Wongeela Yohaannis 15
15
Yesus Muka Woynni'ii Ka Dhuga'aat
1«Gudeelchi muka woyinni'ii dhugaalessi ana, hojjataan biqilttu'uu'llee Abbaa kiyya, 2Firii ana irra jiru damee hin daraarre maraa, abbaan kiyya muree ni gataan, damee firii daraaru garuu baayi'essee akka daraaruuf, kittaanee ni qulqulleessaan. 3Isin'llee waayee dubbii isinitti himeetiin amma qulqullaayomota. 4Ana keessa jiraadhaa, ani'llee isiniin ni jiraadhaa, dameen gudeelcha muka woyinni'ii irratti jabaate yoo jiraate malee, mataa isaa qofatti firii daraaru'uuf akkuma hin dandeenne, isin'llee anaan yoo jiraachuu dhabaatan, firii daraaru'uuf hin dandeettan.»
5Ani gudeelcha muka woyinni'iiti, isin'llee dameewwan kiyya, firii baayi'ee daraaru ka danda'u ka anaan jiraatuu fi ka ani'llee isa keessa jiraadhu, garuu ana malee womaayyuu raawwachu'uuf hin dandeettan. 6Anaan ka hin jiraanne akka dame'ee gara alaa titti gatamee ni goga, dameewwan akkana jiran kunniin, wolitti qabamanii gara ibiddaa itti gatamaniiti ni gubatan. 7Anaan yoo jiraattan dubbiin kiyya'llee isin keessa yoo jiraatee, waan barbaaddan yoo kadhattan ni argattan. 8Firii baayi'ee yoo daraarttan kanaan Abbaan kiyya ni ulffaata, isin'llee barattoota kiyya ta'uu keessan ni muldhifttan. 9Waaqinni Abbaan ana akkuma jaalate, ani'llee isin ni jaaladhe, kanaaf jaalala kiyyaan jiraadhaa. 10Ani ajaja Abbaa kiyyaa akka raawwadhee fi jaalala isaatiin akka jiraadhu, isin'llee ajaja kiyya uduu raawwattanii, jaalala kiyyaan ni jiraattan.
11Kana ka isinitti hime gammachuun kiyya isiniin akka ta'uu fi gammachuun keessan'llee, muda maleessa akka ta'uuf. 12#Yoh 13:34; 15:17; 1Yoh 3:23; 2Yoh 1:5.Ajajinni kiyya akkuma ani isin jaaladhe, isin'llee ufii keessan akka wol jaalattaniif. 13Naminni lubbuu isaa waayee waaheloota isaatiif dabarssee kennuu, ka caalu jaalala hin qabu. 14Isin'llee waan ani isin ajaju uduu raawwattan, waaheloota kiyya. 15Tajaajilaan waan gooftaan isaa raawwatu waan hin beekinneef, ammaa achitti tajaajilttoota isiniin hin jedhu, garuu waan Abbaa kiyya irraa dhagaye maraa isinii waan ibiseef, waaheloota kiyya isiniin jedhee jira, 16anatu isin filate malee isin ana hin filanne, deemttanii firii baayi'ee akka daraarttaniif, firiin keessan'llee jiraataa akka ta'uuf, isin ni muude. Kanaaf waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa, Waaqinni Abbaan isiniif ni kenna. 17«Eegaa ani ka isin ajaju, ufii keessan akka wol jaalattaniif.»
Yesus Waayee Jibbiinssa Biyya Lafaa Dubbachuu Isaa
18«Biyyi lafaa yoo isin jibbe isiniin duranatti ana akka jibbe beekaa. 19Ka biyya lafaa yoo taatan biyyi lafaa ka isaa ka ta'e ni jaalata ture, isin garuu ka biyya lafaa waan hin ta'inii fi ani biyya lafaa irraa fooyee waan isin filadheef, biyyi lafaa isin ni jibba. 20#Mat 10:24; Luq 6:40; Yoh 13:16.Tajaajilaan Gooftaa isaa hin caalu jedhee ka isinitti hime, yaadadhaa, ana eega ari'an isin'llee ni ari'an, dubbii kiyya yoo eegan, dubbii keessan'llee ni eegan. 21Ka ana erge waan hin beekinneef, sababa kiyyaan kana mara isin irratti ni raawwatan. 22Ani dhufee isaanitti uduu himuu dhabaadhee, cubbuu isinitti hin ta'uuyyu ture, amma garuu cubbuu keessaniif sababaa hin qaban. 23Ana ka jibbu Abbaa kiyya'llee ni jibba, 24hujii naminni bara'aa hin raawwatin jidduu isaanitti raawwachuu uduu dhabaadheetii, cubbuu isinitti hin ta'u ture, amma garuu kana maraa eega arganiin duubatti, ana'llee Abbaa kiyya'llee jibbanii jiran. 25Kun'llee ka ta'e ‹sababa malee ana ni jibban› jedhamee, seera isaanii keessatti dubbiin barreeffame akka raawwatamuuf.»
26«Garuu Waaqa Abbaa biraa ka bayuu fi ani'llee Waaqa Abbaa biraa ka isiniif ergu, Hafuurri dhuga'aa jabeessaan yoo dhufe, inni waayee kiyya ragaa ni baya. 27Isin'llee jalqaba irraa kaasee anaan woliin waan turttaniif, ragaa ni baatan» jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Yohaannis 15: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in