Wongeela Yohaannis 6
6
Yesus Namoota Kuma Shanii Nyaachisuu Isaa
(Mat 14:13-21; Mar 6:30-44; Luq 9:10-17)
1Kanaan duubatti Yesus Xiberiyaados gara garba ciisaa jedhamuutiin gamaa ni ce'e. 2Namoonni baayi'een Yesus dhukkubisatoota fayyisu'uun baasa inni taasise yeroo argan, ni horddofaniin. 3Yesus'llee gara gaaraa bayeeti achi, barattoota isaa woliin ni taa'e. 4Ayyaanni Faasiikaa Yihudotaa dhiyaatee jira ture. 5Yeroo sanitti Yesus ummanni baayi'een gara isaa yoo dhufu ol jedhee argeeti Filiphosin, «Nama kana maraaf nyaata gayu eessaa bitu'uuf danddeenna ree?» jedheen. 6Yesus kana ka dubbateef Filiphosiin qorachu'uuf ture malee, waan raawwatu ammoo inni mataan isaatuu ni beeka ture.
7Filiphos'llee, «Tokkoo tokkoo isaaniitiif diqqoma diqqoo kutee akka isaanii kennuuf, buddeenni dinaara dhibba lamaa isaanii hin gayuu» jechu'uun ni deebiseef.
8Barattoota isaa keessaa tokko, obboleessi Simoon Phexirosii Indriyaas akkana ni jedhe, 9«Buddeena garbu'uu shanii fi qurxxummii lamaa ka qabatee jiru mucaan tokko asi ni jira, garuu kun ummata kana maraaf maal gaya?»
10Yesus'llee, «Namoonni akka taa'an isaan taasisaa» jedhe. Bakka san'llee marga baayi'etu jira ture, namoonni'llee ni taa'an, laakkofssi isaanii'llee kuma shanii ka gayu ture. 11Kanaan duubatti Yesus buddeena ol fuudhee galata eega dhiyeesseen duubatti, namoota taa'aniif ni qoode. Akkuma kana qurxxummiiwwan'llee isaanii ni qoode, marrinuu waan haga isaan barbaachisu ni argatan. 12Marrinuu nyaatanii eega quufaniin duubatti barattoota isaatiin, «Wonitti tokko'llee akka hin hin badinneef hanbbaa hafe'llee wolitti qabaa» isaaniin jedhe. 13Isaan'llee namoonni nyaatanii ka hafe hambbaa buddeena garbu'uu shanii irraa wolitti qabanii, ginddoo kudha lamaa ni guutan.
14Namoonni'llee baasa Yesus raawwate yeroo arganitti, «Dhugamaanuu kun gara biyya lafaa nabiyyicha dhufu!» jedhan. 15Namoonni garuu dirqamaan fudhataniinii isa nugusa taasisu'uuf akka yaadan yeroo beeketti, Yesus adda isaa deebi'ee achi fagaatee, gara gaaraa ol ni baye.
Yesus Garba Ciisaa Irra Tarkkaanfata'aa Akka Deeme
(Mat 14:22-33; Mar 6:45-52)
16Yeroo laftti dhiiyetti'llee barattoonni isaa gara garba ciisa'aa ni bu'an. 17Hoboloo yaabatanii gara Qifirnaahoomii ni qajeelan, saa'aatii sanitti yeroon dukkanaayee jira ture, Yesus'llee gara isaanii hin dhufinne ture. 18Bubbeen cimaan ni bubbisa waan tureef, garbi ciisaan ni raafame. 19Barattoonni isaa'llee haga kiilomeetira shanii yookiin jahaa, bishaan dhayata'aa eega deemaniin duubatti, Yesus garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara hobolo'oo yoo dhiyaatu arganii, ni sodaatan. 20Inni garuu, «Anaa, hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe. 21Isaan'llee gammachu'uun ufitti fudhatanii gara hobolo'oo irra baasu'uuf ni barbaadan, bakkumatti hoboloon gara bakka dheemittuu ni gette.
