YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Maarqoos 5

5
Yesus Namicha Hafuurri Battiin Irra Bule Tokko Akka Fayyise
(Mat 8:28-34; Luq 8:26-39)
1Garba ciisaa Galiila'aa hobolo'oon ce'anii, gara biyya Geraasenoon ni gayan. 2Akkuma Yesus hoboloo irraa bu'een namichi hafuura hama'aan qabame tokko bakkumatti bakka awwaalaatii bayee, gara Yesusii ni dhufe. 3Naminni kun'llee bakka awwaalaa ni jiraata ture, naminni kumi'llee birbraatumaanuu hidhee isa tursiisu'uuf hin danda'u ture. 4Yeroo baayi'ee sibiila miilaatii fi birbiraataan ni hidhama ture, garuu birbiraata kukuta'aatii fi sibiila miilaa'llee cacabsa'aa ni gata ture, kanaaf isa qabee dhaabu'uuf ka danda'u eennu'llee hin turre. 5Yeroo mara'llee halkanii fi guyyaa uduu addaan hin kutin bakka awwaallaniitii fi gaarota mara irra naanaya'aa ni iyya ture, qaama isaa'llee dhaga'aan kukkutee ni mummuree ni madeessa ture.
6Inni'llee Yesusiin fago'oo yeroo argeenitti gara isaa fiigeeti, jilbba isaatiin jilbbiiffatee ni sagadeef. 7Qoonqqa ol aana'aan'llee iyya'aa, «Ati Ilma Waaqa ol aana'aa yaa Yesus! Ati anaan woliin dhimma maal qabddaa? Maqaa Waaqaatiin si ni kadhadha, yabo'oo ana hin makkaraarsin!» jedheen. 8Kana'llee sababaan jedheef, «Ati hafuurri battiin nama kana keessaa bayi!» jedhee, ajajeenii waan tureef.
9Yesus'llee, «Maqaan kee eennu?» jedhee ni gaafateen, inni'llee, «Baayi'eewwan waan taaneef maqaan kiyya Leegewoon#5:9 Leegewoon:- Hoomaa, yookiin hafuurota battiiwwan laakkofssi isaanii baayi'ee ta'e » jechu'uun, ni deebiseef. 10Biyya sanii'llee akka isaan hin ariineef, cimissee ni kadhateen.
11Bakka san hunda gaarotaa titti gobbuun baay'een bobayee jira ture. 12Kanaaf, «Yabo'oo deeminnee gara booyyeewwanii titti akka aseennuuf nuuf eeyyami!» jedhanii, ni kadhataniin, 13Yesus'llee isaaniif ni eeyyame, hafuuronni hamaawwan'llee nama san keessaa bayanii, booyyeewwan keessa ni aseenan, gobbuu keessa ka turan booyyeewwan kuma lamaa gayan'llee, gatantara'aa bu'anii qilee irraa garba ciisaa jala ni taran.
14Tissitoonni booyyeewwanii dheessanii ni deeman, magaala'aa fi baadiyya'atti'llee oduu ni odeessan, namoonni'llee waan ta'e laalu'uuf mana isaanii maraa ni bayan. 15Gara Yesus'llee dhufanii namichi hafuurota batti'iin qabamee ture sun dhukkuba isaa ka sammu'uu irraa fayyee, uffata isaa uffatee, taa'ee yeroo isa arganitti ni nayan. 16Kana'llee durssanii namoonni argan, namicha hafuurri jinni'ii irra buleetii fi booyyeewwan irratti waan ta'e maraa, isaanitti ni odeessan.
17Yeroo sanitti namoonni biyyaa marri bayanii Yesus biyya isaanii keessaa bayee akka deemuuf ni kadhataniin.
18Yesus uduma gara hobolo'oo irraa bayu'utti jiru, namichi hafuurri battiin irra bulee ture, «Yabo'oo si haa horddofuu!» jedhee, ni kadhateen.
19Yesus garuu hin eeyyamnneef, garuu, «Gara mana keetii deemiitii Gooftaan waan ol aanaa attamii akka si raawwate fi waan ol aanaa taasise, attamitti'llee akka si fayyise, maatii kee titti odeessi» jedheen.
20Namichi'llee waan Yesus isaa taasiseef, «Magaalaawwan kurnan» biyya jedhamutti, odeessuu jala ni qabe. Worri dhagayan marri'llee ni maalaliffatan ture.
Intala Yaayirosiitii Fi Dubarttii Uffata Yesusii Tuqixxe
(Mat 8:28-34; Luq 8:26-39)
