1
WANGEELA MAATEWOS 18:20
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama? jedhe*.
Compare
Explore WANGEELA MAATEWOS 18:20
2
WANGEELA MAATEWOS 18:19
?Ammas isiniin nan jedha; isin keessaa namoonni lama biyya lafaa kana irratti waa'ee waan tokkotti walii galanii yoo kadhatan, abbaa koo isa waaqa irraa biraa wanti isaan kadhatan in kennamaaf*.
Explore WANGEELA MAATEWOS 18:19
3
WANGEELA MAATEWOS 18:2-3
Yommus inni mucaa tokko gara isaatti waamee isaan gidduu dhaabachiisee, ?Ani dhuguman isinitti hima, deebitanii akka mucoolii yoo ta'uu dhabaattan, mootummaa waaqaatti matumaa hin galtan*.
Explore WANGEELA MAATEWOS 18:2-3
4
WANGEELA MAATEWOS 18:4
Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo gad of deebise, mootummaa waaqaatti hundumaa irra kan caalu isa.
Explore WANGEELA MAATEWOS 18:4
5
WANGEELA MAATEWOS 18:5
Eenyu illees mucaa akkasii tokko maqaa kootiin kan simu ana sima? jedhe*.
Explore WANGEELA MAATEWOS 18:5
6
WANGEELA MAATEWOS 18:18
?Ani dhuguman isiniin jedha; waanumti isin lafa irratti hiitan, waaqa irrattis hidhamaa in ta'a; waanumti isin lafa irratti hiiktan immoo, waaqa irrattis hiikamaa in ta'a*.
Explore WANGEELA MAATEWOS 18:18
7
WANGEELA MAATEWOS 18:35
?Isinis tokkon tokkon keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhabaattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha? jedhe*.
Explore WANGEELA MAATEWOS 18:35
8
WANGEELA MAATEWOS 18:6
Yesus itti fufee, ?Eenyu illee warra xixinnaa anatti amanan kana keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujjuba galaanaa keessatti liqimsiifamuu isaaf wayya ture.
Explore WANGEELA MAATEWOS 18:6
9
WANGEELA MAATEWOS 18:12
?Namni tokko hoolota dhibba qabaatee tokko keessaa yoo bade, sagaltamii salganuu gaarota irratti dhiisee isa bade sana barbaacha hin dhaquu ree? Maal isinitti fakkaata*?
Explore WANGEELA MAATEWOS 18:12
Home
Bible
Plans
Videos