Yesus Buddeena Jireennaa Ta'uu Isaa
22Guyyaa itti aanutti'llee namoonni garba ciisa'aan gamatti hafanii turan, garba ciisaa irra hoboloon takka qoftti akka turee fi achitti'llee barattoonni isaa adda isaanii titti akka deeman, Yesus garuu isaan woliin hoboloo irra akka hin bayin, arganii turan. 23Ta'u'llee hoboloowwan kuunniin Xibiryaados ka'anii, gara bakka Yesus kadhannaa galattaa itti taasiseeetii fi gara bakka ummanni buddeena itti nyaatee, bira ni dhufan. 24Namoonni'llee Yesus yookiin barattoonni isaa bakka san akka hin jirre yeroo arganitti, hoboloowwan sanniin yaabatanii Yesusiin barbaadu'uuf, gara Qifirnaahoomii ni deeman. 25Garba ciisa'aan gamatti yeroo isa argatanitti'llee, «Yaa barsiisaa, garana yoom dhufitte?» jedhaniin.
26Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Dhugaa isiniin jedha, isin ka ana barbaadan buddeena waan nyaattanii fi waan quuftaniif malee, baasa waan argitaniifii miti. 27Nyaata baduuf hin hojjatinaa, kana irra Waaqinni Abbaan chaaphaa mirkaneessee ka caaphesse, Ilmi Namaa ka isinii kennu, nyaata jireenna bara baraa ta'eef hojjadhaa.»
28Namoonni'llee, «Eegaa hujiin Waaqaa hojjachu'uuf maal raawwachu'uutu, nurraa mala?» jedhaniin.
29Yesus'llee, «Hujiin Waaqaa ammoo ka Waaqinni ergetti amanu'u» jechu'uun, isaanii ni deebise.
30Isaan'llee akkana ni jedhaniin, «Nu'u arginee sitti akka amannuuf baasa maal taasftta? Maal'llee hojjatta? 31‹Akka nyaataniif sami'ii buddeenna isaanii ni kenne› jedhamee akkuma barreeffametti, abbootiin keenna gammoojji'itti ‹maannaa› nyaatanii jiran.»
32Yeroo sanitti Yesus akkana isaaniin jedhe, dhugaa isiniin jedha, «Buddeena sami'ii bu'e ka isaanii kenne Muse'ee miti, buddeena dhuga'aa sami'ii ka isinii kennu Abbaa kiyya, 33Buddeenni Waaqaa ka sami'ii bu'uu fi biyya lafaatiif jireenna ka kennu.»
34Kanaaf namoonni, «Yaa Gooftaa! Buddeena bifa kanaa yeroo maraa nuuf kenni» ni jedhaniin.
35Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Buddeenni jireennaa ana, gara kiyya ka dhufu gonkumaa hin beelayu, anatti ka amanu gonkumaa hin dheebotu, 36Isin garuu ana argitanii jirttan, garuu anatti hin amanne isiniin jedha. 37Ka Waaqinni Abbaan naaf kennu marrinuu gara kiyya ni dhufa, ka gara kiyya dhufu'llee gonkumaa gara alaa titti isa hin ari'uun. 38Ani sami'ii ka bu'e fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf malee, fedhii mataa kiyyaa raawwachu'uufii miti. 39Fedhiin ka ana ergee'llee, ka naaf kenne mara keessaa tokkoma'llee uduu hin balleessin guyyaa muumme'ee titti, du'aa akka isaan kaasuuf. 40Ee! Fedhiin Abbaa kiyyaa Ilmaa ka laaluu fi isatti ka amanan marrinuu, jireenna bara baraa akka argataniif, ani'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasa.»
41Kanaaf Yesus, «Buddeenni sami'ii bu'e ana» jechuu isaatiin, Yihudonni isa irratti ni guunguman. 42Akkana'llee ni jedhan, «Kun ilma Yooseefii Yesusii mitii ree? Haadhaa fi abba'aa fi isaa ni beekinnaa mitii ree? Eegaa, amma inni attamitti ‹Sami'ii bu'e› nuun jedha, jedhan?»
43Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ufii keessan wolitti hin guunguminaa, 44Waaqinni Abbaan ana erge ka ufitti harkiseen yoo ta'e malee, gara kiyya dhufu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, gara kiyya ka dhufu'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasan. 45Kitaabban nabiyyootaa titti, ‹namoonni marrinuu Waaqa irraa ka baratan ni ta'an› jedhamee barreeffamee jira, kanaaf Waaqa Abbaa irraa dhagayee ka barate marrinuu gara kiyya ni dhufa. 46Kana'llee jechuun Waaqa Abbaa naminni arge ni jira jechu'uu miti, Waaqa Abbaa ka arge Waaqa biraa ka dhufe isa qofa. 47Dhugamaa isiniin jedha, (anatti) naminni amanu, jireenna bara baraa ni qaba. 48Ani buddeenna jireennaati, 49Abbootiin teessan gammoojji'itti maannaa ni nyaatan, garuu ni du'an. 50Buddeenni sami'ii bu'e kana, buddeena kana'llee ka nyaatu gonkumaa hin du'u. 51Sami'ii ka bu'e buddeenni jireenna kennu ana, buddeena kana irraa ka nyaatu marrinuu bara baraaf ni jiraata, biyya lafaatiif' jireenna akka ta'u, buddeenni ani kennu foon kiyya.»
