1
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:45
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Daawit immoo Filisxeemichaan,<<Ati illee billaa, eeboodhaa fi bodee keetiin anatti dhuftaa, ani garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa maccaa, Waaqayyo loltoota Israa'el isa ati itti ga'ifte sanaan sitti nan dhufa*
Compare
Explore Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:45
2
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:47
Lolli kan Waaqayyoo waan ta'eef, Waaqayyo harka keenya keessa si buusa; Waaqayyo billaadhaa fi eeboodhaan akka hin oolchine wal ga'iin kun hundinuu in beeka>> jedhe.
Explore Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:47
3
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:37
Itti fufees,<<Waaqayyo inni harka leencaatii fi amaaketaa na oolche, harka Filisxeemicha kanaas na oolcha>> jedhe; Saa'ol kana irratti Daawitiin,<<Egaa dhaqi! Waaqayyo sii wajjin haa ta'u!>> jedhe*.
Explore Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:37
4
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:46
har'a Waaqayyo harka koo keessa si buusa; ani si ajjeesee mataa kee si irraa nan kuta, reeffa loltoota Filisxeemis allaattota waaqa keessa balali'anii fi bineensota caakkaatiif nan godha; yommus gooftichi Israa'elootaaf Waaqayyo isaanii akka ta'e guutummaan biyya lafaa in beeka.
Explore Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:46
5
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:40
Achumaanis ulee isaa fudhatee, dhagaa guggumee shan immoo lagaa funaanee korojoo isaatti naqatee, furrisa isaas fudhatee gara Filisxeemichaatti in dhi'aate.
Explore Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:40
6
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:32
Daawit yeroo sanatti Saa'oliin,<<Ani garbichi kee Filisxeemicha kana dhaqee nan lolaatii namni tokko illee garaa isaatti isa hin sodaatin!>> jedhe.
Explore Macaafa Saamu'el Isa Duraa 17:32
Home
Bible
Plans
Videos