1
Wongeela Maarqoosii 13:13
Guji Oromo New Testament 2007
Nami martinuu sababa kiyyaaf isin jibba. Haga muumme'ee ka ossatu ammoo hin fayya.
Compare
Explore Wongeela Maarqoosii 13:13
2
Wongeela Maarqoosii 13:33
Yennaan yoom akka teete isin waan hin beenneef ifi eeggadha'a! Damaqa'a!.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:33
3
Wongeela Maarqoosii 13:11
“Yennaa qabanee gara mura'aa isin geessane, ‘Maan dubbanna laati?’ jedhaa dursitanee hin yaadina'a. Ammoo waanuma yennaa san isinii kenname dubbadha'a; dubbii isin dubbattanu ka dubbatu Ayyaana Woyyicha malee isinii moti.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:11
4
Wongeela Maarqoosii 13:31
Ol-gubba'aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru” jedhe.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:31
5
Wongeela Maarqoosii 13:32
“Guyyaa san yookiin yennaa san eennulle hin beeku. Abbaa malee, ergantooti ol-gubba'aalle hin beekanu; Ilmille hin beeku.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:32
6
Wongeela Maarqoosii 13:7
Woraanaa fi oduu woraanaa yennaa dhageettane, hin sodaatina'a. Wonni akkasii kun te'uu qaddi; kun ammoo muumme'ee moti.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:7
7
Wongeela Maarqoosii 13:35-37
Maarre, abbaan manaa galgala yookiin halkan hoxxeessa, yookiin iyya lukku'uu, yookiin barii dhufuu isin waan hin beenneef dammaqa'a! Dedhuma yoo dhufe rattaneertanuun mee isin dhagguu ti. Ani waan isiniin jedhu nama maraanuu jedha. Dammaqa'a!”
Explore Wongeela Maarqoosii 13:35-37
8
Wongeela Maarqoosii 13:8
Gosi gosatti, mootummaan mootuumma'atti hin kaati; latti addee heddu'uun hin tachooti; beeltille hin teeti. Ammoo kun akka ciniinsuu jalqabaa ti.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:8
9
Wongeela Maarqoosii 13:10
Ammoo muummeen dhufiisaan dura, Oduun Gammadaa kolbaa maraaf lallabamuu qaddi.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:10
10
Wongeela Maarqoosii 13:6
Namooti hedduun, ‘Ani Kiristoos’ jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan; namoota hedduulle hin dokonkorsan.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:6
11
Wongeela Maarqoosii 13:9
“Isin ifi eeggachuu qaddan. Qabanee gara mura'aa isin hin geessan; Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti isin hin dhaanan. Akka anaaf dhugaa teetanu, anaaf jettanee bulchitootaa fi mootota dura hin dhaabbattan.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:9
12
Wongeela Maarqoosii 13:22
Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an. Isaan yoo dande'ane kolbaa Waaqi filatelle dokonkoriisaaf baasaa fi bilbaasa hujan.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:22
13
Wongeela Maarqoosii 13:24-25
“Guyyootuma san keessa, yennaa rakko'oo saniin duuba, aduun hin dukkanti; jiinille deebi'ee hin ifu. Urjooti ol-gubbaa irraa hin harcaa ti; hunni ol-gubba'aa hin raafan ti.
Explore Wongeela Maarqoosii 13:24-25
Home
Bible
Plans
Videos