Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 22

22
Yesuusiin Ajjeesu'uuf Mari'atan
(Mat. 26:1-5,14-16; Mar. 14:1-2,10-11; Yoh. 11:45-53)
1Ayyaanni Faasikaa jedhamu dhiyaate. 2#20:19; Mat. 21:46; Mar. 12:12; Yoh. 5:18 Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee gumii sodaatan malee attamiin akka isa balleessan yaada'aa turan. 3#Yoh. 13:2,27; Hu. Er. 1:16 Seexanni darasoota kudha lamaa keessaa Yihuudaa nama biyya Keriyooti jedhamutti gale. 4Inni attamitti akka isa dabarsee kennu bulchoota gadootaatii fi worra mana woyyu'uu woliin mari'ate. 5Isaan gammadanii birrii isaa kennu'uuf wolii galan. 6Inni maarre jedhe; bakka baniin hin jirretti dabarsee isaanitti kennu'uuf hennaa isaa tolu soqa'aa ture.
Yesuus Hurbaata Ayyaana Faasika'aa Nyaachu'uuf Qophaaye
7 # Ser. Ba'u. 12:6,14,15 Ayyaanni Faasika'aa ka hoolaan itti qalamu geennaan, 8#Ser. Ba'u. 12:8-11 Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Hurbaata Ayyaana Faasiika'aa akka nyaannu deema'aatii qopheessaa'a!» jedhee isaan erge. 9Isaan, «Eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?» jedhaniin. 10Innillee akkana isaaniin jedhe, «Gara qacha'aa hennaa seentan nama ottee bisaanii baadhate tokkotti dhuftan; gara mana isaa faana deemaa'a. 11Abbaa mana saniitiin, ‹Barsiisaan darasoota ufii woliin manni keessumma'aa ka hurbaata Ayyaana Faasika'aa itti nyaadhu eessa? siin jedha› jedha'aanii. 12Inni mana mana gubba'aa gamoo keessatti galma afame badhaa isinitti mudhisaa achitti nuu qopheessaa'a!» 13#19:32 Isaanillee dhaqanii akkuma inni jedhe arganii hurbaata Ayyaana Faasika'aa qopheessan.
Hurbaata Goofta'aa
(Mat. 26:26-30; Mar. 14:22-26; Qor. 1ffaa 11:23-25)
14Hennaa sa'aatiin gaye Yesuus ergamtoota kudha lamaa woliin hurbaata'aaf taa'e. 15#Qor. 1ffaa 5:7 Innillee, «Rakkoo kiyyaan dura isin woliin hurbaata Ayyaana faasika'aa kana nyaatu'uuf guddisee halcheera. 16Ani akkana isiniin jedha, haga jeennanni Rabbii raawwatamuuf ani duranaa deebi'ee kana irraa hin nyaadhu.» jedheen. 17Xuwwee ol fuudhee haga galatoonfateen maayessa akkana jedhe, «Hoo'aa; kana wolii qoodaa'a! 18Ani isinitti himaa haga jeennanni Rabbii dhuftutti ammaa jalqabee daadhii woyini'ii kana irraa hin dhugu» jedhe. 19#24:30; Hu. Er. 27:35 Xoroshoollee fuudhee galatoonfatee cabsee, «Kun foon kiyya ka isinii kenname; ittiin na qaabadhaa'a!» jedhee isaanii kenne. 20#Ser. Ba'u. 24:8; Erm. 31:31-34 Akkasuma hurbaataan maayessa xuwwee ol fuudhee akkana jedhe, «Untoon kun waadaa haarawa dhiiga kiyya ka isinii jiguun raawwatamu. 21#Far. 41:9; Yoh. 13:21 Haa ta'uu ammo dabarsee ka na kennu kunoo harki isaa na woliin hurbaata irra jira. 22Ilmi Namaa akkuma itti murtaayetti hin deema. Haa ta'uu ammo ka dabarsee na kennu san hobbaas!» jedhe. 23#Yoh. 13:22 Isaanillee, «nu keessaa namni waan kana godhu eennuun ta'inna?» jedha'aa wol gaafachuu jalqaban.
Eentu Caala?
(Mat. 18:1-5; 20:24-28; Mar. 9:33-37; 10:41-45; Luq. 9:46-50)
