tokko mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii dhufee, “Intalti teeti duuteerti. Yoona barsiisaa hin rakkisin” jedhe. 50Yesuus ammoo yennaa waan kana dhage'e Yaayiroosiin, “Hin sodaatin; dhugeeffadhu malee, intalti teeti hin fayyiti” jedhe. 51Yesuus mana Yaayiroosii bira yennaa geye, Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, abba'aa fi haadha intalaa malee eennulle isa woliin akka seenuuf hin eeyyanne. 52Namooti achi jiranu martinuu intalaaf booyanee wiiccifatane. Yesuus ammoo, “Hin booyina'a; intalti rafiisatti jirti malee, hin duune” jedhe. 53Isaan akka intalti duuteertu waan beekanuuf, marti isaaniituu itti kollane. 54Yesuus ammoo harka isi'ii qabee, “Intala, ka'i!” jedhee waame. 55Lubbuun isi'ii itti deebitee, yoosuma ol kaate; Yesuus ammoo waan nyaattu akka isi'iif kennanu isaan ajaje. 56Worri isi'ii maalalfatane; Yesuus ammoo waan te'e kana eennulle'etti akka hin hinne isaan ajaje.

Currently Selected:

Wongeela Luqaasii 8: GAXNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in