1
WANGEELA MAATEWOS 11:28
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Yesus itti fufee, ?Isin warri itti dhamaattanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna*.
Compare
Explore WANGEELA MAATEWOS 11:28
2
WANGEELA MAATEWOS 11:29
Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu*.
Explore WANGEELA MAATEWOS 11:29
3
WANGEELA MAATEWOS 11:30
Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan [namni anaaf jedhee baatus] salphaa dha? jedhe*.
Explore WANGEELA MAATEWOS 11:30
4
WANGEELA MAATEWOS 11:27
Abbaan koo waan hundumaa dabarsee anatti kenneera; abbaa duwwaatu isa beeka malee, ilma kan beeku tokko illee hin jiru, ilma isaatii fi warra ilmi isaa itti mul'isuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaa kan beekus tokko illee hin jiru? jedhe*.
Explore WANGEELA MAATEWOS 11:27
5
WANGEELA MAATEWOS 11:4-5
Yesus immoo deebisee, ?Deebi'aa! Waan dhageessan, waan argitanis Yohannisitti himaa! Kan jaaman in argu, kan hokkolan in adeemu, kan lamxaa'an in qullaa'u, kan duudan in dhaga'u, kan du'an in ka'u, hiyyeessotaafis misraachoon in lallabama*.
Explore WANGEELA MAATEWOS 11:4-5
6
WANGEELA MAATEWOS 11:15
Namni gurra qabu haa dhaggeeffatu*.
Explore WANGEELA MAATEWOS 11:15
Home
Bible
Plans
Videos