24Akkasuma isaan keessaa namni nama maraa caalu eennu jedhanii wol morman. 25Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Mootonni banii irratti baallii qaban; worri isaan irratti aangoo qaban worra waan mishaa hojjate› jedhaman. 26#Mat. 23:11 Isin biratti ammo akkasi hin ta'in; san caalaa isin keessaa ka hangafa ta'e akka maandha'aa; ka bulchaa ta'ellee akka tajaajila'aa haa ta'uu. 27#Yoh. 13:4-16 Ka hurbaataaf taa'e yookaan ka hojjatu keessaa kamtu gudda'a? Ka taa'ee mitii? Ani ammo isin eddu'utti akka hojjata'aati. 28Haa ta'uu ammo isin hennaa rakkinna kiyyaa na woliin jabaattanii jiraattaniirtan. 29-30Akkuma abbaan kiyya na muude#22:29-30muude: moosise Anillee ammo jeennata tiyya keessatti hurbaata kiyya nyaata'aa dhuga'aa gosa Israa'elii kudha lamaan irratti akka murteessitan; jeennata keessa akka teettan isin muudeera.»
Yesuus Akka Pheexroos Ganu Firrisee Dubbate
(Mat. 26:30-35; Mar. 14:26-31; Yoh. 13:36-38)
31Gooftaan ammallee akkana jedhe, «Simoon! Simoon! kunoo, seexanni akka qamadi'ii isin gingilchu'uuf na kadhate. 32#Yoh. 17:9-15; 21:15 Ani ammo akka amantiin kee hin banne sii kadhadhe. Ati hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen. 33#22:54 Innillee akkana jedheen, «Gooftaa kiyya! ani gara mana hidha'aatii fi gara du'aallee si woliin deemu'uuf qophaayeera» 34#22:61 Yesuus ammo, «Pheexroos! ani sitti hima, ati uduu lukkuun hin iyyin ‹ani si hin beeku› jettee adha hennaa sadihi na ganta» jedheen.
Yesuus Gaara Ejersaa Irratti Faateffate
35 # 9:3; 10:4; Mat. 10:9-10; Mar. 6:8-9 Achiin maayessa Yesuus, «Korojoo, qaraciitii yookaan kophee uduu hin qabatin hennaa ani isin erge wonti isin jalaa dhidhate jiraa?» Isaaniin jedhe.
Isaanillee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhan. 36#22:49 Inni ammo, «Ka korojoo, yookaan qaraciitii qabu haa qabatuu; akkasuma ka guraadee hin qabnellee uffata ufii gurguree guraadee haa bitatuu. 37#Isa. 53:12 Ani akkana isiniin jedha, ‹Worra hamaa woliin laakkayame› jedhamee ka barreeffame na irratti raawwatamuu barbaachisa; Ee anaaf amma wonti ta'u na irratti waan raawwatamuuf» isaaniin jedhe. 38Isaanillee, «Gooftaa! kunoo guraadee lamatu as jira» jedhaniin; Innillee, «Hin gaya!» isaaniin jedhe 39#21:37; Mar. 14:26; Yoh. 18:1 Yesuus achi keessaa bayee akkuma aadeeffate gara gaara ejersaa deeme. Darasoonnillee akkasuma isa faana deeman. 40#22:46 Haga hulee san gaye, «Ataabe'etti akka hin galle dammaqa'aa Rabbiin kadhadhaa'a!» isaaniin jedhe.
41Isaan irraa haga darbata dhaga'aa fagaatee jilbiiffatee, 42#Mat. 6:10; Yoh. 6:38 «Abbaa kiyya fedhii kee yoo ta'e mijuu tana na irra dabarsi. Haa ta'uu ammo fedhii kee malee kiyyaa hin ta'in» jedha'aa faateffate. 43Achiin maayessa Maleekkaan isa jajjabeessu samii irraa dhufe. 44#Ibr. 5:7 Inni garaa ufii keessatti guddisee hucuucamee faateffata'aa ture. Fuuruun isaa akka dhiigaa lafatti coccophe. 45Hennaa faatee irraa ka'e gara darasoota ufii dhufee waan guddisee gaddee tureef dadhabanii ka rafaniiran argee, 46#22:40 «Maaf raftan? ataabe'etti akka hin galle ka'aatii dammaqa'aa Rabbiin kadhadhaa'a!» isaaniin jedhe.
Yesuusiin Qaban
(Mat. 26:47-56; Mar. 14:43-50; Yoh. 18:3-11)
