YouVersion Logo
Search Icon

Roomaa 2

2
Qorsumaa Waaqaa
1 # Mat. 7:1; Luq. 6:37 Jaala kiyya, atin wallaala namaatti murtaa? Abbaa feete taanaaniillee, yo wallaal namaatti murtee, ammoo waan warrii tolchu tolchitee, araaramaa hinargatu; atin wallaala namaatti murteen ufiitti inmurta. 2Nu akka Waaqii yo warra waan akkanaa kana tolchu wallaala itti muru, innii dhugaa qabu inbeenna. 3Jaala kiyya! Ati yo warra wallaala tolchuutti murtee, ufii ammoo deebitee wallaaluma sun tolchituu, waan muraa Waaqaa jalaa baatu ufi seetaa? 4Hegerii arjooma, naasuufi obsa isaa tuffattaa? Arjooma Waaqaa akka innii daba irraa si deebisuu fedhu hinbeettuu? 5Ammoo garaan kankee jabaa hamaa. Tanaaf atin murtii tantee, ta gaafa dallansuu fi murtiin Waaqaa ta dhugaa mullattuullee, itti darachuu jirta. 6Waaqii nama cufaa hujii innii hojjate gula gatii kennaaf. 7Namii garii waan dansaa tolcheetti, guddinna, ulfinnaa fi jireenna hindhumanne barbaadata; nama akkanaa kana Waaqii jireenna bara baraa kennaaf. 8Namii garii ammoo ufoo, waan qajeelaa dideetti waan hamtuu gula yaa; warra akkanaa kana Waaqii dallanuu fi dheekkama garsiisa. 9Warra hameenna tolchu cufaa gaargalaa fi dhukkubsachaatti eegata, wantii kun qaraa fiixee Yihudii eegii sun ammoo gosa dhibiitti dhufti. 10Waaqii ammoo warra dhugaa tolchuu, guddinna, ulfinnaa fi nagayaa kenna, qara Yihudii, keennee eegii sun ammoo gosa dhibiillee keenna. 11Wantii akkanaatiif Waaqii nama wal hin caalchisu.
12Namii Yihuudii hinta'in ka seera hinqamne cuftii, seera malee daba tolchee bada. Nama adoo seera qabuu daba tolchuu cufaa, seeraan itti muran. 13Mar. roo seera dhaga'aniif Waaqaa duraatti dhugaa hin argatanii; ammoo marroo waan seerii fedhu tolchaniif dhugaa argatan. 14Gochitii dhibiin seera hinqabdu; ammoo yo fedhi ufitiin waan seerii fedhu tolchituu, adoo seera qabaachuu dhibaateellee warrumaatti seera ufii ta'a. 15Adabii warraa akka waan seerii fedhu garaa warraa keessaatti barreessan garsiisa. Qalbiin warraa akka wantii kunin dhugaa garsiifti, waan yo garii herregii warraa warra himatee yo garii warraa dubbatuuf. 16Akka oduu dansaa anin himu gula, wantii kunin guyyaa Waaqii, Yesus Kiristoon, waan garaa namaa keessaa jiru muru taati.
Yihudii Fi Seera Waaqaa
17Atin ammoo “Ani Yihudii” ufiin jetteetti, seera dhaabbattee, “Waaqaa beeka” jettee ufi guddifta; 18waan Waaqii sirraa fedhu inbeetta, ammallee akka qajeeluma foohatan, ya seera irraa baratte; 19atin akka nama ballaan deemtee, nama dukkana keessa jiruu ibsee taatu, ufi beeta. 20Ammallee akka gowwoota qajeelchitee nama wa hinbeenneellee barsiiftu inbeetta. Ammallee akka seera keessa hubachaa fi dhugaan jirtu inbeetta. 21Atin ka nama barsiiftu maaf ufi hinbarsiimne? Atin ka “Hin hatinaa!” jettee nama barsiiftu ufiifuu in hattaanii? 22Ati ka “Dhiiraa fi nadheen walbaratee gaarayyuu walhintolfatin!” jettuu ufiifuu intolchitaanii? Atin ka waaqoota dharaa ka harkaan bocan jibbituu, Manneen Waaqaa keessaa wa hattaa? 23Atin ka “Seera Waaqaa qaba” jettee ufi guddiftuu, seera isaa cabsiteetti Waaqaa ceersitaanii? 24Wantii akkanaatiif barreessanii “Mar. roo isan Yihudiitiif gochitii dhibiin maqaa Waaqaa arabsiti” jetti.
25Yo seera guute dhaqaanqabaan tantee wa sii baati; ammoo yo seera cabsitee dhaqaanqabaa qabachuun kee akka waan hinqabatiniitti herregamti. 26Yo gochitii dhibiin ta takka dhaqaanqabaa hinqabatin seera Waaqaa guutee, Waaqii akka nama dhaqaanqabaa qabatee warra hinherreguu? 27Duuba gochitii dhibiin ta adoo dhabaanqabaa hinqabatinuu waan seerii jedhu guutuu, isanii Yihudii murti, isan adoo seera barreefatanii, dhaqaanqabaa qabataniillee seera cabsitan. 28Laali Yihudiin dhugaa ta dhaqaanqabaa qabatee eennu; nama dhaqaanqabaa qabatee alaan Yihudii fakkaatunitii; 29ammoo Yihudiin dhugaa nama garaan isaa dhugumaan Yihudii ta'u, ka garaan isaa dhaqaanqabaa qabate, wantii kunin hujii hafuura Waaqati, hujii seera beerreesaniittiin. Namii akkanaa kunin Waaqaa irraa ulfinna argata malee nama irraa hinargatu.

Currently Selected:

Roomaa 2: KakHaa

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in