Wongeela Luqaasii 6
6
Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa
(Mat 12:1-8; Mar 2:23-28)
1Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa mataa qamadi'ii kukkutanee, harkaan sukkuumatanee, nyaatane. 2Fariisaayoti gariin, “Isin waan Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin hin tolchina'a jedhu, maaf tolchitan?” jedhanee gaafatane. 3Yesuus deebisee, “Daawwitii fi worri isa woliin jiranu yennaa beelowane, waan inni tolche isin hin dubbinnee? 4Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqaaf kennante, ta silaa hayyoota malee nami tokkolle akka hin nyaanne Seerri dhoogu fuudhee nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne” jedheen. 5Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Ilmi Namaa Goottaa Sanbataa ti” jedhe.
Yesuus Namicha Harka Laashoweeru Tokko Fayyise
(Mat 12:9-14; 3:1-6)
6Guyyaa Sanbata dhibi'ii Yesuus gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqee barsiise. Namichi harka middicha laashoweeru tokko achi jira. 7Barsiisoti Seera Muse'eetii (hikkaan gariin barreesiitoota qofa jedha) fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane. 8Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, “Ol ka'i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!” jedhe. Jennaan namichi ol ka'ee achi dhaabbate. 9Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?” jedhe. 10Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, “Namichaan harka keeti diriirfadhu” jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi'ee fayye. 11Isaan akka malee aaranee Yesuus maan akka tolchanu mari'atane.
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Filate
(Mat 10:1-4; Mar 3:13-19)
12Gaafa tokko Yesuus gara gaaraa ol bayee halkan san duudii Waaqa daadimataa bule. 13Yennaa latti bariite barattoota ifii gara ifii waamee, isaan keessaa worra kudhanii lamaan filatee ergantoota jedhee moggaase. 14Isaanille, Simoon ka inni Pheexroos jedhee moggaase, Indiryaasii obboleessa Pheexroosii, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewoos, 15Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka, “Hinaatticha” jedhamee beekkame, 16Yihudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihudaa nama biyya keriyootii, ka Yesuus dabarsee kenne fa'a.
Barsiisiisaa Fi Dhibamaa Fayyisiisa Yesuusii
(Mat 4:23-25)
17Yesuus ergantoota woliin gaara irraa yennaa gad bu'e, barattoota ifii worra laakkossaan heddu'uu tokko woliin addee dirree takka dhaabbate. Gumiin hedduun ta Yihudaa keessaa mara, Yerusaalem keessaa, qachoota cinaa abbaayaa Xiroosiitii fi Sidoon keessalle'ee achi jirti; 18isaan isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifiille fayyiisaaf dhufane. Worri ayyaana hama'aan rakkatanelle fayyane. 19Hunni fayyittu isa irraa baayaa isaan mara waan fayyisiisatti jirtuuf, kolbaan marti harka ifiitiin isa tuqiisaaf wodhaante.
Gammadaa Fi Gadda
(Mat 5:1-12)
20Ahiin duuba Yesuus barattoota ifii ilaalee,
“Isin worri amma hiyyeeyyiin gammada'a#6:20 gammada'a: ka badhaatane, ka eebbiffantane;
mootummaan Waaqaa teessan!
21“Isin worri amma beelottanu gammada'a;
hin quuttan!
“Isin worri amma boottanu gammada'a;
hin kollitan!
22“Sababa Ilma Namaatiif, yennaa kolbaan isin jibbitee, isin fojjee, isin arrasitee gurra isin balleessite, gammada'a! #1Phe 4:14 23Gatii guddoo ol-gubba'atti waan qaddanuuf yennaa wonni kun teete gammadaan burraaqa'a. Abbootiin isaaniille raagota akkasuma tolchite.
24“Isin worra amma dureeyyi'iif aanne'e;
ka isin gewu fudhattaneertan#6:24 ka isin gewu fudhattaneertan: biyya lafaatittuu gammaddaneertan, qananootaneertan!
25“Isin worra amma quuttaneef aanne'e;
hin beelottan!
Isin worra amma kolluuf aanne'e;
gadditanee hin boottan!
26Yennaa kolbaan marti isin saadde isiniif aanne'e; abbootiin isaaniille raagota dharaa akkasumma tolchite.
Diinota Jaallachuu
(Mat 5:38-48; 7:12)
27“Ani ammoo isin worra ana dhageettanuuf hima: Diina keessan jaalladha'a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha'a. 28Worra isin abaaru eebbisa'a, worra isin yakkulle'eef daadimadha'a! 29Yoo nami boqoo takkaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; yoo nami kootii teeti fudhate, shaamisiille hin dhooggatin! 30Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si'iif deebisu hin gaafatin. 31Waan namooti dhibiin akka isinii godhanuuf barbaaddanu isinille isaaniif godha'a. 32“Worra isin jaallatu callaa yoo jaallattane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu worruma isaan jaallatu jaallatan. 33Worra waan dansaa isinii godhu calla'aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan. 34Worra akka isinii deebisu addattanu calla'aaf yoo liqeessitane, eebba maan dhaggatan ree? Waan liqeessane san deebi'anee fudhatiisaaf, cubbaaleyyiinuu cubbaaleyyi'iif hin liqeessan. 35Isin ammoo diinota keessan jaalladha'a, waan dansaalle isaaniif godha'a. Nu'uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa'a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana'aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi'iifille arja'a. 36Abbaan keessan ka ol-gubba'aa ka namaaf mararu akka te'e, isinille namaaf marara'a.
Namatti Muriisa
(Mat 7:1-5)
37“Namatti hin murina'a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina'a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama'a, Waaqillee isiniif hin araarama. 38Namaaf kenna'a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa'aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi'iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara” jedhe. 39Yesuus ittille mammaakee, “Ballaan ballaa sooressiisaaf hin dande'a? Yoo sooresse, isaan lamaanuu bowwaa bu'an. 40Barataan tokko barsiisaa hin caalu; ammoo nami leenjii guutuu fudhate maraa, akka barsiisaa ifii hin te'a.
41“Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta? Jigeessa ila teeti keessa jiru ammoo maaf hin hubanne? 42Jigeessa ila teeti keessa jiruu adoo hin dhaggin, attamiin obboleessa keetiin, ‘Obboleessa kiyya, huura ila teeti keessa jiru san sii fuudha’ jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu, achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta” jedhe.
Muki Midhaan Ifiitiin Beekkama
(Mat 7:16-20; 12:33-35)
43“Muki dansaan midhaan hamaa hin buusu, muki hamaalle midhaan dansaa hin buusu. 44Muki martinuu midhaan buusuun beekkama; midhaan harru'uu waaccuu irraa yookiin midhaan woyni'ii kom'olcha irraa hin guuranu. 45Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata.
Namoota Mana Ijaaranu Lamaan
(Mat 7:24-27)
46“Waan Ani isinitti himu adoo hin tolchin, maaf, ‘Goottaa, Goottaa’ jedhaa na waantan. 47Nami gara kiyya dhufu, ka dubbii tiyyalle dhage'ee hujii irra oolchu, eennu akka fakkaatu Ani isinitti mudhisa. 48Inni nama mana ifii rassaa irratti gad fageessee qotee ijaarrate tokko fakkaata. Yennaa lolaan itti lola'ee mana san darbe ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf, tachoosuu hin dandeenne. 49Nami dubbii tiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, nama hundee mana ifii adoo gad fageessee hin dhaabin ijaarrate fakkaata. Lolaan dhufee mana san yennaa darbe, takkumaan jigee, akka malee butute” jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Luqaasii 6: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.