Wongeela Luqaasii 12
12
Kijiba Irraa If Eeggachiise
(Mat 10:26-27)
1Yennaa san gumiin kuma heddu'utti laakkowwantu haga wol irra i'ijjattutti yennaa wolitti qabante, Yesuus dursee barattoota ifiitiin, “Uukoo worra Fariisaayotaa, jechuun kijiba isaanii irraa ifi eegadha'a. 2Wonni gollaa jiru maraa hin mudhata, wonni dhossaa jiru maraa hin beekkama. 3Tanaaf wonni isin dukkana keessatti dubbattane, ifa guyya'aatitti baayee hin dhage'ama, wonni isin diinqa cufamaa keessatti qofuu haasottane guutuu manaa irratti hin lallabama” jedhe.
Ka Sodaatamu'uuf Male
(Mat 10:28-31)
4“Jaallan tiyya, ani isinitti hima; worra isin#12:4 isin: foon yookiin nafa ijjeesee ammoo waan badduu dhibii tana caalaa hujuu hin dandeenne hin sodaatina'a. 5Ani ka sodaatiisaa maltane isinitti mudhisa: Ka ijjeeseen duuba, ibidda bara baraatitti gatiisaaf baallii qabu, Waaqa sodaadha'a. Ee, ani isinitti hima isa callaa sodaadha'a!
6“Sinbirrooti didiqqoon shanan saantimii lamaanitti#12:6 saantimii lamatti: saantimii kudhanitti gurgurantii motii? Te'uu malee isaan san keessaa takkattiin Waaqa duratti dedhantee hin jirtu. 7Rifeensi mataa keessaniituu maraa laakkowameera. Maarre hin sodaatina'a; isin sinbirroota didiqqoo san caalaa gatii guddoo qaddan.
Marroo Kiristoosii Dhugaa Bayiisa
(Mat 10:32-33; 10:19-20)
8“Ani isinitti hima, eennulle nama dhibii duratti ka anaaf dhugaa bayu, Ilmi Namaalle ergantoota Waaqaa duratti akkasuma isaaf dhugaa baya. 9Ammoo nama duratti ka ana mormatu, ergantoota Waaqaa duratti hin mormatama. 10Eennulle Ilma Namaa mormee dubbii ka dubbatu araara hin dhaggata; ammoo eennulle Ayyaana Woyyicha mormee ka faanshessu araara hin dhaggatu. #Mat 12:32; Mar 3:29
11“Yennaa isaan Mana Waaqeffannaa Yihudootaatitti, bulchitoota fi worra baallii qabu duratti, murti'iif isin geessane, attam akka falmattanu yookiin maan akka dubbattanu hin yaadina'a. 12Yennuma san Ayyaanni Woyyichi waan isin dubbatu'uuf maltane isin barsiisa” jedhe.
Gowwummaa Namicha Dureessaa Tokkoo
13Gumii keessaa nami tokko, Yesuusiin, “Barsiisa'a, dhaala abbaa keennaa, akka anaaf qoodu obboleessa kiyyatti himi” jedheen.
14Yesuus deebisee, “Jaali, akka ani isin irratti abbaa mura'aa yookiin qoodduu dhaalaa te'u eentu ana foye?” jedhe.
15Itti aansee inni isaan maraanuu, “Jireenni namaa baceenna karraatiinii moti; tanaaf ilaalladha'a, joljolummaa maraa irraa ifi eegadha'a” jedhe.
16Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, “Namichi dureessi ka fichaa midhaan hedduu baase qabu tokko jira. 17Inni ‘Addee midhaan kiyya kana mara itti galchu hin qabu. Maan godha?’ jedhee yaadate. 18‘Akkana godha’ ifiin jedhe; ‘Gootaraa kiyya maraa diigee ka dhibii gugurdaa ijaara, achitti midhaan kiyyaa fi meya kiyya ka dhibii maralle galfadha. 19Achiin duuba ani ifiin, Waan dansaa woggaa heddu'uuf sii barbaachisu mara hin qadda; foorfadhu, nyaadhu, uni, ifi gammachiisi!’ jedha. 20Waaqi ammoo isaan, ‘Ati gowwa'a! Edanuma tana lubbuun teeti fudhatanti; waan ati ifiif kuufatteertu kana mara eentu fudhata?’ jedhe.
21“Nami lafa tana irratti ifiif karra kuufatu, Waaqa duratti ammoo ka dureessa hin te'in akkasuma te'a” jedhe.
Waaqatti Addatiisa
(Mat 6:25-34)
22Yesuus barattoota ifiitiin, “Maarre ani isinitti hima, jireenna keessaniif maan nyaanna yookiin nafa keessanitti maan uffanna jettanee hin yaadina'a. 23Jireenni nyaata caalaa, nafi woyaa caalaa guddoo barbaachisa'a. 24Me harraaqessoota ilaala'a: isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee hin galchanu; addee midhaan itti galchanu yookiin gootaraa hin qabanu; Waaqi isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota caaltan! 25Isin keessaa nami tokko haga fedhe itti yaadee le'ii ifii diqqumalle ka dheereffatuu dande'u eennu? 26Yoo waan diqqoo akkanaa kanaayyuu dandeettanee hin goone, maaf marroo waan dhibi'iitiif yaaddan ree? 27Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a: Isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Ammoo ani isinitti hima, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan woyaa akka daraaroota sanii dansitii hin uffanne. 28Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas seesee itti uffise, isin fa'a attam calchisee ufisuu dhaba. E, isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!
29“Tanaaf ‘Maan nyaanna? Maan unna?’ jedhaa yaadaan hin rakkatina'a. 30Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka. 31Addee tanaa, mootummaa Waaqaa barbaada'a, tun marti isiniif hin dabalanti.
