Pheexroos isaan, “Anaaniyaas! Akka ati Ayyaana Woyyicha sodduu fi beesee lafa itti gurguratte akka hambifattu, seexanni yaada keeti akka toowatu maaf itti lakkitte? Adoo ati hin gurgurin dura, latti teetumaa motii? Eega gurgurteen duuballe beeseen teetumaa motii? Maaf waan akkasii tolchiisaaf yaadatte ree? Ati Waaqa sodde malee, namaa moti” jedheen. Anaaniyaas akkuma jecha kana dhage'een, jigee du'e; worri marroo waan kanaa dhage'ane duudiille bararaqane.