Waaqayyo,<<Kunoo barri tokko in dhufa;
bara sanas utuu
namni sanyii facaasuu,
booddee isaatiin immoo inni tokko haamaatti in ka'a;
akkasumas utuu inni tokko
ija waynii cuunfuu,
inni kaan dhaabuuf
lafa baqaqsuutti in ka'a;
tulloonni, cuunfaa waynii
isa haaraa in coccophsu,
gaaronni hundinuus in fiilu*.
Saba koo Israa'elin gara gaariitti nan deebisa;
isaan mandaroota diigaman
deebisanii ijaaranii keessa jiraatu;
iddoo dhaabaa waynii in qopheeffatu,
daadhii waynichaas in dhugu,
lafa muka ija kennu dhaabatan in qabaatu,
ija isaas in nyaatu*.