YouVersion Logo
Search Icon

Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 14

14
Yesuus Namicha Dhibameeru Tokko Fayyise
1Guyyaa Sambataatiin, Yesuus hurbaataa nyaachu'uuf, gara mana bulchaa Fariisotaa keessaa gara mana nama tokkoo dhaqe; worri gaadu isa eega'aa turan. 2Hennaa san namichi garaan#14:2garaankitaabonni gari gariinnafa jedhan bokoke tokko isa afoo ture. 3#6:9 Yesuus deebisee, «Guyyaa Sambata diqqa'aatiin nama fayyisuun eeyyamameera moo? hin eeyyamamne?» jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisota gaafate. 4Isaan ammoo hin cadhisan. Innillee namicha qabee fayyiseeti geegesse. 5#13:15; Mat. 12:11 «Isin keessaa namni harreen yookiin qotiyyoon isaa guyyaa Sambataatiin boollatti yoo jalaa bade ka hin baafne eennunni?» isaaniin jedhe. 6Isaan ammoo isaa deebii kennuu hin dandeenne.
Keessummaa Simachu'uu fi Kasoo Ta'uu
7 # Mat. 23:6 Inni worri waamaman hulee kabajja'aa akka filatan argee, mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime. 8#Kitaaba Fakkeennaa 25:6-7 «Eennullee cidha yoo si waame hulee ulfinnaa hin taa'in. Maal laataa ka si caalaa kabajjamaa ta'e waan waamame jiruuf. 9Ka si'ii fi isallee waame dhufee, ‹Nama kanaa bakka gadi dhiis› yoo siin jedhe, hennaa san ati saalfata'aa hulee san gadi dhiiftee bakka gadi aanaa teetta. 10Haata'uu ammoo hennaa waamamte ka si waame dhufee, ‹Jaalatamaa kiyya, olbayi› akka siin jedhu ati ammoo hulee gadi'aantu taa'i. Hennaa san worra si woliin taa'an san maraa afo'otti ulfinna sii ta'a. 11#18:14; Mat. 23:12 Ka ol uf qabu maruu hin salphata. Ka gadi uf qabu ammoo hin kabajjama.»
12Yesuus namicha isa waame saniin akkana jedheen, Laaqana yookaan hurbaataa yoo qopheessite maal laataa harka naa deebisan jettee jaalalloota, Ilmaan haadhaa tee, aantota dureeyyii ollaa keetii hin waamin. 13Haata'uu ammoo hennaa affeerraa goote hiyyeeyyii, naafa, worra hokkoluu fi balloota waami. 14#Yoh. 5:29 Isaan waan jasaa deebisan hin qabneef hin eebbifamta; hennaa qajeellonni du'aa ka'anitti sii deebi'a.
Mammaaka Waan Sirnya Gudda'aa
(Mat. 22:1-10)
15 # 13:29 Worra taa'an keessaa tokko kana dhagayee, «Jeennata Rabbiititti ka hurbaataa nyaatu'uuf taa'u ka eebbifame!» jedheen. 16Inni ammoo akkana jedhe, «Namichi tokko hurbaata guddaa godhee namoota hedduu waame. 17Worra sa'aatii hurbaata'aatitti waamamaniin, ‹Amuma qophaayeera koottaa'a› jedhee akka waamuuf garbicha ufii erge. 18Isaan martinuu sababaa adda addaa himachuu jalqaban. Ka duraa, ‹Lafa bitadheera, deemee laalladhaa, dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen. 19Ka biraa, ‹Qotiloota morma shanii bitadheera; isaan leenjisu'uuf deemaa; dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen. 20Ka biraallee, ‹Ani Waan dhiyoo fuudheef idaayya'a, kanaaf dhufee hin danda'u› jedheen. 21Hojjataan isaa sunillee achii deebi'ee waan kana maraa Gooftaa ufiititti hime. Hennaa san abbaan cidhaa aaree hojjataa isaa saniin, ‹Dafii ariifadhuu gara karaa badha'aa fi xurre'ee bayi, hiyyeeyyii, naafa, worra hokoluu fi balloota waami!› jedheen. 22Hojjataan sunillee, ‹Akka ati na ajajje godheera, ammallee huleen hin jirti!› jedheen. 23Gooftaanillee garbicha ufiitiin manni kiyya akka guutu, ‹Gara karaa badha'aa fi xurree baadiya'atti baasuu bayiitii akka seenan godhi! 24Ani akkana isiniin jedha, worra waamaman sanniin keessaa, namni tokkollee hurbaataa kiyya afaaniinillee hin qabu!› jedhe» jedheen.
25Gumiin hedduu uduu isa woliin deemaaru, Yesuus gara isaanii garagalee akkana isaaniin jedhe, 26#18:29; Seera Keessa deebi'ii 33:9; Yoh. 12:25 Eennullee ka gara kiyya dhufuu fedhu yoo jiraate, abbaa fi haadha ufii, haadha manaa, ijoollee, Ilmaan haadhaa, Intallan haadhaatii fi jiruu ufiillee uduu hin hafne yoo hin jibbine, darasaa kiyya ta'uu hin danda'u. 27#9:23; Mat. 16:24; Mar. 8:34 Eennullee fannoo ufii baadhatee na faanaa yoo hin deemne, darasaa kiyya ta'uu hin danda'u.
28«Isin keessaa namni mana dhaga'aan ijaaruu barbaadu, duraan dursee waan hujii san ittiin raawwatu ka taa'ee gatii hin herrenne eennuu? 29Yoo taanii ammoo jalqabee fixuu yoo dadhabe namoonni argan maruu, 30‹Ila, namichi kun ijaarsa jalqabee fixuu dadhabe› jedhanii itti baldan. 31Yookiin mee mootiin tokko mootii biraatiin loluuf dhaqa haa jennuu, mootii loltoota kumaatama qabu tokko mootii loltoota kumaatamaan caalu qabu woliin lolu'uuf duulu tokko duraan dursee gad taa'ee ka hin mari'anne eennu? 32Yoo hin dandeenne ta'e ammoo mooticha isaan lolu'uuf ta'u saniin fagoo uduu jiru namoota ufii itti ergee araara kadhata. 33Akkasuma, eennullee isin keessaa qabeenna ufii maraa ka hin dhiifne darasaa kiyya ta'uu hin danda'u» jedhe.
Sooqqidda Kuraa Uf Keessaa Hin Qabne
(Mat. 5:13; Mar. 9:50)
34«Sooqqiddi waan misha'a, inni garuu mi'aa uf keessaa yoo hin qabaanne maali'iin mi'aaya ree? 35#Mat. 11:15; Mar. 4:9 Faayidaa biraa hin qabu, lafaafillee kosii hin ta'u; gara raasa'aa gatama. Kanaafuu namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu!» jedhe.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in