YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Yohaannis 16

16
1«Kunoo, kana maraa ka isinitti hime amantiin keessan akka hin raaffaminneef jedheeti. 2Bakka wolgayii isaaniitii baasanii isin ni ari'an, gonkumaa isin ka ajjeesan marrinuu, Waaqa waan tajaajilanii yeroo itti fakkaatu ni dhufa. 3Kana'llee ka raawwatan, Waaqa Abbaa ta'ee ana'llee, waan hin beekiniif. 4Kana isinitti dubbachuun kiyya garuu, yeroon yoo gayu maal akka isiniin jedhe, akka yaadattaniif.»
Hujii Hafuura Qulqullu'uu
«Kana maraa asiin durana ka isinitti himuu dhabe, isin woliin waan tureef. 5Amma garuu gara ka ana ergee deemuu kiyya, ta'u'llee isin keessaa ‹garam deemitta› jedhee, ka ana gaafatu hin jiru. 6Haa ta'u malee kana maraa waan isinitti himeef onneen keessan gaddaan guutamee jira. 7Ani garuu dhugaa isiniin jedha, deemuun kiyya isiniif ni fayyada, ani yoo hin deemin jabeessaan gara keessan hin dhufu, ani yoo deeme garuu isa isinii ni erga. 8Inni'llee yeroo dhufetti waayee cubbu'uu, waayee qulqullaayomaatii fi waayee sababa murti'ii'llee, namoota biyya lafaa ni saaxila. 9Waayee cubbu'uutiif ka saaxilu, anatti waan hin amanneef. 10Waayee qulqullaayomaa ka saaxileessu, gara Waaqa Abba'aa waan deemuu fi ammaa achitti, waan ana hin argineef, 11waayee murti'ii ka saaxilu bulichaan biyya lafa kanaa, waan itti murteeffameef.»
12«Ufi durana ka isinitti himu waan baayi'ee ni qaba, amma garuu isinitti ni ulffaata, 13Hafuurri dhuga'aa yeroo dhufetti, gara dhugaa maraa isin ni eemara. Inni ka dubbatu waan dhagaye malee, ka isaa waan hin ta'iniif, inni ufi durana wonittoota ta'an maraa isinitti ni hima. 14Kiyya ka ta'e irraa fudhatee isinitti waan himuuf, ana ni kabaja. 15Wonitti ka Waaqa Abba'aa ta'e marrinuu kiyya, ‹kiyya ka ta'e irraa fudhatee isinitti ni hima› ka isiniin jedhe kanaaf.»
Gaddi Keessan Gara Gammachu'uu Titti Jijjiiramuu Isaa
16«Yeroo muraasaan duubatti ana hin argitan, deebi'ee'llee yeroo muraasaan duubatti ana ni argitan.»
17Barattoota isaa keessaa tokko tokkoon isaanii, «Kun, ‹yeroo muraasaan duubatti ana hin argitan, ammoo yeroo muraasaan duubatti ana ni argitan, akkuma kana gara Waaqa Abba'aa ni deema› wonitti nuun jedhu maali'i?» woliin jedhan. 18«Eegaa kun, ‹ka yeroo muraasaan duubatti› wonitti jedhu kun maali'i? Waan inni dubbatu hin beekinnu» woliin jechu'uun, dedeebisanii wol ni gaafatan.
19Yesus'llee isa gaafachu'uuf akka barbaadan beekee akkana isaaniin jedhe, «Ufii keessan ka wol gaafattan, ‹yeroo muraasaan duubatti ana hin argitan, ammoo yeroo muraasaan duubatti ana ni argitan› waan isiniin jedheef moo? 20Dhugaa isiniin jedha, isin ni boottan, ni iyyitan'llee, biyyi lafaa garuu ni gammada, isin ni gadditan, garuu gaddi keessan gara gammachu'uu titti ni jijjiirama. 21Dubarttiin yeroo deetutti guyyaan ciniinssu'uu isi'ii waan gayeef ni gadditi, eega deetteen duubatti garuu biyya lafaa irratti daa'imnni waan dhalateef, gammachuu isi'ii irraa ka ka'een, sarddama isi'ii hin yaadattu. 22Akkasuma kana isin amma ni gadditan, garuu ani deebi'ee isin ni arga, onneen teessan ni gammada, gammachuu keessan'llee ka isin irraa fudhatu hin jiru.»
23«Guyyaa sanitti ana irraa womaayyuu hin kadhattan, dugaa isiniin jedha, Waaqa Abbaa maqaa kiyyaan uduu kadhattaniinii waan maraa, isiniif ni kenna. 24Haga ammaa titti isin maqaa kiyyaan womaayyuu hin kadhanne, kadhadhaa isiniif kennama, gammachuun keessan'llee muda maleessa ni ta'a.
25«Haga ammaa titti fakkeennaan isinitti himee jira, ammaa achitti fakkeennaan yeroon isinitti hin himnne ni dhufa, garuu waayee Waaqa Abba'aatiif waan maraa ibisee, isinitti ni hima. 26Guyyaa saniti maqaa kiyyaan ni kadhattan, ani'llee, ‹Waaqa Abbaa isinii ni kadhadha› isiniin hin jedhu. 27Sababaan'llee, Waaqinni Abbaan mataa isaatuu waan isin jaalatuuf, Waaqinni Abbaan'llee ka isin jaalate ana waan jaalattanii fi Waaqa biraa'llee akka dhufe, waan amanttaniif. 28Waaqa Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufee jira, deebi'ee'llee biyya lafaa kana dhiisee, gara Waaqa Abba'aa ni deema.»
29Barattoonni isaa'llee akkana ni jedhan, «Kunoo, amma fakkeennaan uduu hin ta'in, ifatti ni dubbatte, 30ati waan maraa akka beekittuu fi eennu'llee gaafii siif dhiyeessuu akka hin barbaachifnne, amma beekinnee jirra, kanaaf Waaqa biraa akka dhufitte ni amanna.»
31Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Amma ammoo isin ni amanaa ree? 32Haa ta'u malee tokko tokkoon keessan gara mataa keessan ka bittinnoofttanii fi ana adda kiyyatti yeroo itti ana dhiifttan ni dhufa, saa'aatiin'llee amma gayee jira, garuu Waaqinni Abbaan anaan woliin waan ta'eef, adda kiyyaa miti. 33Kana isinitti dubbachuun kiyya ana keessa taatanii nageenna akka qabaattaniif jedheeti, biyya lafaa kana irra haga jirttanitti rakkinnatu isinitti jira, garuu jabaadhaa, ani biyya lafaa injifadhee jira.»

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in