52Yeroo sanitti Yihudonni, «Naminni kun foon isaa akka nyaanuuf attamitti nuuf kennuu danda'a?» jechu'uun, ufii isaaniitii wol ni mormman.
53Kanaaf Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugaa isiniin jedha, foon Ilma Namaa nyaachuu yoo dhabaattan, dhiiga isaa'llee yoo hin dhugin jireenna hin qabddan. 54Foon kiyya ka nyaatuu fi dhiiga kiyya'llee ka dhugu marrinuu jireenna bara baraa ni qaba, ani'llee guyyaa muumme'ee titti, du'aa isa ni kaasan. 55Foon kiyya nyaata dhuga'aa, dhiiginni kiyya'llee dhugaatii dhuga'aati. 56Foon kiyya ka nyaatuu fi dhiiga kiyya'llee ka dhugu marrinuu, anaan keessa ni jiraata, ani'llee isaa keessa ni jiraadha. 57Waaqinni Abbaan jiraataan akka ana ergee fi ani'llee isaan jiraataa akka ta'e, akkuma kana foon kiyya ka nyaatu marrinuu, anaan jiraataa ni ta'a. 58Eegaa buddeenni sami'ii bu'e kana, inni'llee bifa akka abbootiin keessan nyaataniitii miti, buddeenna san ka nyaatan du'anii jiran, buddeenna kana ka nyaatan garuu, bara baraaf ni jiraatan.»
59Yesus kana ka dubbate, Qifirnaahoomitti, bakka wolgayii isaanii titti, yeroo barsiisutti ture.
Dubbii Jireenna Bara Baraa
60Barattoonni isaa baayi'eewwn isaanii kana yeroo dhagayanitti, «Haasofnni kun ulffaata'a, eennutu fudhachu'uuf dandda'a?» jedhan. 61Yesus'llee barattoonni isaa waayee kanaaf akka guunguman hafuura isaatiin beekee akkana isaaniin jedhe, «Wonitti kun isin ni gufachiisa ree? 62Ilmi Namaa gara duraan ture deebi'ee yeroo dhufu yoo argitan, maal jechu'uuf? 63Jireenna ka kennu Hafuura Waaqaati, huminni namaa garuu womaafuu hin fayyadu, dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura, jireennaati'lle'e, 64garuu isin jiddu'uu tokko tokko ka hin amanne ni jiran» Yesus kana ka dubbate jalqabumaa kaasee worri hin amanne eennuun fa'a akka turanii fi ka dabarssee isa kennu'llee eennuun akka ta'e, ni beeka waan tureef. 65Itti aanssee'llee Yesus, «Waaqa Abbaa biraa ka eeyyamameef yoo ta'ee malee, gara kiyya dhufu'uuf ka dandda'u hin jiru ka isiniin jedhe kanaaf» jedhe.
66Sababaa kanaan'llee barattoota isaa keessaa baayi'eewwan gara duubaa titti ni deebi'an, yeroo sanii jalaqabee'llee Yesusiin horddofuu ni dhiisan. 67Kanaaf Yesus barattoota isaa kudha lamaaniin, «Isin'llee ammoo deemu'uuf ni barbaadanii moo?» isaaniin ni jedhe. 68#Mat 16:16; Mar 8:29; Luq 9:20.Yeroo kanatti Simoon Phexiros akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Gara eennuu deemnnaa? Ati dubbii jireenna bara baraa ni qabdda. 69Nu'u amannee jirra, Ilmi Waaqaa jiraata'aa akka taate'llee, beekinnee jirra» jedheen.
70Yesus'llee, «Isin kudha lamaan keessan isin filadhee jiraa mitii? Garuu isin keessaa tokkochi sheexana!» isaaniin jedhe. 71Kana'llee ka jedhe waayee ilma Simoonii waayee Yihudaa nama biyya Keriyootii Kristosiitiif ture, Yihudaan yoma kudha lamaan keessaa tokko ta'e'llee, Yesusiin dabarssee ka kennu isa waan tureef.
Currently Selected:
Wongeela Yohaannis 6: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in