Wongeela Luqaasii 4:5-8
Wongeela Luqaasii 4:5-8 GAXNT
Achiin duuba Seexanni gara addee ol aantuu gubbaa isa geessee, yoosuma mootummaa biyya lafaa irra jirtu mara itti mudhise. Seexanni Yesuusiin, “Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maraa waan anaaf kennameeruuf, ani ka jaalladheef kennuu hin dande'a. Maarre yoo anaaf sagadde, kun maraa keeti te'a” jedheen. Yesuus deebisee, “Barreeffam Woyyichi, ‘Goottaa Waaqa keetii sagadi; isa calla'aafille tajaajili!’ jedha” jedheen.