Gaafas akka namoonni dhaga'anitti sagalee isaanii ol fudhatanii macaafa Musee keessaa in dubbisan; isaanis,<<Amoononnii fi Mo'aabonni bara baraan waldaa Waaqayyootti hin fudhatamin!>> kan jedhu, macaaficha keessatti caafamee in argatan. Kunis sababii Amoononnii fi Mo'aabonni qooda buddeenaa fi bishaaniin Israa'elootatti adeemuu, Bala'aam akka isaan abaaruuf isaanitti bitaniif ta'e; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyoon keenya abaarsicha eebbatti in geddare*.