21Yesus hobolo'oon gara garba ciisa'aan gamaa deebi'ee yeroo deemetti, namoonni baayi'een gara isaa wol ni gayan, yeroo sanitti inni garba ciisaa bira ni ture. 22Achitti'llee itti gaafatamoota bakka woligayii isaanii keessaa tokko ka ture, Yaayiros namichi jedhamu Yesusiin yeroo argetti, miila isaa jalatti jigee, 23«Mucattiin tiyya diqqittiin dhukkubisattee qarree du'aa irra jirtti, akka fayyituu fi lubbu'uun akka jiraattu, yabo'oo koottuutii harka kee isii irra kaayi!» jechu'uun, cimssee ni kadhateen.
24Yesus'llee woliin ni deeme, namoonni baayi'een'llee horddofaniinii, naannaya isaatiin ni hacuucaniin ture.
25Woggaa kudha lamaaf dhiiginni isi'ii jiga'aa ka makkaraarttu, dubarttii takkatu ture. 26Yaalaa tokkoo gara yaalaa bira'aa deemu'uun baayi'ee makkaraara'aatii fi qabeenna isi'ii mara'llee fixxee turtte. Garuu ittuma jabaata'aa deeme malee, womaayyuu isi'itti hin woyyanne. 27Isiin'llee gurroo Yesusii dhageettee jirtti waan turtteef, ummatuma wol hacuucu jidduu gara duubaatiin dhufittee, uffata isaa ni tuqixxe. 28Kana'llee wonitti raawwatteef, «Uffatuma isaatuu yoo tuqee ni fayya» amantii, jedhuun ture.
29Dhiiginni isi'ii ka jigu'llee bakkumatti ni dhaabate, dhukkubisata isi'ii irraa akka fayyite'llee, qaama isii keessa itti ni dhagayame. 30Yesus'llee bakkumatti huminni isa keessaa akka baye ni beeke, gara ummataa'llee garagalee, «Uffata kiyya ka tuqe eennu?» jechu'uun, ni gaafate.
31Ergamittoonni isaa'llee, «Ummanni wol hacuuca'aa akka si horddofu uduu argitu, ‹eenutu ana tuqe?› jettaa?» jedhaniin.
32Inni'llee kana ka raawwate eennuun akka ta'e laalu'uuf, ufi irra garagalee ni laale. 33Dubarttiin garuu waan isii irratti ta'e beekuu isi'iitiin, soda'aan hollata'aa isa duranatti kufttee, dhugaa maraa itti ni himtte. 34Inni'llee, «Yaa mucattii tiyya, amantiin kee si fayyisee jira, nagayaan deemi, makkaraarnna kee irraa'llee fayyi» jedheen.
35Yesus uduma kana dubbachuu irra jiru mana itti gaafatamaa bakka wolgayii isaaniitii namoonni dhufan, itti gaafatamaa bakka woligayi'iitiin, «Mucattiin tee duutee jirtti, eegaa waayee maali'iitiif barsiisaa dadhabsiifttaan?» jedhaniin. 36Yesus garuu kana dhagayee itti gaafatamaa bakka woligayii isaaniitiin, «Amani qofa malee hin sodaatin!» ni jedheen. 37Yesus Phexirosii fi Yaaqoob, obboleessa Yaaqoobii Yohaannisiin malee, eennu'llee akka isa horddofuun hin eeyyaminne. 38Gara mana itti gaafatamaa bakka woligayii isaanii yeroo gayanitti Yesus, namoonni yoo wocan, yoo booyanii fi yoo iyyan'llee ni arge. 39Gara keessaa'llee aseenee, «Jeequmssi kun marrinii fi booyichi waayee maali'iitiif? Mucattiin mugiddee jirtti malee hin duune» isaaniin jedhe.
40Namoonni'llee baldu'uun itti ni kolffan, Yesus garuu isaan maraa manaa keessaa ni baase, haadhaa fi abbaa mucatti'ii worra isa woliin turan'llee ufi duukaa qabatee, gara kutaa mucattiin keessa turttee ni aseene. 41Harka mucatti'ii'llee qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen, hiikkaan isaa'llee, «Mucattii nana ka'i siin jedha» jechu'u.
42Isiin'llee mucattii woggaa kudha lamaa waan tureef, bakkumatti kaatee asii fi achi jechuu jala ni qabdde, kana'llee yeroo ta'etti namoonni haalaan ni maalaliffatan. 43Yesus garuu waan kana eennu'llee akka hin beekinneef isaan ajajeeti, «Waan nyaatu kenna'aafii» isaaniin jedhe.

Currently Selected:

Wongeela Maarqoos 5: ArsiDNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in