Durummaa Ol-gubba'aa
(Mat 6:19-21)
32“Gumii diqqo'o, Abbaan keessan mootumaa ifii isinii kenniisaaf waan jaallateeruuf, hin sodaatina'a. 33Waan qaddanu mara gurgura'aatii beesee worra hiyyeeyyi'iif kenna'a. Subba beese'ee ka hin dulloonne qopheeffadha'aatii beesee teessan addee hattuun hin dhaqqannee fi biliin hin balleessine ol-gubba'atti maffadha'a. 34Addee beeseen teessan jirtu gadhaan keessanille hin jiraata” jedhe.
Tajaajiltoota Dammaxxuu
(Mat 24:45-51)
35Yesuus itti aansee, “Huji'iif hidhadha'aatii qophowa'a, ifa keessanille iffadha'a! #Mat 25:1-13 36Tajaajiltoota goottaan isaanii jila fuudhaatii deebi'u eegatanu fakkaadha'a. Yennaa inni dhufee balbala dhodhowe, isaan yoosuma hin banan. #Mar 13:34-36 37Tajaajiltooti goottaan isaanii yennaa deebi'u dammaqaneeranuun dhaggu, ka eebbiffamane. Ani dhugumaan isiniin jedha, inni woyaa ifii caccaffatee, addee nyaataa isaan teessisee hin areera. 38Halkan wodhakkaa yookiin fuullee bari'ii yoo dhufelle, worri qophowaneeranuun inni dhaggu ka eebbifamane! 39Ammoo tana beeka'a: abbaan manaa sa'aatii hattuun itti dhuttu adoo beekee, hattuun mana isaa cassitee akka seentuuf hin lakkisu. 40Ilmi Namaalle sa'aatii isin isa hin eennetti waan dhufuuf, isinille qophowa'aatii eegadha'a!” jedhe.
Tajaajilaa Addatamaa Yookiin Ka Hin Addatanne
(Mat 24:45-51)
41Pheexroos, “Gootta'a, mammaassa kana nu'uuf dubbatta moo yookiin nama maraafuuyyu?” jedhee gaafate.
42Goottaan deebisee, “Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottan isaa akka inni maatii isaa siri'itti bulchuu fi tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan akka kennuuf itti gaafatamummaa kennu kam ree? 43Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'ee dhufu akkanuma hojjatiisatti jiruun dhaggu sun ka eebbifame! 44Dhugumaan isiniin jedha, goottaan tajaajilaa san karra ifii mara irratti itti gaafatamaa hin godha. 45Ammoo tajaajilaan sun, ‘Goottaan kiyya dafee hin dhufu hin tura’ jedhee yaadatee, nyaataa unaa, machowaa tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii dhaaniisatti yoo ka'e, 46goottaan isaa guyyaa inni hin eennee fi sa'aatii inni hin beennetti deebi'ee hin dhufa, isa hin ciccira, qooda isaalle warra hin dhugeeffanne woliin godha.
47“Fedhii goottaa ifii adoo beekuu tajaajilaan hin qopheeffanne, yookiin ajaja goottaa ifii hin muummessine akka malee hin dhaanama. 48Ammoo tajaajilaan fedhii goottaa ifii beekuu dhabiisaan, waan isa dhaansisu yoo huje, diqquma dhaanama. Nama waan guddoo itti kenname irraa waan guddo'otti barbaadama; nama hadaraan guddaan itti kenname irraa ka caalu hin barbaadama” jedhe.
Namooti Sababa Yesuusiitiif Gargar Bayane
(Mat 10:34-36)
49“Ani ibidda lafatti buusiisaaf dhufe, adoo duruu bobeeffamee jiraate ani attam halchaayyu! 50Ani cuuphama cuuphamaaru tokko qaba, haga inni muummowutti ani attam rakkadha! 51Biyya lafaatiif nagaya buusiisaaf waan dhufe ana seetanii? Waawwoo, gargar bayiisa malee nageyaa moti. 52Ammaa jalqabanee maatiin mana tokkoo shanan, sadiin lamaaniin wol mormanee lamaan sadiinii wol mormanee gargar hin bayan. 53Abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii, haati intala ifii, intaltille haadha ifii, haati sodda'aa niitii ilma isi'ii, niitiin ilma isi'ii haadha sodda'aa woliin mormanee gargar bayan” jedhe.
Yennaa Beekiisa
(Mat 16:2-3; 5:25-26)
54Yesuus kolba'aan, “Isin yennaa duumensi karaa aduun seentuun dhufe, yennuma san bokkeenni roobaara jettan; hin rooballe'e. 55Yennaa qilleensi gara gadii#12:55 gara gadii: kibbaa dhowu dhaggitanu, o'i dhufaara jettan; akkasuma te'a. 56Isin kijiboole'e! Waan lafaatii fi duumensaa ilaaltanee himuu hin dandeettan; maaf waan bara kanaa hin beekin ree?
Mormitoota Teessaniin Wolii Gala'a
(Mat 5:25-26)
57“Isin waan dhugaa te'e ifumaa maaf hin murre? 58Nami tokko si himatee gara abbaa seeraa si geessiisaaf yoo ka'e, adoo abbaa seeraa dura hin geyin kara'attuu isa woliin wolii galiisaaf wodhaan. Yoo hin wodhaanin gara abbaa seeraa harkisee si geessa, abbaan seeraalle bulchaa mana hidha'aatitti dabarsee si hin kenna, innille gara mana hidha'aa si galcha. 59Ani sitti hima, saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu” jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Luqaasii 12: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.