Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 16
16
Mammaaka Tooyataa Qaro'oo
1Yesuus deebi'ee darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Dureessi woyii hojjataa isaa hojjatu tokko qaba ture; Hojjataan kun qabeenna nama dureessaa san akka ofoolleessu oduun isa bira gaye. 2Kanaafuu dureessi sun isa waamsisee, ‹Wonti kee ka ani si irratti dhagaya'aaru kun maali'i? Duranaaf hojjataa kiyya ta'uu ammaa achi waan hin dandeenneef galii herrega hujii keetii naa dhiyeessi› jedheen. 3Hojjataan sun garaa ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya hujii keessaa waan na baasuuf maal naa woyya? Lafa qotu'uuf hunna hin qabu; kadhachuullee hin saalfadha. 4Hennaa hujii tooyatu keessaa baye akka namoonni na simatan anuu waan godhu hin beeka› jedhe. 5Innillee worra liqaan goofta'aa irra jiru tokko tokkoon ufitti waamee, ka duraatiin, ‹Liqaan gooftaa kiyyaa hagamtu si irra jira?› jedhee isa gaafate. 6Innillee ‹sayitii ottee dhibbaatitu na irra jira› jedheen. ‹Galmee hoo'uu dafii taa'ii shantama jedhii mallatteessi› jedheen. 7Maayessa ka biraatiinillee, ‹Ati liqaa meeqatu si irra jira?› jedheen. Innillee, ‹Qamadii qalqala dhibba› jedheen. ‹Galmee kana hoo'uu qamadii qalqala saddeettama jedhii mallatteessi› jedheen. 8#Efe. 5:8 Gooftaan tooyataa hin amanamnee sun mala inni dhayate saniif hin jajeen. Namoonni adunyaa tanaa worra akka isaanii woliin hajaa isaanii guuttachuu irratti namoota Rabbii caalaa qaro'o. 9#12:33; 14:14; Mat. 6:20; 19:21 Yesuus akkana isaaniin jedhe, kanaafuu qabeenna dharaa ka akkanaa ka adunyaa kanaatiin fira baafadhaa'a. Kana yoo gootan hennaa horiin sun isin jalaa dhumee harka duwwaa haftan; firri keessan jiruu bara baraa keessatti isin simatan.
10 #
19:17-26; Mat. 25:20-30 «Namni waan diqqo'oon amanamaa ta'e akkasuma waan gudda'attillee amanamaa ta'a; namni waan diqqoo irratti hin amanamne, waan gudda'attillee hin amanamu. 11Eegasuu isin birrii biyya lafaa ka sobaa irratti yoo hin amanamne, birrii dhuga'aa eentu yaboo isinitti kenna ree? 12Birrii nama biraatiin yoo hin amanamne, birrii isiniif ta'u eentu isinii kenna ree? 13#Mat. 6:24 «Garbichi tokkochi gooftaa lamaa ta'uu hin danda'u; tokko jibbee kaan jaalata; yookaan gara tokkoo siiqee, kaan irraa fagaata. Rabbii fi horii qixa jaalachuu hin dandeettan.»
Seera Muuse'eetii Fi Jeennata Rabbii
(Mat. 11:12-13)
14 #
Mat. 23:14
Fariisonni worri horii jaalatan waan kana maraa dhagayanii itti baldan. 15#18:9-14; Mat. 23:28 Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin namoota afo'otti balchaa uf gootan. Haa ta'uu ammo Rabbi waan garaa keessan keessa jiru hin beeka. Ka nama biratti kabajjame, Rabbiin biratti battii waan ta'eef. 16Seerrinii fi raattonni haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hojjata'aa turan. Hennaa san irraa jalqabee Dubbiin Nagayaa ka jeennata Rabbii lallabameera; namni maruu gara jeennataa galu'uuf jabaatanii tattaafatan. 17#21:33; Mat. 5:18 Haa ta'uu ammo seera irraa qabxiin tokkottiin gatamuu irra, sami'ii fi ardiin badu'utu salpha'a.
18 #
Mat. 5:32; 19:9; Mar. 10:11-12; Qor. 1ffaa 7:10-11 Ka haadha manaa hiikee ta biraa fuudhu maruu hin seebara. Namni dubartii abbaa manaa jalaa baate fuudhullee hin seebara.
Namicha Dureessaa Fi Alaazaar
19 #
Yaq. 5:5
Namicha dureessa uffata diima'aa fi uffata haphii fuuttaa irraa hojjatame uffate tokkotu ture. Hennaa maraa qananii keessa jiraata. 20Karaa balbala mana isaa afoo hiyyeessa Alaazaar jedhamu ka nafti isaa marti mammadaayee ciccite tokkotu ture. 21#15:16; Mat. 15:27; Mar. 7:28 Inni hambaa nyaata dureessa sanii nyaatu'uuf kajeela. Sariin dhaxxee madaa isaa arraabdi. 22#Ibr. 1:14; Far. 73 Namichi hiyyeessi sun hin du'e; maleekkonni Rabbii Abrahaamiin bira fidan. Dureessi sunillee du'ee awwaalame. 23Uduu inni asaaba keessatti rakkata'aaru ol midhatee Abrahaamiin fago'ootti argee, Alaazaariinillee Abrahaamiin biratti arge. 24Inni laagaa ufii ol qabatee iyyee, ‹Abbaa kiyya Abrahaam! naa araarami! Ani amma ibidda kana keessatti gubadhee waan rakkata'aaruuf, Alaazaar akka qubaan bisaan tuqee arraba kiyya naa qabbaneessuuf yabo'oo naa ergi› jedheen.
25 #
6:24; Far. 17:14 Abrahaam ammo akkana jedhee deebise, ‹Ilma kiyya! ati bara jireenna keetii akka waan mishaa argatte qaabadhu; Alaazaar ammo akka rakkata'aa ture yaadi. Amma ammo asitti isaa toleera, ati ammo rakkata'aarta. 26Waan kana maraa keessatti worri asii achi gara keessan lufuu barbaadan akka hin dandeenne; worri achi jiranillee gara keenna akka hin ceene nu'uu fi isin jidduu qilee gudda'atu jira› jedhe. 27Dureessichillee akkana jedhee deebiseef, ‹eegasuu Abbaa! gara mana abbaa kiyyaa Alaazariin akka naa ergitu si kadhadha. 28Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaan ammo gara hulee ani itti rakkata'aaruu kana akka hin dhufne inni dhaqee isaan haa seeruu› jedhe.
29 #
Xim. 2ffaa 3:16
Abrahaam ammo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota waan qabaniif, isaanuma haa dhagayanii› jedheen. 30Achiin maayessa namichi dureessi, ‹Waa! abbaa kiyya Abrahaam, namni tokko du'aa ka'ee uduu dhaqee isaanitti himee garuu cubbuu ufii irraa hin deebi'an› jedhe. 31#Yoh. 5:46; 11:43-53 Abrahaam ammo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota yoo hin dhageenne, yoo namni tokko worra du'an keessaa ka'ellee hin amanan› » jedhe.
Tans Gekies:
Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 16: KitWoy
Kleurmerk
Deel
Kopieer
Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan