1
Macaafa Miilkiyaas Raajichaa 3:10
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
mana koo keessatti nyaanni akka ta'uuf kudhan keessaa tokko guutummaatti gombisaa kootti galchaa! Ani immoo ittisa bantii waaqaa banee, eebba danuu isin irratti yoon dhangalaasuu dhabaadheef qoraa ana ilaalaa!
Compare
Explore Macaafa Miilkiyaas Raajichaa 3:10
2
Macaafa Miilkiyaas Raajichaa 3:11-12
Midhaan keessan kan balleessu isin irraa nan ifadha; maasii keessan keessaa mukti waynii keessanii hin maseenu; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate*. Isin biyya nama gammachiisu keessa waan jiraattaniif sabni warri kaan hundinuu,<<Isin warra eebbifamoo dha>> isiniin in jedhu*.
Explore Macaafa Miilkiyaas Raajichaa 3:11-12
3
Macaafa Miilkiyaas Raajichaa 3:17-18
Waaqayyo gooftaan maccaa,<<Guyyaa ani murtoo godhe sanatti isaan qabeenya dhuunfaa koo in ta'u; akkuma abbaan ilma isaaf hojjetuuf oo'u akkasuma anis isaaniif nan oo'a*; yommus isin garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jal'oota gidduu jiru, warra ana Waaqayyoof hojjetuu fi warra anaaf hin hojjenne gidduu jirus dabaltanii in argitu>> jedha*.
Explore Macaafa Miilkiyaas Raajichaa 3:17-18
4
Macaafa Miilkiyaas Raajichaa 3:1
Waaqayyo gooftaan maccaa,<<Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa anaaf qopheessu of dura nan erga; dingatas gooftichi inni isin barbaaddan sun gara mana qulqullummaa isaa in dhufa; kunoo, ergamaan kakichaa inni isin hawwitan sun in dhufa>> jedha*.
Explore Macaafa Miilkiyaas Raajichaa 3:1
Home
Bible
Plans
Videos