1
WANGEELA MAATEWOS 27:46
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Gara sa'aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan, ?Elii, Elii lamaa sabaktanii?? jedhee waammate; kunis, ?Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?? jechuutti in hiikama*.
Compare
Explore WANGEELA MAATEWOS 27:46
2
WANGEELA MAATEWOS 27:51-52
Kunoo golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa'e, lafti in socho'e, kattaawwanis in dadaya'an*. Awwaalonnis immoo banamanii, warri qulqulloonni dur du'an in kaafaman.
Explore WANGEELA MAATEWOS 27:51-52
3
WANGEELA MAATEWOS 27:50
Yesus ammoo sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne.
Explore WANGEELA MAATEWOS 27:50
4
WANGEELA MAATEWOS 27:54
Angafni dhibbaa fi namoonni isaa wajjin Yesusin egaa turan, socho'a lafaa, waan yeroo sana ta'e hundumaas yommuu argan guddaa sodaatanii, ?Namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture? jedhan.
Explore WANGEELA MAATEWOS 27:54
5
WANGEELA MAATEWOS 27:45
Guyyaa sa'aatii ja'aa hamma sa'aatii sagaliitti dukkanni lafa hundumaa irra ture.
Explore WANGEELA MAATEWOS 27:45
6
WANGEELA MAATEWOS 27:22-23
Philaaxos, ?Egaa Yesus isa Kristos jedhamu immoo maal godhu ree?? jedhee isaan gaafate; yommus hundumti isaanii, ?Haa fannifamu!? jedhan. Inni immoo, ?Maaliif? Maal balleesse?? jedhe; isaan garuu ittuma caalchisanii, ?Haa fannifamu!? jedhanii iyyan.
Explore WANGEELA MAATEWOS 27:22-23
Home
Bible
Plans
Videos