47 # Hu. Er. 1:16 Uduu inni dubbata'aa jiru namoonni hedduu gara isaa dhufan, darasoota kudha lamaan keessaa namichi Yihuudaa jedhamu tokko isaan afoo deema'aa ture. Inni Yesuusiin dhungachu'uuf gara isaa dhufe. 48Yesuus ammo, «Yihuudaa'a! Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee kennitaa?» jedheen. 49Worri isa woliin jiran waan ta'aaru haga argan, «Gooftaa'a! guraade'een dhoofnuu?» jedhaniin. 50#Yoh. 18:26 Isaan keessaa tokkochi hojjataa bulchaa gadootaa dhayee gurra mirgaa irraa mure. 51Yesuus ammo deebisee, «Dhiisaa'a! waan kana itti hin deebi'inaa'a!» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.
52 # 22:37 Yesuus worra gara isaa dhufan bulchoota gadootaa, ajajoota mana woyyu'uutii fi manguddootaan, «Akka waan ani shiftaa ta'ee guraade'ee fi bokkuu qabattanii dhuftanii? 53#19:47; 21:37; Yoh. 7:30; 8:20; Qol. 1:13 Hennaa guyyama guyya'aan mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu na hin tundhe; amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi ka baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe.
Pheexroos Yesuusiin Gane
(Mat. 26:57-58,69-75; Mar. 14:53,54,66-72; Yoh. 18:12-18,25-27)
54 # 22:33 Isaan Yesuusiin qabanii fuudhanii gara mana bulchaa gadootaa geessan. Pheexroos ammo fago'otti isa faana deema'aa ture. 55Hennaa jarri dallawa keessatti ibidda bobeessan Pheexroosillee gara ifaatiin edduu isaanii taa'ee uduu jiru, 56Hojjattuun takka xiinxallitee laaltee, «Kunillee Yesuusiin woliin ture» jette. 57Inni ammo, «Intalattii nana! ani isa hin beeku» jedhee waakkate. 58Hennaa diqqo'oon maayessa namni biraa isa argee, «Atuu isaanuma keessa» jedheen.
Pheexroos ammo, «Namana namni sun anaa miti» jedheen.
59Gara sa'aatii tokkoo haga tureen maayessa, «Namni biraallee inni nama Galiila'aati; dhugamaan namichi kunillee isa woliin jira» jedhe. 60Pheexroos ammo deebisee, «Namicha nana waan ati jettu kana ani hin beeku!» jedhe. Uduma inni kana dubbata'aaru lukkuun iyye.
61 # 22:34 Hennaa san Gooftaan midhatee Pheexroosiin laale. Pheexroos dubbii Gooftaan, «Adha uduu lukkuun hin iyyine hennaa sadihi na ganta» jedhe qaabate. 62Pheexroos diida bayee mararamee booye. 63Namoonni Yesuusiin qaban isatti balda'aa dhaanan. 64Isaan ija isaa hidhanii, dhaya'aa waan turaniif, «Ka dhabanaasa'aan si dhaye eennu? Mee raaga dubbadhu!» jedha'aa isa gaafatan. 65Waan biraallee waan hedduu jedha'aa arrabsa'aanii turan.
Yesuus Yaa'ii Murti'iititti Dhiyaate
(Mat. 26:59-66; Mar. 14:55-64; Yoh. 18:19-26)
66 # Mat. 27:1; Mar. 15:1 Hennaa lafti bariite manguddoonni biyyaa, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee wol gayanii gara yaa'ii murti'ii fidanii, 67#Yoh. 3:12; 8:45; 10:24 «Kiristoos si'ii? mee nutti himi!» jedhaniin. Inni ammo, «Yoo ani isinitti hime hin amantan; 68Yoo isin gaafadhellee naa hin deebiftan, na hiitan. 69#Far. 110:1; Hu. Er. 7:56 Haa ta'uu ammo amma irraa jalqabee, Ilmi Namaa mirga hunna Rabbii taa'a!» jedheen.
70 # 4:3-9; Mat. 4:3 Isaan martinuu, «Eegasuu ati Ilma Rabbii tii?» jedhaniin.
Innillee, «Akka ani isa ta'e isinuu jedha'aartan» isaaniin jedhe.
71Isaan, «Nu'uu afaan isaatii dhageenneerra, ammaa achi ragaa maal nu barbaachisa?» jedhan.

Kleurmerk

Deel

Kopieer

None

Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan