YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Maarqoos 4

4
Fakkeenna Nama Sanyii Facaasuu
(Mat 13:10-17; Luq 8:4-8)
1 # Luq 5:1-3. Yesus deebi'ee garba ciisaa biratti barsiisuu jala ni qabe. Namoonni haalaan baayi'ee'llee gara isaa dhufanii woligayuu isaaniitiin, inni hoboloo garba ciisaa irra jirttu irra bayee ni taa'e, ummanni marri'llee daangaa garba ciisaa ni turan. 2Wonittoota baayi'ee'llee fakkeennaan isaan ni barsiise, yoo isaan barsiisu'llee akkana isaaniin jedhe, 3«Dhagayaa! Kunoo, qotee bulaan sanyii facaasu'uuf ni baye, 4facaasa'aa uduu jiru'llee sanyiin tokko karaa biratti ni bu'e, sinbirroonni'llee dhufanii ni nyaatan. 5Sanyi'iin bira'aa bakka biyyeen baayi'een hin jirre lafa dhaga'aa irra ni bu'e, bakki'llee biyyee baayi'ee waan hin qabnneef, bakkumatti ni baye. 6Haa ta'u malee yeroo aduun baatetti ni qaamaye, hidda gad fagaate waan hin qabnneef'llee ni goge. 7Sanyiin bira'aa ximirroo qore'ee jiddu'utti ni bu'e, qoreen'llee yeroo guddattetti waan hudheeniif, firii malee ni hafe. 8Sanyiin bira'aa lafa mishaa irratti bu'ee ni baye, biqilli isaa'llee guddatee firii ni kenne, tokko soddoma, tokko jahaatama, tokko'llee dhibba ni daraare.»
9Itti aanssee'llee Yesus, «Ka Gurra dhagayu qabu, haa dhagayu!» jedhe.
Yesus Waayee Maali'iitiif Fakkeennaan Ni Dubbata Akka Ture
(Mat 13:10-17; Luq 8:9-10)
10Yesus adda isaa yeroo ta'utti ni horddofaniin namoonni turanii fi barattoonni isaa kudha lamaan, waayee hiikkaa fakkeennota ni gaafataniin. 11Inni'llee akkana isaaniin jedhe, «Waayee dhossaa Mootummaa Waaqaa beeku'uun isiniif kennamee jira, worra ala jiraniif maraaf garuu, wonitti marrinuu fakkeennaan isaanitti ni himama. 12Kun'llee ka ta'u,
‹Isaan gara Waaqaa deebi'anii,
cubbuun isaanii akka isaanii hin dhiifamnneef,
laaluu uduma laalan garuu onne'etti hin qabatan,
dhagayuu'llee uduma dhagayan, hin hubatan› » akkuma jedhame.
Hiikkaa Fakkeenna Nama Sanyii Facaasuu
(Mat 13:18-23; Luq 8:11-15)
13Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Isin'llee fakkeenni kun isiniif hin galuu? Eegaa fakkeennota kaanniin mara attamitti hubachu'uuf dandeettan ree? 14Ka facaasu dubbii Waaqaa ni facaasa. 15Dubbiin Waaqaa yeroo facaafametti'llee sanyiin karaa biratti bu'e ka muldhisu, dubbii yeroo dhagayanitti bakkumatti sheexanni dhufee dubbii onnee isaanii titti facaafame, waayee namoota irraa fudhatamuuti. 16Akkuma kana lafa dhaga'aa irratti ka facaafame ka muldhisu, waayee worra dubbii yoo dhagayan bakkumatti gammachu'uun fudhataniiti. 17Inni garuu yeromaaf malee onnee isaanii keessatti hidda hin fageeffanne, yeroo muraasaan duubatti sababa dubbii Waaqaatiin rakkinni yookiin ari'amuun isaan irra yoo gaye, bakkumatti gufatanii ni kufan. 18Qoree jiddu'utti ka facaafame ammoo ka muldhisu, waayee namoota dubbii Waaqaa dhagayaniiti. 19Haa ta'u malee yaadinni biyya lafa kanaa, jaalallitti qabeennaatii fi ka bira'aa'llee hawwiin tasaa gara onnee isaanii aseenee dubbii Waaqaa waan hudhuuf, firii malee ni hafa. 20Lafa mishaa irratti ka facaafame garuu ka muldhisu, waayee namoota dubbii Waaqaa dhagayanii hubanna'aan fudhataniiti. Ka akkanaa kun tokko soddoma, tokko jahaatama, tokko'llee firii dhibba, ni daraara.»
Ibisaan Ka Ifu Ifa Akka Kennuuf Ta'uu Isaa
(Luq 8:16-18)
21 # Mat 5:15; Luq 11:33. «Naminni ibisaa ibisee ginddoo jala yookiin siree jala ni kaayaa ree? Ka kaayu bakka ifin isaa itti mulidhatu baattuu ibisa'aa irraa mitii ree? 22#Mat 10:26; Luq 12:2.Akkuma kana wonitti dhoffame uduu hin mulidhatin, ka bade'llee uduu hin beekkamin hin hafu. 23Eegaa ka gurra dhagayu qabu, haa dhagayu!»
24 # Mat 7:2; Luq 6:38. Deebi'ee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Waayee waan dhageettaniitiif ufi eeggadhaa! Waanuma isin ittiin safarttaniin isiniif'llee ni safarama, caala'atti'llee isiniif ni dabalama. 25#Mat 13:12; 25:29; Luq 19:26.Ka qabuuf ni kennama, yoo ka hin qabnnee garuu, ka qabu sunuu irraa ni fudhatama» jedhe.
Fakkeenna Guddinna Sanyi'ii
26Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa biyya lafaa irratti nama sanyii facaasu fakkaati. 27Namichi halkan ni rafa, guyyaa'llee ni ka'a, attam akka ta'e'llee uduu hin beekin sanyiin ni biqila, ni guddata'lle'e. 28Arddiin'llee jalqaba mataa isi'iitiin biqilttuu, itti fufiinsaan'llee mataa midhaanii ni mulidhiftti, maa'ii'llee mataa irratti firiin ni argama. 29Midhaan'llee yoo gayetti yeroo callaan wolitti qabamu waan ta'eef, namichi bakkumatti haamittuu ni qopheessa.»
Fakkeenna Sanyii Suuniffa'aa
(Mat 13:31-32, 34; Luq 13:18-19)
30Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaa Waaqaa maali'iin wolitti isii bikkinaan? Yookiin Fakkeenna maali'iitiin isii ibisinaan? 31Sanyii suuniffa'aa ni fakkaatti, isiin yoo facaafamttutti sanyii arddii irra jiran mara irraa ta diqaatte. 32Eega facaafamtteen duubatti garuu guddattee biqilttuu maraa ni caaltti, sinbirroonni sami'ii'llee irratti mandhee ijaaratanii, boqachuu haga danda'anitti dameewwan ol aanttota ni baafitti.»
33Yesus'llee haga naminni hubachuu danda'aniitiin, kaniin ka fakkaatan fakkeennota baayi'e'een, dubbii Waaqaa isaanitti ni hima ture. 34Fakkeenna malee'llee isaan hin barsiisu ture, adda isaa yoo ta'an garuu, waan maraa barattoota isaa ni hubachiisa ture.
Yesus Danbalii Calidhisiisuu Isaa
(Mat 8:23-27; Luq 8:22-25)
35Guyyaa san galgala Yesus barattoota isaatiin «Gara garba ciisa'aatiin gamaa haa ceenuu!» isaaniin jedhe. 36Ummata irraa'llee fooyamanii hoboloo inni yaabbatee tureen, Yesusiin qabanii ni deeman, hoboloowwan kuunniin'llee woliin ni jiran ture. 37Honbololattiin cimaan bubbe'ee ka'ee, haga bishaan hoboloo irratti guututti, danbaliin #4:37 Danbaliin:- Bishaan huminna bube'eetiin raafamu hoboloo dhayuu jala ni qabe. 38Yeroo sanitti Yesus, hoboloo irra gara kutaa duubaatiin boraatii boraafatee rafee jira ture, ergamittoonni isaa hirribaa kaasaniiniiti, «Yaa barsiisaa! Yobannu bannu garaa si hin nyaannuu ree?» ni jedhaniin.
39Inni'llee hirribaa ka'ee bubbe'etti ni baanate, garba ciisa'aan'llee, «Caldhisi!» ni jedheen, bubeen'llee ni dhiise, caldhisiinssi ol aanaan'llee ni ta'e. 40Yesus'llee, «Akkanatti ka sodaatan maali'iif? Attamitti'llee isin amantii hin qabanne?» isaaniin jedhe. 41Isaan'llee haalaan sodaatanii ufii isaaniitii woliin, «Haa ta'u malee, bubbe'ee fi garbi ciisaan'llee ka isaaf ajajaman, kun eennu?» woliin jedhan.

Currently Selected:

Wongeela Maarqoos 4: ArsiDNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in