YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Luqaasii 16

16
Mammaassa Tooyataa Qaro'oo
1Yesuus barattoota ifiitiin, “Namichi dureessi tokko, tooyataa mana isaa tooyatu qabaayyu. Tooyataan kun akka karra isaa balleessaaru dureesichatti himane. 2Maarre namichi dureessichi tooyataa san waamee, ‘Marroo teeti wonni ani dhage'u kun maan? Ati haganaan achi tooyataa kiyyaa waan hin teeneef, herrega toowatumma'aan itti hujje nati kenni’ jedheen. 3Toowataan sun gadhaa ifii keessatti, ‘Amma goottaan kiyya toowatummaa tana ana irraa fuudhaara, maan godhu naa woyya? Hin qotadha'atti hin dande'u, hin kadhadha'atti hin fokkifadha. 4Yennaa toowatummaa irraa ari'ame akka namooti gara mana ifii ana fudhatanuuf, ani waan godhu hin beeka!’ jedhe. 5Achiin duuba worra liqaa goottaa isaa qabu tokko tokkoon waamee, ka duraatiin, ‘Liqaa goottaa kiyyaa meeqa ifi irraa qadda?’ jennaan, 6namichi deebisee, ‘Zayitii ejersaa okkotee dhibba’ jedhe. Maarre toowataan, ‘Galmee keeti hoo'o; ariifadhuu shantama jedhii barreessi’. 7Ammalle toowataan, nama liqaa goottaa isaa qabu dhibi'iin, ‘Liqaa gootta'aa meeqa qadda?’ jedhee gaafate. Namichille deebisee, ‘Qamadii daawullaa shantama#16:7 daawullaa shantama: qamadii gaashaa tokko irraa gale te'uu dande'a’ jedhe. Toowataan, ‘Galmee keeti hoo'o; dhibba saddeeti jedhii barreessi’ jedheen. 8Goottaan, toowataa hin addatanne san mala inni dhowateef jaje. Kun ijoolleen lafa tanaa ijoollee ifaa caalaa worra isaan fakkaatu woliin wolitti dhikeenna qabanuun#16:8 wolitti dhikeenna qabanuun: waan mataa ifiitiif, le'ii lafa tanaatiin malaameyyii akka te'ane mudhisa. 9Ani isinitti hima, yennaa karri teessan hobbaate, akka isaan gara mana bara baraan itti leetanuu isin fudhatanu, karra dabaa ta lafa tanaatiin fira baafadha'a!
10“Nami waan diqqo'oon addatamaa te'e waan guddoolle'een addatamaa hin te'a. Nami waan diqqo'oon hin addatanne, waan guddoolle'een hin addatamu. 11Yoo isin karra biyya lafaa tanaan hin addatamin, eentu addatee karra dhuga'aa isinitti kenna ree? 12Isin karra worra dhibi'iitiin yoo hin addatamin, karra isiniif teetu eentu isiniif kenna ree?
13“Nami tokko garba goottaa lamaa te'iisaaf hin dande'u, tokkocha jibbee, kaan hin jaallata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan hin tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beesee tajaajiliisaaf hin dandeettanu” jedhe. #Mat 6:24
Seeraa Fi Mootummaa Waaqaa
(Mat 11:12-13)
14Fariisaayoti worri beesee jaallatanu yennaa waan Yesuus dubbate kana dhage'ane isa ceeggatane. 15Yesuus ammoo isaaniin, “Isin yennaa maraa balchoota ifi gootanee ilaaltan, Waaqi ammoo waan gadhaa keessan keessa jiru dhagga, wonni nama duratti ulfaataa faakkaatee mudhatu, Waaqa duratti tuffatama'a. 16Seerri Muuse'eetii fi kitaaboti raagotaa haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hujaa turane. Haga mootummaan Waaqaa odeeffanteen jalqabee nami martinuu itti galiisaaf jabeennaan wodhaneera. 17Ammoo Seera keessaa bixxilleen#16:17 bixxilleen: boqqoorrii qubee takka'aa addee dhidhattu ol-gubba'aa fi latti tartu irra kaso'o.
18“Nami haadha manaa ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu maraa hin gaarayyeeffata. Akkasuma dubartii abbaan manaa lakkise ka fuudhu hin gaarayyeeffata” jedhe. #Mat 5:32; 1Qor 7:10-11
Namicha Dureesaa Fi Alaazaar
19“Namichi dureessi woyaa dhiillee dansittii, ta gatii guddo'oo uffataa, guyyaa mara qananumma'aan le'u tokko jira. 20Namichi hiyyeessi tokko, ka Alaazaar jedhamu, ka nafi isaa duudiin mammadaayeeru balbala namicha dureesichaa dura irkateeraayyu. 21Inni waan qorii namicha dureesichaa irraa harca'e nyaatiisaaf halcha. Sareelle dhuttee madaa isaa arraabbatti. 22Namichi hiyyeessi duunaan, ergantooti Waaqaa fuudhanee cinaa Abrahaamii geessane. Namichi dureesichille du'ee awwaalame. 23Inni qilee#16:23 qilee: addee worri du'e wolitti qabamu keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago'otti Abrahaam dhagge; Alaazaarille cinaa isaatitti dhagge. 24Maarre inni Abrahaamiin, ‘Abbaa kiyya Abrahaam anaa nayi! Ani bobe'a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazaar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya anaaf qabbanneessu magane'ee naa ergi’ jedhee waammate.
25Abrahaam deebisee, ‘Lansa kiyya, ati bara jiruu teeti ta lafaa, waan dansaa dhaggattee akka gammadde qaabbadhu; Alaazaar ammoo rakkataa ture. Amma inni gammadiisatti jira, ati ammoo guddoo rakkatiisatti jirta. 26Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira’ jedheen. 27Namichi dureessichi ammoo, ‘Abrahaam, yoona akka Alaazaar gara mana abbaa kiyyaa ergitu si kadhadha. 28Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaanille as addee rakkinnaa tana akka hin dhunne dhaqee ifi eegachiisuu ti’ jedhe.
29Abrahaam deebisee, ‘Isaan Muuse'ee fi raagota qaban, dubbii isaanii dhage'anuu ti’ jedhe. 30Achiin duuba namichi dureesichi, ‘Waawwoo, abbaa kiyya Abrahaam, nami tokko du'aa ka'ee adoo dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ifii irraa hin deebi'an’ jedhe. 31Abrahaam ammoo, ‘Isaan Muuse'ee fi raagota dhage'uu yoo dhabane, yoo nami tokko du'aa ka'elle hin dhugeeffatanu’ jedheen” jedhe.

Currently Selected:

Wongeela Luqaasii 16: GAXNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in